Lammilee lola Sudaan baqachaa jiraniin buufanni galaanaa dhiphachaa jira

Buufanni ulaa galaanaa Sudaan lola biyyattiitti ummameen walqabatee saffisaan wiirtuu murteesssaafi ittiin uummata baqachiisan ta'aa dhufeera.

Gaazexeessituun BBCLyse Doucet ergama namoota gara baasuu Jiddatti taasifamu daawwattee jirti.

Halkan hamaa keessatti wayita HMS Al Diriyaah qarqara galaana Sudaaniitti dhiyaateetti, qondaaltonni Sa'udii nageenya imaltoota dooniisaanii mirkanneeffachuuf ibsaa barbaacha fiigan.

Akkuma lolli Sudaan cimaa dhufeen, buufanni biyyattii kun ulaa ittiin namoonni baafamaa jiraniifi gidduu-gala namoomaatti jijjiramaa jira.

Akkasumas, halkan saatii 8tti bidiruuwwan lama qarqara galaana Buufata Sudaan, buufata ulaa galaanaa biyyattii guddicha, qaqqabuun yaalii baraaruu idil-addunyaa kanaaf dabareesaanii eeggachuu eegalan.

‘‘Amma boqadheera garuu ammoo qaama seenaa kanaa ta’uu kootti baayyeen gaddaa,’’ jedhe Hasan Faraaz lammiin Paakistaan hollachaa.

Dhuma imala saatii 10 boodas, karaa magaalaa buufata Sa'udii Jiddaatiin halkan keessa qarqara buufata doonii Sa'udii kan taate qaqqabne.

Gaazexessitoonni biyya biraa muraasnis, yeroo gabaabduu qofaaf baqattoota Sudaan akka arganiif hayyama argatan.

"Waa’ee taatee kanaa namoonni sichi baroota dhufan hedduuf ni dubbatu,’’ jedhe Faraaz osoo bakka seensaa irratti paasportii agarsiisuuf hiriira dheeraa qabatee dhaabbataa jiru.

Yeroo kanas hojjattoonni dargaggoota biyya Eshiyaa Kibbaa irraa ta’an hedduun, erga imala torban lamaa baayyee cimaa dabarsuun lolicha baqatanii booda, achitti guyyoota sadiif dhaabbataa jiraachuu himan.

Lammiin Paakistaan kan biraa, kan warshaa sibila Sudaan keessa hojjataa ture, ‘‘waa baayyee, dhohiinsa boombii hedduufi dhukaasa’’ arguu dubbata. Achinis kan biraa dabalee dubbachuuf waan baayyee itti cimeef ijasaa galaanarra kaa’un callise.

Sudaanitti yaalin dhukaasa dhaabuu godhamaa ture, haata’u malee, Janaraaloota biyyatti lamaan: Ajajaa Raayyaa Ittisa Sudaan, Janaraal Abdul Fattaah al-Burhaan fi ajajaa Humna Addaa Sudaan Janaraal Mohaammad Haamdaan Daagaloo jidduutti lolichi cimee itti fufeera.

‘‘Lola kana keessatti hanga tokko Buufanni Sudaan bilisa’’ jedhe lammiin Biritishiifi Sudaan kan ta’e Mohaanad Haashim.

‘‘Asitti lollii kan mudatee ture guyyaa jalqabaa Ebla 15 qofa. Amma magaalli buufata galaanaa kun namoota Kaartuumiifi bakkeewwan biroo irraa baqataniin dhiphataa jirti.’’

Namoonni hedduunis osoo waan itti aanu eeggatanii daandiidhuma irra ciisaa turan.

Hoteeloonnis namoota paasportii qaban kan addunyaa maraa irraafi kanneen tajaajila gorsa ariifachiisaa akka kennaniif imbaasiiwwan hojjattootasaanii baasaniin guutamaniiru.

Baayyeenis karaan akka hin jirree yaadda’aa jiru. Lammiilee Yeman, Siriyaa fi Sudaan dabalatee, Buufanni Sudaan irra namoota paasportii biyya biraatti baqachuuf carraa gadaanaa qabanis hedduudha.

Lammiileen Yeman 3,000, kan irra caalaansaanii barattoota ta’an, torbanootaaf Buufata Sudaan turaniiru.

‘‘Warri Sa'udii lammilee Yeman muraasa ni baraaru garuu ammoo, namoota baayyee simachuu hedduu yaadda’u,’’ jedhan gorsaan nageenyaa isaanii tokko.

Imaltoonni Sa'udii qaqqaban baayyeen yeroo gabaabduuf hoteela keessa akka turan taasifamaniiru. Garuu ammoo biyyisaanii yeroo gabaabaa keessatti baasiisaanii kaffaluun akka imala gara biyyasaanii mijeessan ifatti itti himaniiru.

Mohaanaad Haashim Buufata Sudaan irratti tarii firootasaa Sudaan keessaa kan baqataa jiru yoo argeef ilaaluu eegale.

Guyyaa muraasa dura ture imala keenya kan buufata humna galaanaa Mootii Faa’isal kan Jiddaa irraa eegalle.

Akkuma tasaa ilma eessumasaa, kan Galaanaa Diimaa sa’aatii 18’f erga imaleen booda ijoolleesaa xixiqqoo lama waliin Magalaa Sa'udii qaqqabee waliim walarge.

Lammiilee Sudaan paasportii biyya biraatiin galaana qaxxaamuraniif, haallisaa gaarii miti.

‘‘Maaloo, maaloo maatii keenya Sudaan keessatti hafan gargaaraa,’’ jechuun kadhatti Raashaan mucaa gateettiishee irra rafte hammattee.

‘‘Maaloo Sudaan akka oolchaniif addunyaatti nuuf himi,’’ jette irra deebiitee. Maatiin ishee Kaartuum keessa Magaalaa Ispoortii bira jiraatu.

Dhiheenya kana keessa kumaatamni karaa buufata Sudaaniin biyyattii keessaa baqataniiru.

Intallishee kan waggaa 8 taate Lihaan loqoda Ameerikaatiin Afaan Inglizii qajeelchitee kan dubbattu yoo taatu, loltoonni attamiin akka mansaanii cabsanii seenan tokko tokkoon dubbatti.

‘‘Kurnan keenya hundi ni dhokanne kutaa manaa duubatti,’’ jetti. ‘‘Anis calin jedhe. Sagalee tokko dhageessisuu waan hin qabneef jecha anis hin boonye.’’

‘‘Isaanis namoota gaarii miti,’’ jedhe obboleessishee itti dabaluun.

Abaan isaanii ammoo humna Addaa (RSF) akka ture hime. Hidhattoonni isaanis hannaafi jeequmsaan baayyee himatamu.