Pirezidant Isaayyaas waraanni isaanii humna 'dubbii barbaadu' tasgabbeesse jedhan

Madda suuraa, Getty Images
Pirezidantiin Ertiraa Isaayyaas Afawarqii waraanni isaanii humna ‘dubbii barbaadu’ tasgabbesseera jechuun dubbatan.
Pirezidant Isaayyaas kan kana jedhan Waggaa Haaraa bara 2023 sababeeffachuun ergaa dabarsaniini.
''Raayyaan Ittisa Biyyaa Ertiraa haala weerara raawwachuuf taasifame deebisanii haleeluun tasgabbesseera. Kanaanis, gammachuun [boonuu] kiyya daangaa hin qabu,’’ jechuun waa’ee waraana isaanii dubbatan.
Bara 2022 xumurame keessa lammiileen Ertiraa biyya keessas ta’e ala jiran ''dammaqinaaniifi ejjennoo hin raafamneen qabsoo nama boonsu gaggeessaniiru,’ jedhan.
Pirezidant Isaayyaas humna yookiin waraana weerara raawwachuuf ‘carraaqaa’ ture jedhan maqaan hin dhoofne.
Haa ta’u malee, waraanni biyyattii Raayyaa Ittisa Biyyaa Itoophiyaa waliin ta’un waggoota lamaan darban humnoota Tigraay lolaa ture.
Waraana Kaaba Itoophiyaa keessatti qooda fudhachuu ishee ifatti Ertiraan wanti dubbatte jiraatuu baatus jiraachuun TPLF akka yaaddo itti ta’u ibsiti.
Yeroo waraanni Tigraayitti waggaa lama dura jalqabe humnoonni TPLF rokeetiiwwan gara magaalaa Asmaraatti dhukaasanii turan. Kunis, biyyattiif akka yaaddootti fudhatame.
Baatii lama dura marii Afrikaa Kibbaatti taasifameen mootummaan Itoophiyaafi TPLF waraana karaa nagaan xumuruuf waliigalaniiru.
Haa ta’u malee, waliigaltee kana keessatti Ertiraan hin eeramne.
Ta'ullee, waliigaltee kana keessa qaamoleen alaa - kan miseensa Raayyaa Ittisa Biyyaa Itoophiyaa hin taane - Naannoo Tigraay keessa akka bahan hima.
Pirezidant Isaayyaas ergaa isaaniin bara 2022 keessa biyyattiin koronaavaayirasiifi balaawwan uumamaan qoramu ibsan.
Kanneen caalaa garuu dhiibbaan biyyoota Lixaa Ertiraa irratti cimee akka ture ifatti himan.
Bulchaan biyyattii dubbii isaaniin bara 2023 keessas ‘shirri’ biyyoota Lixaa akka itti fufuu danda’u dubbatan.
Biyyi Gaanfa Afrikaa Ertiraan biyya paarlaamaan, heerri akkasumas miidiyaaleen walabaa kan keessa hin jirredha.
Mootummaan Pirezidant Isaayyaasis mootummaa addunyaarraa 'qollifame' jedhamuun beekama.

Madda suuraa, Getty Images
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Waraana Itoophiyaa keessa adeemaa turen waraanni Ertiraa badiiwwan jajjaboo lammiilee nagaa irratti raawwachuuniifi qabeenya mancaasuun himatama.
Biyyattiin garuu himannaa irratti dhihaatu hin fudhattu.
Erga waliigalteen nagaa raawwate boodas waraanni Ertiraa badiiwwan raawwataa jira, isaan yoo bahan malee Naannoo Tigraay keessa nagaan hin bu’u jechuun qondaaltonni TPLF himu.
Torban darbees loltoonni Ertiraa magaalota Tigraay keessaa bahaa jiraachuu jiraattonni dubbataniiru.
Maddi oduu Rooyitarsi jiraattonni natti himan jechuun akka gabaasetti, loltonni Ertiraa Shiree Indasillaasee fi Aksuum keessaa bahaniiru.
BBCn gamasaatiin konkolaataawwan loltoota Ertiraa fe’an hedduun karaa magaalaa Aksuumiin dhufuun gara Shiraarootti darbuusaanii arguu jiraattota Magaalaa Shiree irraa odeeffateera.
Jiraattonni kunneenis sochiin loltoota Ertiraa jiraachuu haa argan malee, Tigraay gadhiisanii bahuusaaniif mirkanneeffachu hin dandeenye jedhan.
Ameerikaan sarbama mirga namoomaa raawwateen walqabatee ajajoota waraanaa akkasumas dhaabbilee Ertiraa irratti qoqqobbii kaa’uun ishee ni yaadatama.












