Waldhabdee Sudaan IGAD gidduu seenee furuu qaba- Isaayas Afawarqii

IGAD wal-dhabdee Sudaan keessa jiru furuurratti xiyyeeffachuu qaba jechuun pirezidaantiin Ertiraa Isaayas Afawarqii dubbatan.

Pirezidaant Isaayas kana kan jedhan af-gaaffii TV biyyattii waliin taasisaniin yoo ta'u, haalli amma Sudaan keessa jiru yaaddoo addunyaa ta'uu akka qabus dhaaman.

Biyyoonni tokko tokko fedhii dhuunfaa keessa qabaatanis IGAD adda dureen dhimma kooti jedhee uummanni Sudaan gara siyaasa haaraatti akka cehu gargaaruu danda'as jedhan.

Deeggarsi ariifachiisaan akka barbaachisu himuun, waraanni hamaan Sudaanitti gaggeeffamaa jirus hatattamaan dhaabatuu akka qabus dhaaman.

Sudaan keessatti raayyaa biyyaafi humni nageenyaa tokko jiraachuu qabaachurratti burjaajin jiraachus akka hin qabne jabeessanii dubbatan.

Rakkoo Sudaan keessa jiru ilaalchisee Ertiraan deeggarsa barbaachisu hunda gochuuf fedhii akka qabdu dhaamuun, uummanni Sudaan of-danda'anii rakkoosaanii ofiin furachuu qabu jedhan.

Dhimma daangaa Ertiraan Sudaan waliin qabduu ilaalchisee yaada kennaniin biyyisaanii Ertiraan karaa lofoo, galaanarraanis ta'ee qilleensarraan lammiilen Sudaan waraana baqatan simachuuf qophii ta'uus dubbatan Isaayas Afawarqiin.

Lammilee Sudaan qofa osoo hin taane kanneen biroo waraana kanaan miidhaman Ertiraan simachuuf qophii akka taates beeksisan.

Haata'u garuu, Ertiraan "suuqii baqattoota" hin taatu jechuun deeggarsa barbaachisaa garuu uummata Sudaaniif akka taasisan himan.

"Uummani Sudaan [obolaan keenya] kanneen dahannoo barbaadan yoo dhufan, uummanni Ertiraa waan qabu isaan wajjin qooddachuuf fedhi qaba," jechuun dubatan.

Gaggeessitoonni waraanaa amma wal-waraanaa jiran itti gaafatamummaa isaanirra jiru bahuun biyyattii gara bulchiinsa uummataan filatameetti akka ceessisanis dhaaman.

Dabaluunis, jijjiiramni bara 2019 Sudaanitti mudatee Omar al-Bashiir aangorraa buuse, cehuumsa siyaasaa haaraa osoo hin taane rakkoofi waraana amma jiru akka dhales dubbatan Isaayas Afawarqiin.