Ministirri Muummee Abiy Ahimad Ministira Dhimma Alaa Chaayinaa waliin mari'atan

Ministirri Dhimma Alaa Chaayinaa daawwannaa biyyoota Afrikaa kan jalqabaa Itoophiyaarraa eegalani

Madda suuraa, Abiy Ahmed/ Twitter

Ibsa waa'ee suuraa, Ministirri Dhimma Alaa Chaayinaa daawwannaa biyyoota Afrikaa kan jalqabaa Itoophiyaarraa eegalani

Ministirri Muummee Itoophiyaa Abiy Ahimad Ministira Dhimma Alaa Chaayinaa dhihoo muudaman Chin Gaang waliin Finfinneetti marii gaggeessan.

Aangawaan Chaayinaa daawwannaasaanii biyyoota Afrikaa kan jalqabaa Itoophiyaarraa eegalani.

Imalaasaanii torbee tokkoof turu kanaan biyyoota Afrikaa shan- Itoophiyaa, Gaabon, Angoolaa, Beniin fi Masrii ni daawwatu.

''Hariiroon biyyoota lamaan ammallee cimee itti fufeera,‘‘ kan jedhan MM Abiy, dhimmoota wal ta’umsaafi karoora waloo qaban irratti mari’achuu himan.

Qondaalli Chaayinaa yeroo jalqabaaf gara biyyoota Afrikaa imalaa jiran kun jalqaba Finfinnee, Buufata Xiyyaaraa Idil-addunyaa Booleetti gitasaanii kan Itoophiyaa Obbo Dammaqa Mokonniniin simataman.

Hanga yeroo dhihootti UStti ambaasaaddara Chaayinaa kan turan Aab Chin, dhuma Muddee darbee ture ministira dhimma alaa kan ta'an.

Wayita Finfinnee turanitti aanga'oota Gamtaa Afrikaa waliin walargu jedhamee eegama.

Akkasumas Giddugala To'annoo fi Ittisa Dhibee Biyyoota Afrikaa kan teessoon isaa guddicha magaalaa Finfinneetti argamu daawwachuuf jiru.

Chaayinaan michuu daldalaa biyyoota Afrikaa hedduuti.

Haata'u malee biyyoonni Afrikaa-keessattuu Itoophiyaan dirree walmorkii Chaayinaa fi warra lixaa ta'aa jirti jechuun kanneen yaada kaasan jiru.

Kanaan duras Ministirri Dhimma Alaa duraanii Chaayinaa Wang Yi wayita sababa waraana kaaba Itoophiyaa tureen biyyoonni kaan akka lammiileensaanii biyyattii keessaa ba'an ajajaa turanitti gara Itoophiyaa imalanii turan.

Kunimmoo aanga'oota Itoophiyaa biratti miira gammachuu uumeera.

Maxxansa X irra dabri
Qabiyyee X hayyamtaa?

Barreeffamni kun qabiyyee [social_media-site]n dhiyaatan qaba. Tarii 'cookies' fi teknolojiiwwan biraa fayyadamuu waan danda'aniif, osoo tokkoonsaa gadi hin buufamiin dura hayyama keessan gaafanna. Osoo hin simatin dura Ximaammata cookies fi imaammata mateenyaa dubbisuu barbaadda ta'a. Qabiyyee kana ilaaluuf 'waliigaluun itti fufi' filadhu.

Hubachiisa: Qabiyyee marsariitiiwwan alaatiif BBCn itti gaafatamummaa hin fudhatu.

Xumura maxxansa X

Bara 2021 Muddee keessa wayita Aab Wang Yi Itoophiyaa daawwatan, Amajjii 2022 Ameerikaan Itoophiyaa fi biyyoota Afrikaa muraasa carraa daldala qaraxa irraa bilisaa keessaa baasuuf murteessitee turte.

Daawwannaan sunis dhimma kanaan akka walqabatu dubbatamaa ture.

Ministira Dhimma Alaa Chaayinaa Qin Gang fi gitasaanii kan Itoophiyaa Obbo Dammaqa Mokonnin

Madda suuraa, MFA Ethiopia

Ibsa waa'ee suuraa, Ministira Dhimma Alaa Chaayinaa Chin Gaang Ministira Dhimma Alaa Itoophiyaa Obbo Dammaqa Mokonninitu simate

Bara 2022 Muddee darbe gara jalqabaa ammoo, Chaayinaan Itoophiyaa biyyoota oomisha isaanii qaraxarraa bilisa gochuun gabaa bilisaatti akka gargaaraman eeyyamameef keessaa tokko ta'uu Ministirri Daldalaa fi Hariiroo Naannoo ibsee ture.

Mootummaan Chaayinaa biyyoota Afrikaa harka caalu waliin hariiroo daldalaa cimsachuuf oomishni heddu qaraxa irraa bilisa ta'ee gara gabaa ishee akka ergamuuf eeyyamtee jirti.

Itoophiyaan carraa gabaa bilisaatti gargaaramuuf ragaalee barbaachisoo otoo hin guutin haftee, carraa gabaa bilisaa Chaayinaan bante kanatti dhimma bahuu hin dandeenye turte.