Baayidan bulchaa Yukireeniin 'Pirezidant Putiin', ittaantuusaatiin ammoo 'Tiraamp' jechuun ijoo dubbii ta'e

Pirezidantiin Ameerikaa Joo Baayidan kaleessa (Kamisa) galgala wayita gaazexeessitootaaf ibsa kennan, gitasaanii kan Yukireen Volodmiir Zeleniskiitiin ''Pirezidant Putiin'' jedhanii waamuunsaanii ijoo dubbii ta'eera.

Filannoo dhufurratti paartiisaanii bakka bu'uun pirezidantummaaf ni dorgomu jedhamanii kan eegaman Pirezidant Baayiden, haalli fayyummaasaanii yaaddessaa ta'us, dhimma kanarratti gaaffii gaazexeessitoonni irra deddeebiin kaasaniif wayita deebisan ''fayyaa guutuu'' qabaachuusaanii eeraniiru.

Pirezidant Baayiden kan ifaajaa jiraniif aangoorra turuuf yookiin ammoo leegaasii isaanii itti fufsiisuuf qofa osoo hin taane hojiiwwan bara 2021 keessa eegalan xumuruuf akka ta'e ibsa sa'atii tokkoof ture keessatti mirkaneessaniiru.

''Akka kanaan duraa socho'ee hojii koo hojjechuu yoon dadhabe, gaafa sana akka na ga'e kan mirkanaa'u,'' kan jedhan Baayiden ''amma garuu dadhabbii wanti jedhamu kamiyyuu natti dhagahamaa hin jiru,'' jedhan.

Haala Pirezidant Baayiden kanarratti gariin ciminasaanii agarsiisa wayita jedhan kaan ammoo pirezidantichi dadhabuusaanii amananii fudhachuu dhabuurraa yeroo hunda rincicu jechuun yaada kennu.

Ibsi Baayiden erga xumuramee daqiiqaa muraasa booda miseensonni paartii dimokiraat hedduun Baayiden akka aangoo gadhiisan gaafataniiru.

Baayiden gaaffii jalqabaa gaazexeessitoonni dhiyeessaniif wayita deebii kennan, pirezidantii Itti Aantuu isaanii Kamaalaa haariisiin ''Itti Aanaa Pirezidantii Tiraamp'' jechuun wayita waaman hedduun naasuudhaan ilaalaa turan.

Kun osoo hin mudatin sa'atii tokko dura miseensota Nato waliin sagantaa addaarra kan turan Baayiden, Pirezidantii Yukireen Volodmiir Zeleniskii waamuuf jedhanii ''Pirezidant Putiin'' jechuun hirmaattota sagantichaa rifachiisan.

Baayiden maqaa Zeleniskii wayita waaman dogoggora uuman yogguma sana kan sirreessan yoo ta'u maqaa itti aantuu isaanii Kamaalaa Haariis ilaalchisee dogoggorri isaan uuman garuu miseensota kaabinee isaanii buleeyyii dabalatee namoota siyaasaa hedduu dheekkamsiiseera.

Miseensonni paartii Dimokiraat pirezidantichi dogoggoroota biraa uumanii maqaa paartichaa xureessuun dura tarkaanfiin fudhatamuu qaba jedhan.

Pirezidantichi garuu yaadi kan gonkumaa waan fudhatan hin fakkaatan. Dogoggora uumaas ta'u filannoo Sadaasa dhufu gaggeeffamu irratti Tiraamp waliin morkachuuf waan kutatan fakkaatu.

Dhimma umriisaaniirratti gaazexeessitoonni gaaffii hedduu gaafatan. Baayiden ibsa wayita kennan walabummaadhaan seeqqata dubbatu.

Gitoota isaanii kan Raashiyaa Vilaadmiir Putiin fi kan Chaayinaa Shii Jiinpiing waliin humna dorgomuu danda'u akka qaban gaazexeessitootatti himan.

Pirezidant Baayiden rakkoon fayyaan walqabatu kan irratti mul'achuu eegale amma miti, garuu dhimmi fayyaasaanii ijoo dubbii kan ta'e, falmii jalqabaa filannoo bara 2024 torban lama dura Tiraamp waliin gaggeessan irratti raawwii isaan agarsiisanirraa ka'uun ture.

Duulli filannoo ammallee sirriitti hin eegalamne kan jedhan Baayiden, kora paartii Dimokiraat ji'a dhufu keessa gaggeeffamu irratti miseensonni paartiisaanii abbaa fedhan kaadhimuu akka danda'an ibsaniiru.

Garuu ammoo ofumaa deebisanii ''kun hin danda'amu'' jechuun haasaa qoosaa fakkaatu dubbatan.

Gameessi siyaasaa umrii waggaa 81 kun Wiixata dhufu NBC waliin addatti gaaffii fi deebisuu ni taasisu.