Lammiin Keeniyaa qaala’iinsa jireenyaa mormuuf ibidda ofitti qabsiise, lubbuun darbe

harka namaa kibiriitii qabsiisaa jiru

Madda suuraa, Getty Images

Lammiin Keeniyaa qaala’iinsa jireenyaa mormuuf magaalaa buufata doonii kan taate Mombaasaatti ibidda ofitti qabsiise, hospitaalatti lubbuun darbe.

Namni maqaan Robart Gituuruu jedhamu kun, Kamisa waaree booda addabaabahii magalichaatti argamuufi iddoo sochiin namoota itti hedduumaturra boba'aa ofitti naquun ibidda ofitti qabsiise.

Qondaalonni mootummaa akka jedhanitti, maatiin dargaggoo kanaa guyyoota sadiin dura magaalaa Limuuruu jedhamturraa baduusaa poolisiitti gabaasanii turan.

Viidiyoo marsaalee hawaasaa gubbaa akkaan qoodamerratti, namni kun alaabaa Keeniyaa qabatee, sana booda iyyee, yeroo muraasa keessatti abiddaan gubate.

Miidiyaaan biyya keessaa Nation akka gabaasetti, namtichi magaalicha keessaa bakka daldalaa addabaabahii Miwembe Taayaarii jedhamutti ibidda ofitti qabsiise.

Namoonni taate sana ilaalaa turan, dafanii ibidda irraa dhaamsanii baraaruun, gara hospitaalaatti geeffamee yaalii argatus, lubbuun ooluu hin dandeenye. Hospitaalli itti yaalamaa ture gubaatiin isaa cimaa waan tureef, lubbuun ooluu akka hin dandeenye himeera.

Gama kaaniin viidiyoo akkaan qoodamerratti, namni t-shartii adiifi koofiyyaa adii keeyyatee fi eenyummaan hin baramne tokko, wayita qabsiistuun abiddaa nama kana jalaa lafatti kufu, lafaa kaasee kennuuf mul'ata.

Gareen mirgoota namoomaaf falmu Haki Africa, nama Gituunguun lubbuun isaa akka darbu tumse kana poolisiin akka to'atu waamicha dhiyeesseera.

Namtichi kun jireenyi akkaan olka'uu fi filannoo pirezidaantummaa bara darbe "hatameera" jedhu, kan hogganaan mormituu Raayilaa Odingaa pirezidaantii Wiliyaam Ruutoon mo'ame mormuusaa namoota walitti qabamaniif hime.

Odingaan filannichi dogongoraan kan guutamedha jechuun himataa turanis, injifannoon Pireezidant Ruutoo garuu mana murtii olaanaa biyyattiin mirkanaa'eera.

Hiriirri mormii hogganaan mormituu Raayilaa Odiingaa qaala'insa jireenyaa guutuu biyyaatti Adooleessa darbe waaman irratti lubbuun namootaa darbeera.

Qaala'insa jireenyaa, gibirri dabaluun fa'aa dhimmoota mormitoota daandiitti baasan keessatti eeramu. Gibirri boba'aa dachaan dabaluu, mindaa hojjettootaa irratti gibirri 1.5% dabalamuun fa'itu falmii kaase ture.

Mootummaan daballiin kuni liqaa kaffaluufi dargaggootaaf carraa hojii uumuuf murteessaadha jedhe.

Magaalaa bishaan qarqaraa Mombaasaa

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Taateen kun magaalaa qarqara bishaanii argamtu Mombaasaatti raawwate
Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Biyyoota addunyaarra namoonni mormii isaanii agarsiisuuf, daandiitti bahanii ibidda ofitti qabsiisuun kun kan jalqabaa miti.

Isaan keessaa garuu taateen bara 2010 Tuuniziyaatti raawwate akkaan xiyyeeffannoo guddaa argate.

Mohaammad Bouazizi hoji-dhabdummaa biyyattii keessa jiru mormuuf ibidda ofitti qabsiise. Gochaan Bozizii kun warraaqsa biyyoota Arabaatti ka’eef sababa ta’uusaatu yaadatama.

Dargaggoo ganna 26 Kan ture Bozizii, karaa seeraan alaan fuduraa fi kuduraalee gurguruun kan of jiraachisaa ture sababa dhaabbata barnootarraa eebbifame hojii hin arganneef.

Poolisiin qabeenyasaa kana eeyyama daldaluu hin qabdu jedhee irraa fudhannaan, ibidda ofitti qabsiise. Boodarras dargaggoon kun hospitaala keessa lubbuun dabarte.

2019tti ammoo barataan lammii Firaansi ganna 22 rakkina maallaqarraa kan kahe ibidda ofitti qabsiisuun, qaamni isaa dhibbeentaa 90 gubatee ture.

Barataan kun mana nyaataa Yuunivarsiitii Liyoon fuulduratti osoo abidda ofitti hin qabsiisin sa'aatii muraasa dursee maallaqa dhabee rakkataa akka jiru 'Facebook' isaarratti barreessee ture.

Pireezidanti Firaansi Imaanu'eel Makiroon fi warra isaan dura turan lamaan, hogganaa siyaasaa Mariin La Peen akkasumas Gamtaa Awurooppaa "na ajjeesan" jechuunis himate.