Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
DR Koongotti finciltootni buufata waraanaa UN fi galma magaalaa Beenii guban
Finciltootni buufata waraanaa Dhaabata Mootummoota Gamtoomanii fi galma magaalaa Beenii keessaa guban.
Kun Baha DR Koongootti Kan raawwate yoo tahu finciltootni loltootni UN haleellaa hidhattoota IS'n raawwatu uummata irraa ittisuu hin dandeenye jechuun fincilan.
Humnootni Tokkummaa Dimokiraasii [ADF] jedhaman sakata'insa Dilbata darbe yeroo taasisan namoota saddet ajjeesan.
Dhaabbatni UN Dr Koongoo keessaa loltoota 18,000 qaba. Haa tahu malee loltootni kunneniifi loltootni mootummaa Baha biyyattiitti nageenya buusuu hin dandeenye.
Hidhattootni ADF Baha biyyattii naannoo albuudaan badhaadhaa tahe keessa kan socho'an yoo tahu daangaa Yugaandaa fi Ruwaandaa irra socho'u.
Hidhattootni finciltoota Yugaandaan hundeeffaman jedhaman kunneen baha biyyattii nagaa dhorkaniiru.
Wiixata kaleessaa jiraattotni haleellaa lammiilee irra gahu balaaleffachuun gara buufata waraanaa UN deemuun mormii dhaggeessisaa turan.
"Waajjiraaleen ol aanoo UN baay'een naannoo Moonuskoo jedhamtu jiran abiddaan gubachuun qabeenyis saamameera,'' jedhe dursaan hawwaasa siivilii Beenii Teedii Katalikoo.
Jiraattotni humnootni UN magaalaa Beenii keessa jiran hojii hojjechaa waan hin jirreef akka bahan barbaadu jedhan.
Namootni mormiif bahan kunneen galma magaalichaa dhaquun waajjira Kantiibaattis abidda qabsiisan jedhe poolisiin..
Pirezidaantiin DR Koongoo Feeliksi Shishekedi humnootni mootummaa fi UN waliin tahuun lammiilee tiksuuf jecha sakatta'insaa fi haleellaa hidhattota irratti ni taasisu jechuun mormitootaaf waadaa galaniif.
Magaalaan uummata 200,000 ol qabdu kun bakka weerarri Iboolaa guddaan keessatti uumamedhas. Magaalichatti namootni 2000 ol dhibee Iboolaa kanaan du'aniiru.