Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
HRW: Mootummoonni Afrikaa hedduun dararaa cimsaniiru
Mootummoonni hedduun naannoo Gaanfa fi Baha Afrikaa mirga namoomaa bu'uuraa ''ifatti tuffachuun'' qeeqxota isaanii humnaan akka callisan gochaa jiraachuu gabaasni Humaan Raayitis Wooch (HRW) beeksise.
Gabaasni HRW kan Bara 2024 Kamisa darbe maxxanfame biyyoota Afrikaa hedduu ilaalee keessaa Itoophiyaa, Sudaan fi Keeniyaa kaaseera.
Gabaasichi biyyoota Afrikaa 25 dabalatee galmee mirga namoomaa biyyoota 100 ol ilaaleera.
Duudhaan "dhaabbilee dimokiraasii fi qajeeltoowwan mirga namoomaa idil-addunyaa fi seera namoomaa idil-addunyaa guutuu addunyaa" bara darbe qoratameera jedhan Daarektarri HUmaan Raayiti Woochi damee Afrikaa Maa'usi Seguun.
'Humna mormii ummataa'
Keeniyaa keessatti mormii farra mootummaa Waxabajjii 2024 dargaggoonni daballii gibiraa, bulchiinsi gaariin dhiibuu fi malaammaltummaa hammaataa dhufe irratti xiyyeeffate taasisuu hordofuun, waggaa darbe keessa mirgi namoomaa gadi bu'aa dhufeera jedha dhaabbanni mirgaaf falmu kun.
Gabaasni HRW kun akka jedhutti, "aanga'oonni sababoota mormii hawaas-dinagdee kana furuu hin dandeenye. Isarra, hoggantoota mormii, aktiivistootaa fi gareewwan hawaasa siivikii mormii kana deeggaran jedhaman dararuu, sodaachisuu fi to'annoo jala oolchaa jiru."
Erga ji'a Waxabajjiirraa eegalee yoo xiqqaate namoonni 60 kan ajjeefaman yoo ta'u, namoonni 82 ammoo butamuusaanii Komishiniin Mirgoota Namoomaa Biyyaalessaa Keeniyaa ibseera.
Gabaasni HRW 2025 akka jedhetti "reeffi namoota mallattoo dararaa ofiirraa qabanii laggeen, bosona, bakka dhagaan turee fi bakka awwaalchaatti gatamanii mul'achuu itti fufeera."
Dabalataanis, dhabbanni kun gareewwan mirga siviilii mormiiwwan deeggartaniirtu jedhamuun mootummaadhaan dararaa fi doorsiifni irratti raawwatamaa jiru itti fufeera jedhe.
Haala Sudaan hammaate
Gabaasni HRW waldhabdee hadhaawaa Humnoota Waraanaa Sudaan (SAF) fi Humnoota Deeggarsa Saffisaa (RSF) gidduutti gaggeeffamaa jiru xiyyeeffannoo addaa akka argatu adda baasee kaa'a.
Gareewwan lamaan kunneenis Ebla bara 2023 irraa eegalee lola rakkoo namoomaa hamaa addunyaa irratti uume keessatti lolaa turan.
Gabaasni kunis, qaamoleen wal waraanaa jiran, keessattuu RSF, ''yakka waraanaa, yakka namoomaarratti raawwachuu,'' fi sarbama seera namoomaa idil-addunyaa biroo cabsuu kaaseera.
Yakkoonni RSF fi michoonnisaa raawwatanis, ajjeechaa jumlaa, haaleellaa saalaa akkasumas naannoo namoonni baay'inaan keessa jiraatan irratti meeshaa gurguddaa dho'u irra deddeebiin fayyadamuu kan dabalatu ta'uu gabaasni HRW dabalee ibseera.
SAF fi humnoonni michuusaa naannoo ummanni itti baay'atu irratti boombii darbachuun bu'uuraalee misoomaa siiviilii barbadeessuu, gocha haleellaa saalaa, ajjeechaa seeraan alaa, hidhamtoota dararuu fi qaama namaa muruu raawwataniiru, jedhe.
Bu'aan jeequmsa hamaa kanaas Sudaan keessa buqqaatii addunyaa irratti sadarkaa olaanaa qabate uumeera. Hanga Fulbaanaatti namoonni miliyoona 10.8 ol mana isaaniirraa gadhiisaniiru.
Lolli dhiheenya kana gara naannoolee giddu galeessaa fi bahaatti babal'atee ammoo, baqattoota dhibbaan lakkaa'aman dabalataan balaadhaaf saaxilee jira.
Namoota biyya keessaa buqqa'aniin alatti, ummanni biyyattii miliyoona lamaa ol ta'an biyyoota ollaa kan akka Chaad, Masrii fi Itoophiyaatti kooluu galan jedhamee yaadama.
