Siyaasni 'natu siifbeekaa' maali, yaaddoo demookiraasiitii?

‘'Qilleensi jijjiiramaa as gaheera!’’ Ministira Mummee Haangaarii Vikta Orbaan.

Bu’aa filannoo Daachii fi Pireezidantii Ameerikaa duraanii Donaald Tiraamp booda Haabiyer Mileeyi, ‘'Arjantiinaa guddoo deebisaa, "Make Argentina Great Again,'' yaada jedhuun dhufanii filannoo mo'ataniiru.

Arjantiinaatti Haabiyer Mileeyi nami ilaalcha 'leftist' jedhamu qabuufi Neezarlaanditti ammoo nami siyaasaa farra Islaamummaa faarsu deeggarsa argachaa jiru.

Jarri lameen kunneen "populists", yookiin ‘'warra natu sii beekaa’’ maqaa jedhu argataniiru. Namooti siyaasaa ilaalcha kan isaaniin wal-fakkaatu qabanis deeggaraanii jiru. Jechi kuni garuu hiiktisaa maali?

''Natu sii beeka'' ykn ''Populist'' jechuun maali?

Saayinsii siyaasaa keessatti, populism(aantummaa uummata bal'aa) yaad-rimee uummata bakka lamatti qoodu dha. "the pure people"(uummata bal’aa, uummata qulqulluu") fi "the corrupt elite" (hayyoota malaammaltuu)

Barreessaan kitaaba Populism: A Very Short Introduction Kaas Muddee, populism; siyaasni fedhii uummata bal’aa ykn waliigalaa kan ibsu tahuu qaba jedha.

Barreessaan biraa yaada kana ibse Benjamin Mofiit, immoo yaadi ''natu sii beekaa'' kuni ilaalchaan, dhaaba siyaasaan, haasaa ykn akkaataa namoonni kunneen yaada isaanii itti dhiyeeffataniin mul’achuu danda’a.

Tahus falmiin kuni kan bu’uureffatu ‘’uummata bal’aa fi hayyoota’’ irratti dha jedha.

''Namni siyaasaa ''natu siibeekaa'' tokko maqaa uummataa dubbachaa warra ''hayyuu’’ jedhaman immoo akka rakkoo hawaasaa tahanitti ibsa.''

''Natu siibeekaa'' bal’inaan warri warreen ilaalcha siyaasa mirgaa(far right) baay'inaan haa fayyadamniyyu malee, warreen ilaalcha tarkaanfata ykn aantee uummata qabna jedhanis mala kana ni fayyadamu. Fakkeenyaaf yeroo tokko hogganaan Veenzuweelaa Hugoo, ''ani nama dhuunfaa miti -ani uummataa'' ofiin jedhee ture.

Muddeen ''Natu siibeekaan'' ''ilaalcha haphii''– ajandaa siyaasaa guutuu hin taanerratt kan xiyyeefatuufi sirni siyaasaa fi diinagdee maal tahu akka qabu irratti yaada hin qabu jedha.

''Kanaaf namooti siyaasaa milkaa’an kunneen yaada ''natu sii beekaa'' kana yaada siyaasaa bu’uuraa biraa waliin cimdeeessuun fayyadamu,'' jedha.

''Dimshaashatti gaafa himnu, namooti siyaasaa yaada, ''natu siibeekaa'' siyaasa warra mirgaa(far right) adeemsisan, abbaa-biyyummaa waliin cimdeessu, warri bitaa ammooo sooshaalizimii waliin adeemsisu.’’

Amala hogganoota poppulistii

Kitaabasaa ''Populism'' jedhamu keessatti Yunivarsiitii Piriinstanitti barsiisaa kan tahe, Jaan Warnar Mular, hogganooti ''natu siibeekaa'' ''fedhii uummataa tokkomee’’ bakka buunaa jedhu jedha.

''Jara kana kan adda godhu isaan qofti bakka bu’oota uummataa sirrii ykn immoo uummata bal’aa, ''sagalee dhabee'' akka tahanitti himu.

''Haala kanaan morkattoota kaan hundumaa fudhatama akka hin qabnetti dhiyeessu. Morkattoonni kaan hundi ''malaammaltoota'' dha ittiin jedhuun.

Pireezidantiin duraanii Ameerikaa Doonaald fakkeenya namoota siyaasaa akkasii ammayyaa tahuu ni danda’u.

Hogganooti yaada kanaa ''nama cimaa'' akka tahanitti of dhiyeessu, ilaalcha farra-godaantotaa, ejjennoo abbaa-irrummaa, namoota siyaasaa idileen haala hin baratamneen waadaa fiixaan baasuuf rakkisaa tahe raawwachuuf kakachuun beekamu.

