Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Ayaatolaah Iraan 'diinatu' mormii cimsaa jira jechuun himatan
Hogganaa Olaanaan Iraan, Ayaatoolaah Alii Kohaamaanii diinoota' Iraanitu akka tasgabbiin hin uumamnee taasisuun Riippablika Islaamaa aangoorraa kaasuu barbaadu jechuun himatan.
Kanneen Tehiraaniin mormanitu mormiitti fayyadamuun biyyattii jeequu yaala jedhan.
Haasaan hogganaa kunis erga daluu gatii nyaata bu'uuraa ilaalchiisuun torbanoota hedduuf magaalota keessatti hiriirrii gaggefamaa tureen boodha. Akkasumas, gamoon baatii darbe keessaa jiguun labbuu namootaa galaafate ammoo mormii aanga'oota balaaleeffatu kan biraa kaasee ture.
Ayaatoolaan garuu qaalaa'insa gatii nyaataa biyyatii keessatti mudateef qoqqobbii Ameerikaatu balaaleeffamuu qabaata jedhan.
''Har'a diinoonni sirna Islaamaa kuffiisuuf mormiiwwan gurguddaa lakkaa'au'' jedhan haasaa isaanii Sambata darbe TV biyyatii irratti taasisaniin.
Diinonni ''karaa saayikooloojii, karaa intarneetiifi ergamtoota bobbaasuutiin ummannii akka Riippablika Islaamaa irratti ka'uuf abdatu,'' jedhan.
''Kanaan duras Ameerikaafi warri lixaa gaaffiilee hedduu irratti herrega dogongoraa raawwatanii ture,'' jedhan.
Itti dabaluunis, ''Hanga ammaattis herreguma dogongoraa sanaatiin ummannii akka waan faallaa Riippabliika Islaamaa dhaabbatuu yaadaa jiru,'' jedhan.
Balaa jiguu gamoo magaalaa Abaadaan kan kibba-lixa biyyatiitti mudateen walqabatee naoommi 37 du'aniiru. Kunis bara kana keessatti taatee sukkanneessaa Iraan keessatti mudate jedhameera.
Balaa mudates kan rakkina caasaa ijaarsaa, ulaagaalee nageenyaa dadhabaafi cimiina dhabuu seerawwaniitiin wal qabata jedhameera.
Kanaan wal qabateef Kantiibaa magaalattii dabalatee namoonni 13 to'annoo jala oolfamaniiru.
Haata'u malee, ummanni mormiif bahan ammoo qondaaltoota hunda of eeggannoo dhabuufi malaammaltummaaf himataa jiru.
Akkasuma hiriirri mormii kutaalee biyyattii gara biraa keessattis gaggeeffamaa jira. Mormicha irrattis dhaadannoo ''du'a Kohaamaaniif!'' jedhu dhageessisaa akka turan waraabbii viidiyoo hin mirkanoofnee, miidiyaa hawaasaa irratti gadhiifame irraa ni dhagahama.
Hiriira mormii magaalaa buufataa kibba biyyatiitti argamtu Bushahriitti gaggeeffameenis dhaadannoon wal fakkaatu dhagahameera.