Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Hamaas meeshaa waraanaa hidhachiisu akka barbaadu kan dubbate Juuliyas Maalemaan eenyu?
Juuliyaas Maalemaan nama siyaasaa Afrikaa didaa, nama daangaa kaa'ame cabsuun beekamu.
Bara darbe Maalemaan namoota waraana Israa'el Gaazaatti gaggeessitu mormuuf hiriira bahaniin akkas jedhe: ''Bara dhuftu yeroo aangoo qabannu Hamaas ni hidhachiisna, Hamaas akka meeshaa ummata isaaniif ittiin falman qabaatu EFF mirkaneessuu qaba,'' jedhe.
Paartiin siyaasaa inni waggaa 11 dura hundeesse Afrikaa Kibbaatti paartii siyaasaa guddinaan sadarkaa sadaffaa qabatedha. Maalemaan garuu qondaalota siyaasaa baayyee beekaman keessaa ta'eera.
Beekamtiin Maalemaan Afrikaa Kibbarra darbee ardii Afrikaa keeessattillee otoo hin hafiin bal'achaa dhufeera.
Amma haasaan Maalemaan yaa'ii idilee paarlaamaa Afrikaa gubbatti dubbatu miidiyaa hawaasaarratti bal'inaan qoodama.
Ciminni Maalemaa yaada finxaalessummaan walqabatu yoo ta'u, lammilee Afrikaa Kibbaa hedduu mootumma biyyattiitti mufatan biratti fudhatama argateera.
Hogganaa paartii EFF umrii ganna 43 Maalemaa irratti qeeqni dhiyaatus hedduudha.
Qeeqxonni isaa kaan Maalemaan nama carraa argame maraan bu'aa adamsudha jedhanii qeequ.
Namni kun yeroo lama yakkaa haasaa jibbinsaa dalaguun balleessan itti murameera.
Yaada adda ta'e qabaatus, Maalemaan paartiin inni hundeesse dhimmoota muraasarratti ajandaa akka uumu gargaareera.
Juuliyaas Malemaan paartii Afrikaa Kibbaa bulchaa jiru ANC keessaa ALA bara 2012 baafame.
Maqaa masoo ''Jujuu'' jedhuun kan beekamu Malemaan, paartii inni hoogganu EFF qabatamaatti ajandaalee fiixee ANC irraa akka dhaalu gochuun madditti, hanqina paartii biyyattii bulchuu saaxiluun beekama.
Gaggeessaan paartii EFF kun walqixxummaa Afrikaa Kibbaa keessaa dhabamerratti xiyyeeffate.
Akkasuma paartiin ANC lafa bal'aa warreen adii muraasni qabatan lammilee gurraachota Afrikaa Kibbaaf qooduu dadhabu fa'aa qeeqa.
Filannoo waliigalaa Afrikaa Kibbaa bara 2019 irratti paartiin EFF teessoo paarlamaa biyyattii 44 keessaa %11 injifate.
Baranas paartichi akkanumatti injifachuu mala jedhu warreen yaada hawaasa qoratan.
Gama kaanin paartiin ANC sagalee deeggarsaa %50 gadi argachuu akka malutu raagame-waggoota 30 keessatti ANC'n paarlaamaatti yeroo jalqabaaf sagalee wayyabaa dhabuuf deema jechuudha.
Ammatti Maalemaa fi waayillaan isaa paartii warra muraasaa(minority) hogganaa jiraatanis, paarlamaa biyyattii keessatti qondaalota siyaasaa baayyee mul'ataniidha.
Uffata diimaa dafqaan bultoota Afrikaa fakkaatu uffatu. Tooftaan siyaasaa isaan hordofan paarlaamaa biyyattii keessa falmii fideera.
Obbo Maalemaan burjaajii uumuunillee nama beekamudha. Namni siyaasa kun qonnaan bultoota warreen adii, gartuuwwaan mirga dubartootaaf falman irraa kaase hanga namoota danuu mufachiisera.
Maalemaan bara 2010 fi 2011 haasaa jibbaa dubbachuun balleessaan irratti murameera.
Bara darbe ammoo Maalemaan namoota waraana Israa'el Gaazaa keessatti gaggeessitu mormaniin akkas jedhe; ''EFF bara dhuftu yeroo aangoo qabannu Hamaas ni hidhachiisna, Hamaas akka meeshaa ummata isaaniif ittiin falman qabaatan mirkaneessuu qabna,'' jedhe.
Biyyoonni akka Israa'el, Ameerikaa, Gamtaan Awurooppaa, UK fi gartuuwwan biroo Hamaas akka shororkeessaatti ilaalu.
Bara 2016 Maalemaan Afrikaa Kibbaatti lafti qoodamuun harkifachuu deeggartootasaanitti yeroo himan'' lafti karaa kamiinuu fudhatamuu danda'a'' jedhan.
''Namoota adii akka ajjeefaman waamicha dhiyeessaa hin jiru. Yoo xiqqaate yeroo ammaa kanatti. Karaa nagaatiin lafa qabaachuun akka danda'amuuf waamicha dhiyeessaa jirra. Kanaaf ammoo eenyummayyuu dhiifama hin gaafannu,'' jedhe.
Maalemaan waa'ee mirga guraachoota Afrikaa Kibbaa hiyyeeyyii ta'aniif falmuurratti xiyyeefate, isaa birattis ni jaalatama.
Maalemaan biyyoota akka Gaanaa, Laaberiyaa fi Keeeniyatti yeroo imalu deeggarsa horateera.
Inistitiyuutii Paan-Afrikaa kan hogganaan Pirofeesar PLO Lumumbaan Malemaa Keeniyaati simatanii turan.
Piroofesar PLO Lumumbaan waa'ee Maalemaa bara darbe yeroo dubbatan akkas jedhan;'' Maalemaan dhaloota dargaggootaa Afrikaa bakka bu'u'' jechuun ibsan.
Maalemaan bara 1981 dubartii hojii mana namaa keessaa hojjatturra dhalate.
Magaalaa bulchiinsa Limpoopoo keessatti argamtu Seshegoo jedhamtu haadha isaa biratti guddate.
Qabxiin inni barnoota yeroo goolabu galmeessise qabxii giddugaleessaa barattoonni biroo ittiin darbanii gadi ture.
Yeroo beekamtii siyaasaa argatee, EFF hogganutti gahu garuu digirii lama Yunvarsiitiirraa argateera.
Obbo Maalemaan akka jedhutti, paartii Afrikaa Kibbaa bulchaa jiru ANCtti wayita umriin isaa ganna sagalii dabalame.
Yeroo sana diddaatti akka dabalamuuf leenjii argate. Waggaa shan booda hogganaa Liigii Dargaggootaa ANC ta'e.
Haa ta'u malee Maalemaan siyaasa biyyattii keessatti namaa qooda guddaa qabu kan taasise bara 2008 hogganaa Liigii Dargaggootaa ANC ta'ee filatamuu isaati.
Maalemaan jalqaba Jaakoob Zuumaan akka hoggaanaa ANC jalqabaa ta'an, akkasuma gara boodaa Pirezedantii biyyattii ta'u duula gaggeessaa ture.
Hariiroon Maaleemaan Zuumaa wajjin qaban xumura bara 2009 geeddarame.
Maaleemaan gara boodaa Zuumaan namoota hiyyeeyyii isa filachuun aangootti olbaasan gate jechuun himachuu eegale.
Sana booda ANC keessaa bahuun bara 2013 paartii EFF jedhamu hundessee.