Sagalee uummataa kallattii, labsii pirezidantaawaa, ajaja raawwii sirna wal-xaxaa demookiraasii irra filatu ''kana godhi, sana godhi'' ajaja jedhu fayyadamuu jaalatu.

Beenjaamiin amala ''natu siibeekaa’’ biroos ibseera.

Tokko, ''amala badaa'' dha jechuunis akkaataa namni siyaasaa idilee itti of dhiyeessu hin fayyadaman.

Namni siyaasaa Arjantiinaatti filannoo mo’atan magaazii fa’i baatanii daandiitti ba’uun baasii akkatti hir’isan(kutan) agarsiisuuf fayyadaman.

Gama biraan ’’yaaddoon guddaa dhufaa jiru akka jiru himuun isaaniin malee akka hin hiikamnetti dhiyeessu,’’ jedha Moofiit immoo.

Fakkeenyi hogganoota 'poppulistii' eenyu fa’i?

Siyaasni ''natu siibeekaa'' kuni taatee akka addunyaatti jiru akka tahe himuun Tiraampiin akka fakkeenya gaariitti kaasa Mootiif.

‘’Yeroo ammaa hogganaan ''natu siibeekaa'' milkaa’aa ta'aniifi filannoon aangoo qabatanii jiran-Ministira Mummee Hindii Naarendiraa Moodii dha,’’ jedha Moofiit.

''Siyaasni Hindii martii waa’eema Moodiiti. Uummataa fi hayyoota warreen jedhu addaan qoodeera. Kunis hiika amantii qaba, warra Hinduu ''uummata dhugaa'' akka tahanitti dhiyeessuun isaan qofti faara abbaa biyyummaa akka qabanitti mul’ata,’’ jedha.

Hogganaan Turkii Taayiib Erdohaanillee akkasuma nama siyaasaa ''natu siibeekaattii'' ilaalamu.

''Erdohaan miidhamaa garummoo goota akka tahetti of dhiyeessa. Qabsaa’aa daandii Istaanbuul jagnummaan sirna duraaniitti bu’e ofiin jedha,'' Piroofeesar Muular kitaaba The Rise and Rise of Populism jedhu keessatti.

Giirt Wiildars Neezarlaand, Viikta Hugoo Haangaarii, Maariin La Peen Firansaay, Booris Joonsan UK kanneen ‘’Natu seebeekaatti eeramuu malu.

‘’Natu siibeekaan demokiraasiif yaaddoodha?

Muddeen dhimma kana dhipisee yoo ilaalu- walabummaa uummataafi bulchiinsi irra-jireessaan yoo ilaalle ''natu siibeekaan'' deemokiraataawaa tahuu mala. Sababiinsaas siyaasni ‘’fedhii uummataa akka calaqqisu’’ waan barbaaduuf jechuu dha.

‘’Haa tahu malee deemookiraas libiraalaa waliin addatti jira: danooma, uummatni garee hawaasaa adda addaa, fedhii fi sonawwan fudhatama qaban irraa maqa.

Piroof Muular namooti siyaasaa yaada ‘’natu siibeekaa’’ tarkaanfachiisan aangoo gahaa yoo argataniif abbaa irrummaa uumuun kanneen ‘’uummata’’ jedhanii hin yaadneen ni looguu jedhu.

Kanneen ‘’uummata’’ jedhanii hin yaadne irratti qiyyaafachuun deeggarsa argatu. Keesumaa yeroo ‘’burjaajiin guddaa ykn rakkoon jirutti’’ mallii kuni akkaan hojjetaafi jedhu Moofiit.

‘’Rakkoon eegumsaa naannoo, faayinaansii fi kaan irratti furmaati salphaa kennamu yeroo hin jirre, diina tokko irratti xiyyeeffachuun barbaachisaa taha,’’ jedha.

‘’Namooti siyaasaa kunneen mana murtii, miidiyaa fi dhaabota walabaa kaan danqaraa sagalee uummataati jedhanii yaadu. Haala Kanaan demookiraasiidhaaf yaadoo dha. Tahus dhimmatti xiyyeeffannoo uummataa argataniif qabu, ‘’ jedha Mootiif.

‘’Siyaasni ‘’natu siibeekaa’’ qaama siyaasaa idilee tahaa jira. Eessayyuu waan deemu miti. Taatee siyaasaa jaarraa 21ffaa waan murteessu dha,’’ jechuun ibsa.