Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Sanadni hiriyyoonniifi maatiin hogganaa duraanii Kongoo Jooseef Kaabilaa ittiin doolaara miiliyoonota waliin dhahan argame
Sanadni baankii hogganaan duraanii Rippablika Dimokraatawaa Koongoo Joosef Kaabilaa ittiin maallaqa olaanaa waliin dhahan ifa bahe.
Sanadichi kan argamee qorannoo gaazexeessitoonni hedduun waliin ta'uun taasisaniini. Gaazexeessitoonni qorannoo damee ''BBC Africa Eye'' qorannoo kana keessatti qooda fudhataniiru.
Sanadichis pirezidaantiin biyyattii duraanii hirriyoonnii fi maatiin Jooseef Kaabiilaa haala wal xaxaafi qindaa'een doolaara miiliyoona baankii keessaa baasaa turuu ifa taasise.
Kana malees kubaaniyoota sobaa hundeessanii akka turan ibsa.
Qorannoo yeroo dheeraa fudhate kanaanis baankii guddaa tokko keessaa yeroo garaa garaatti doolaarri miiliyoonni kallattiin gara akkaawuntii hiriyootaa fi maatii Kaabiilaatti dabarfamaa akka ture irra gahameera.
Haalli maallaqichi itti daddabarfamaa ture soba ta'uufi karaa kubbaaniyyaa dhaabanitiin akka ture beekameera.
Baankiin jijjirraan maallaqichii itti taasifamaa tures ammoo banki BGFI jedhamu jedhameera. Baankiin kunis biyyoota Afrikaa hedduufi Faransaayi keessaa dameewwan qaba.
Kunis hanni daddabarsa baankii tarii Afrikaatti isa guddaa adda bahe ta'u akka maluu kan himameef sanadiin kun, wayita yakkichii raawwatamu Jooseef Kaabilaan pirezidaantii biyyattii turan.
Jooseef Kaabiilaan dhimmicha irratti yaada akka kennaniif gaafatamanii hayyamaa hinta'iin hafan.
Sanadni harka gaazexeessitootaa galee miiliyoona sadii ol yoo ta'u, doolaarri miiliyoonotaan lakkaa'amu ittiin daddabarfameera.
Kubbaaniyaa boba'aa garuu boba'aa hinqabne
Daareekitarri Maanaajaraa damee kubaaniyaa BGF Firaansiis Salamaanii jedhamu.
Dhaabbanni kunis maatii kubaaniyaa BGFI ti. Salamaaniin ammoo obboleessa pirezidaantii Jooseef Kabiilaa kan guddifatameedha.
Obbooleettiin Jooseef Galoriiyaa Miiteyuu jedhamti. Gahee baankii kanaa kan damee Koongoo keessaa parsantaa 40n kan isaaniiti.
Kubbaaniyaan 'Boba'aa Suud' jedhamu baankii kana keessaa doolaara miiliyoona 86 akka kanfalameef sanadichi himeera.
Maallaqa kanas dhaabbata boba'aa Suudii kanaaf kan kanfalan dhaabbilee hedduu akka ta'e kan ifa bahe yoo ta'u, tokkoonsaa boordii filannoo Kongoo ta'ee argameera.
Haata'u malee qorannoo BBCn taasiseen, dhaabbanni boba'aa Suudi jedhamu kunis hojii boba'aa homaa hojjatee akka hin beeknedha. Boba'aas hinqabu. Boba'aas hin daldalu.
Obboleessi Jooseef Kaabilaa kan guddifatame, Firaansiis Salmaanii fi obboleettiin Jooseef kaabiilaa, Aneet Lutaalee gahee dhaabbata boba'aa jedhamee kana parsantaa 80 akka qabatan barameera.
Kana malees, akkaawuntii dhaabbata boba'aa sobaa kanaanis doolaarri miilyoonni gara akkaawuntii maatiiwwaniifi hiriyyoota kaabiilaatti dabarfameera.
BBC'n qorannoo taasiseen hojjataan dhaabbanni boba'aa Suud jedhame kun qabu tokko qofaa ta'unsaa dhimma dinqisiisaa ta'eera.
Kunis daareektara maanaajaaraa Daaviid Izqaa'eel jedhamu. Kinshaasaa keessaa waajjira xiqqoo tokko qabu.
Bara 2013'tti dhaabbanni Suud doolaara miiliyoona 12n riil esteetii bituunsaa irra gahameera.
Gaggeessitoota kubaaniyichaa olaanoof konkolaataa bareedaatu barbaachisa jedhamuunis tibba tokko BGFI irraa doolaara kuma 70 fuudhameera.
Kanaan alatti kubaaniyichi hojii daldalaa kamuu hojjachuusaatiif sanada akka hinarganne gareen gaazexessitoota 'BBC Africa Eye' mirkaneessaniiru.
BBCn gochaa waliin dhahu fi abbummaa kubaaniyaa kanaatiin walqabatee namoota dhuunfaa, dhaabbilee, gaggeessitoota hojii maqaansaanii kaafame, dhimmicha irratti deebii akka kennaniif gaafate garuu hayyamamoo hintaane.