Biyyoonni Baha Afrikaa Kongootti loltoota bobbaasuufi

Pirezidantiin Keeniyaa Uhuruu Keeniyaattaa biyya bulchiinsa bahaa rakkoon siyaasaa cimaan keessatti mul’ataa jiru Rippablika Dimookiraatawaa Koongootti nagaa buusuuf humnootiin naannichaa akka bobba’aniif waamicha dhiyeessan.

Uhuruun yeroo ammaa Dura Taa'aa Hawaasa Baha Afrikaa (East African Community) ta'un tajaajilaa jiru.

Uhuruun ibsa isaanii kanaan, ‘‘gareewwan hidhatan hundinuu, kan biyya keessaafi alaa lamaanuu, atattamaaf haal duree tokko malee wal dhabdeefi waraanaa akka dhaabaniif’’ waamicha taasisan.

Uhuruun kana kana jedhan waraanaa cimaa torbanoota dhiyoo keessaa biyyattii keessatti gaggeeffamaa jiru hordofeeti.

Humnootiin Biyyoota Baha Afriikaa battalaan Iturii, bulchiinsoota Kaabaa fi Kibba Kivuutti bobbaafamuun, humnootii Motummoota Gamtoomanii achi jiran (Monusco) waliin ta’uun nagaa buusuuf hojjatu jedhan.

Murteen humna naannichaa hundeessu kuni Ebla keessa wayita Uhuruun dhimma rakkoo Koongoo irratti pirezidantoota naannichaa walitti qaban murtaa'e.

Rakkoon siyaasaa Koongoo keessaa kuni biyyoota ollaatiif illeen yaaddeessaa ta’usaatu himama.

Gareewwan biyya keessaafi biyya alaa 100 ol ta’aniitu bulchiinsota Kibba Kivuu, Kaaba Kivuu fi Ifurii keessa socha’aa jira.

Haala kanaanis naannicha waggoota digdamaa oliif jeeqaa jiru.

Erga Bitooteessaatii kaasee, waraanni loltoota Koongoo fi riphee looltoota M23 jidduutti gaggeeffamus namoota kuma 80 ol bakka jireenyaa isaanii irraa buqqaaseera.

Koongoon Ruwaandaa gareewwan lammiilee Koongoo irra caalaan isaanii gosa Tutsi ta’an deeggartii jechuun himatti. Motummaan Kigaalii galuu himannaa kana hin fudhatu.