Dararaa Ertiraa keessaa
Mootummaan Eertiraa bilisummaa amantaa dabalatee, mirga namoomaa bu'uuraa lammiisaa ukkaamsuu itti fufee akka jiru qorannoon HRW ni mul'isa.
Eertiraa keessatti erga biyyattiin bara 1993tti walabummaa argatte booda filannoon hin gaggeeffamne.
Pirezidantiin hin filatamne, Isaayyaas Afwarqiis aangootti cichuun itti fufan. Dhaaba tokkicha biyyattii bulchu Adda Ummataa Dimokiraasii fi Haqaa malee paartiin siyaasaa kaan hin hayyamamu.
Gaazexeessitoota dabalatee, seeraan ala hidhamuu, qeeqxota mootummaa jedhamanii kanneen fudhataman dirqiin dhabamsiisuun waanuma baramedha.
Mootummaan biyyattii daa'imman muraasa dabalatee ummata jumlaan tajaajila waraanaa fi biyyaalessaa yeroo hin murtoofneef galchuu kaaseera.
Sababa kanaaf, Eertiraa keessaatii baay'een baqachaa akka jiran eere.
Karoora ergama nagaa Somaaliyaa
Duulli mootummaan Somaaliyaa garee hidhattoota al-Shabaab irratti itti fufee jiru bara 2024 illee lammiilee nagaa balaaf saaxileera.
Gabaasni kun akka ibsutti, kunis namoota nagaa dhibbaan lakkaa'aman dhukaasa qaxxaamuraatiin ajjeefamuu fi kanneen kuma kudhaniin lakkaa'aman ammoo akka baqatan dirqisiifamaniiru.
HRW akka jedhetti, al-Shabaab, humnoonni nageenyaa fi milishoonni hidhatan Somaaliyaa keessatti dubartootaa fi shamarran irratti miidhaa saalaa akkasumas daa'immanii irratti ammoo dararaa raawwachuu itti fufaniiru.
Haala namoomaa irratti fooyya'iinsi hanga tokko jiraatus, dhaabbanni mirga falmu, hanga dhuma bara 2024tti biyyattii keessatti namoonni miliyoona 4.4tti tilmaamaman gargaarsa nyaataa hatattamaa akka isaan barbaachisu himan.
Walitti bu'insichaaf deebii kennuudhaaf, Gamtaan Afrikaa fi Biyyoonni Gamtooman ergama nagaa kabachiisa Somaaliyaa gara duula Gamtaa Afriikaatiin durfamutti ceessisuun, baatiiwwan dhufan keessa al-Shaabaab dadhabsiisuuf akkasums namoota nagaa tiksuuf yaadaniiru.
Haata'u malee, gabaasni Dhaabbanni Humaan Raayitsi Wooch kun sagantaa kana maallaqaan deeggaruu fi deeggarsa loojisitikii dhiyeessuuf hanqinni maallaqaa ammalleen gaaffii ta'u kaasa.
Dhiibbaa Burundii keessatti dabale
Buruundiitti gaazexeessitoonni, falmitoonni mirga namoomaa, miseensota mormitootaa doorsisuu fi hidhuun itti fufeera.
Gabaasichi miseensonni liigii dargaggoota paartii biyya bulchuu 'the Imbonerakure' jedhaman ajjeechaa, reebichaa fi dararaa walitti fufaa biyyattii guutuu keessatti hirmaachuu itti fufuusaanii ibsa.
Kana malees, aanga'oonni bilisummaa miidiyaa irratti daangaa dabalataa kaa'aa jiru.
Barreeffamoota walabaa Burundii keessatti hafan keessaa tokko kan ta'e Iwacu Press, bara 2024 guutuu akka hin maxxansine akeekkachiisuun doorsisni isa qaqqabeera.
Dambalii fonqolchaa
Xiinxalli HRW garee biyyoota Afrikaa lixaa amma waraanaan durfama kanneen akka Burkinaa Faasoo, Maalii fi Niijar kaaseera.
Sirnoonni kunneen mormii fi bilisummaa yaada ofii ibsachuu ukkaamsuu itti fufaniiru kan jedhe yoo ta'u, kan nama yaaddessu tattaaffiin dhiheenya kana malaammaltummaa qolachuuf godhame hedduun duubatti deebi'uuf akka seene ibsa.
Gama biraatiin, Gaanfa Afrikaatti, Humaan Raayitsi Wooch jeequmsa filannoo booda Mozaambiik keessatti deemaa jiru kan namoonni dhibbaan lakkaa'aman ittiin ajjeefaman akka ta'e ibseera.