Nagaa kabachiistonni Yukireen Kongoo turan Raashiyaa loluuf biyyatti deebi’an

Loltoonni Yukireen 250 ergama nagaa kabachiisuu Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii (UN) jalatti Rippablika Dimookiraatawaa Kongootti ramadamanii turan humnoota Raashiyaa loluuf biyyatti deebi’an.

Gareen aviyeeshinii Yukireen Bitootessa keessa akka Kongoo keessaa akka bahu yeroo ibsu, ergamni UN helikoftaroota gahaa dhabuu mala jedhanii akka dippilomaatonni akeekkachiisan taasiseera.

Xiyyaaronni waraanaa nagaa kabachiisaan UN Kongootti argamuu finciltoota garagaraa bosona jabaa keessa riphan loluuf gumaacha olaanaa qaba ture.

Helikoftaroonni saddeet Yukireen xiyyaarota waraanaa UN Kongootti qabu keessaa 30% ta’u.

Waraana Raashiyaa baatii Guraandhala eegaluu hordofee Yukireen ergama nagaa kabachiisaa UN keessaa waraana ishee baasaa turte.

Yeroo loltoonni Yukireen Kongoodhaa bahan komaandarri lammii Biraazil humnoota UN hoogganan, Jeneraal Maarkos da Kostaa, ‘’gumaachi waggoota 10’f taasisan guddaadha,’’ jechuun ibsan.

Ergamni humna kabachiisaa UN Kongoo keessa jiru, Monusco jedhamu, dhiibbaa olaanaa jala jira.

Baha Kongoo hidhattoonni baay’ee socho’aniifi waggoota soddomaaf ajjeechaa, gudeeddiifi saamicha irratti bobba’aanitti nagaa buusuu hin dandeenye jedhamee qeeqama.

Bakkeen kuni albuuda kanneen akka warqiifi daayaamandiin kan badhaadhedha.

Adoolessa darbe baha Kongootti mormitoonni gamoo UN yeroo saamanitti nagaa eegdota afur dabalatee namoonni 36 du’aniiru.

Turtii waggoota 22 booda ergamni garee kanaa xumura argachuu qabuus ammatti guyyaan xumuraa isaa hin beekamu.

Ergamni Kongoo jiru ergama nagaa kabachiisuu UN 12 jiraniifi guddaadha jedhaman keessaa tokkodha. Kan baasiin olaanaa itti bahu keessaatis.