DR Koongoon hambaalee ishee Beeljiyeem irraa deebifachuuf

Mootummaan DR Koongoo godambaa biyyaalessaa haaraa ijaaruun isaa hambaalee bara kolonummaa duraa hatamanii turan akka deebifatuuf karaa baneera.

Godambaan kun deggersa mootummaa Kooriyaa Kibbaatiin ijaarame.

Ijaarsi godambaa kanaa waggaa sadi kan fudhate yoo ta'u ijaaramee kan xumurame Waxabajjii darbe ture.

Godambaa haaraa kana keessatti hambaaleen aadaa fi bareedinaa hedduun agarsiifamuu eegalaniiru.

Qondaaltonni meeshaalee godambaa keessa jiraniin alatti kanneen bara kolonii hatamanillee akka deebi'anii godambaa kana keessatti kuufamaniif hojii eegalaniiru.

Xiyyeeffannaa guddaan isaanii kanneen godambaa Beeljiyeem keessa jiru deebisuu akka ta'es ibsaniiru.

Bulchaan duraanii DR Koongoo Jooseef Kaabilaa hambaalee biyya isaanii Beeljiyeem irraa deebisuuf hedduu ifaajanillee milkaa'uu hin dandeenye.

DR Koongoon bara 1908 kolonii Beeljiyeem jala galte, bara 1960 ammoo walabummaashee gonfatte.

Qabeenyaa fi hambaalee bara kolonii fudhataman gara biyyaa deebifachuun dhiyeenya kana biyyoota Afriikaa keessatti ajandaa guddaa ta'eera.

Biyyoota Afriikaa hedduu koloneeffachuun kan beekamtu Firaansi keessattuu bara 2018 keessa hambaalee hedduu deebisuu eegalteetti.

Kanaan dura biyyoonni Lixaa hambaalee biyyoota Afriikaa fudhatan deebisuurratti hedduu rincicaa turan.

Sababiin isaas biyyoonni Afriikaa godambaa eegumsa hambaaleef oolu waan hin qabneef hambaaleen kunneen ni manca'u jedhanii waan yaadda'aniif ture.

Godambaa haaraan DR Koongoo keessatti ijaarame kun kanaaf deebii ta'eera.

Biyyoonni hambaalee biyyoota Afriikaa harkaa qabanis godaambaawwan akkanaa ardicha keessatti ijaaramaa jiraachuusaa erga hubatanii booda deebisuu eegalaniiru.