Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Harargee Lixaa Aanaa Xuullootti daa'ima ji'a shanii dabalatee namoonni sadii akkamiin 'milishaan' ajjeefaman?
Godina Harargee Lixaa Aanaa Xuullootti qaamoleen nageenyaa meeshaalee waraanaa dhukaasuun, akkasumas uleedhaan miidhaa geessisuu kan himan jiraattonni, ammallee yaaddoo keessa jiraachuu BBCtti himan.
Torban lama dura taatee rifaasisaan araddaa Haqamullis keessatti mudate hawaasa akka rifachiise jiraattonni sodaa nageenyaaf maqaa dhokfachuun kan dubbatan yoo ta'u, namoonni odeeffannoo ajjeechaa kanaan walqabatu baase hidhamaafi doorsifamaa jiraahuu dubbatan.
Jiraattonni BBCn dubbise kunneen ajjeechaa raawwateef qaamolee 'milishaa' jedhaniin himatan.
Ajajaa Poolisii Aanaa Xuulloo kan ta'an Inispektar Olaanaa Taaddasaa Lammaa taatee erga mudatee torban lama ta'e kana garamitti baastan jennee gaafannaan qorannee isinitti himna jedhan.
Maaliif qorachuuf hanga yoonaa turtan jennaan ''baadiyyaan ture'' deebii jedhu BBCf kennan.
Garuu namoonni yakka sana raawwatan seeraan to'atamuufi ergasii rakkoon akka hin jirre himan qondaalli mootummaa kun.
Maaltu ta'e?
Jiraataa Araddaa Haqamullis kan ta'eefi miseensi maatii qaamolee kunneeniin jalaa ajjeefamuu kan hime namni maqaa himachuu hin feene tokko waan mudate akkanaan ibsa.
''Qaamoleen nageenyaa (milishoonni) raayyaa ittisaatti makamtu jechuun manarra deemanii ijoollee qabaa turan. Maatii kiyya keessaas gurbaa oladeemaa tokko fuudhanii deemuuf wayita jedhan abbaan dide,'' jedha.
Akka jiraataan kun jedhutti, abbaan daa'ima kanaa kan dideef ilmisaa barnootarra waan jiruuf.
''Gurbaan umriinsaa waggaa 16. Kutaa sagal barata. Akka carraa maatii bira dhufee ture. Kanatti abbaan dabarsee kennuu dide. Abbaa achumatti rasaasaan ajjeesan,'' jedhe.
Yeroo rakkoon kun dhalatu obboleettiin nama ajjeefame kanaa [adaadaan ijoolleesaa] ollaadhuma sana waan turteef itti birmattee turte jedha miseensi maatii kanaa.
''Erga abbaan ajjeefamee booda ijoolleesaa akkaan cafaquu eegalan. Gurbaa qabuuf dhufaniifi hangafa isaa jechuudha. Yoona kana adaadaan ijoollee kanaa obboleessa kiyya ajjeeftanii ijoolleesaallee hin ajjeestan jettee dura gorte. Ishiillee achumatti ajjeesan,'' jedhe.
Ijoolleen lameen yeroo ammaa Hospitaala Cirootti yaalamaa jiraachuu kan himu jiraataan Aanaa Xuulloo miseensi maatii jalaa ajjeefaman kun, achittillee namni xiyyeeffannaan yaala barbaachisaa kennuuf hin jiru jechuun yaaddoo qabu ibsa.
Warra ajjeefaman sirnaan awwaallachuu hin dandeenye. Namoota muraasa milishaan murteesse qofatu awwaalcha irratti argaman. Kanneen mana yaalaa jiran deemnee ilaaluu hin dandeenyu. Wal'aansa ga'aa hin argatan. Yoo achi deemne nu qabu,'' jechuun erga taateen kun mudatees hiraarfamni akka irraa hin dhaabbanne hime.
Namoonni odeeffannoo waa'ee ajjeechaa kana karaa miidiyaa hawaasummaa uummatatti beeksisanis kaan hidhamuu, kaan ammoo adamfamaa jiraachuu hima jiraataan kun.
Dhimma kanarratti BBCn Komishiniin Mirgoota Namoomaa Itoophiyaa gaafateera. Komishinichi dargaggoonni ajjeefamuu irratti odeeffannoo akka qabuu himuun, ammatti garuu akka hin qoratiin jiru himeera.
Jiraataa kan biraan Araddaa Haqamullis irraa dubbisneefi daa'imi ji'a shanii jalaa ajjeefamuu hime Obbo Musxafa Qamar, ollaa abbaa ajjeefame kanaati.
''Yeroo isaan abbaa ijoollee kanaa ajjeesan haati isaanii mana hin turre. Gara magaalaa deemtee turte. Kanatti du'a jalaa baate,'' jedhan.
Daa'imi ji'a shanii haadha harkatti rasaasaan rukutamtee du'uunis taatee ollaasaatti mudate kana hordofee ta'uu BBCtti hime.
''Abbaan gurbaa ajjeefamee bariitu isaa sirna awwaalchaatu ture. Ammoo namni biraa Rabbiin ajjeesellee ture. Afoosha sana keessa waan jirruuf sanirrattillee hirmaachuuf baane,'' jedha.
''Namni baayyeen waan ba'eef xiqqoo tasgabbiin hin turre. Gidduu kanatti qaamoleen nageenyaa (milishoonni) dhufanii reebuu eegalan. Nama walitti qabamerratti dhukaasa banan. Haati warraa kiyya daa'ima qabattee turte. Isheetti qabanii rasaasa itti dhukaasan. Daa'imi ji'a shanii yoggasuma harkatti duute.''
Dhukaasa kana daa'imaafi haadha warraasaarratti kan bane hoogganaa Nageenyaa Araddaa Haqamullis nama Mohammad Ahmad jedhamu ta'uu kan eere namni kun, rasaasi daa'ima haadharratti ajjeese haadhas madeessuun amma hospitaala Dhagaa Cabsaa magaalaa Hirnaatti argamutti yaalchisaa jiraachuu hima.
Namoonni biroon uleedhaan tumamanis akka jiran kan ibse namni kun, kanneen odeeffannoo kana baaftan jedhamuun hidhamanillee akka jiran hime.
''Obboleessa barsiisaa tokkon qaba. Isallee dhimma kana miidiyaa hawaasummaarratti baaste jedhanii hidhanii jiru.''
Jiraataan Araddaa Haqamullis biraan namni daa'ima kana ajjeesee haadha madeesse, qaama nageenyaa Mohammad Ahmad jedhamu ta'uufi yeroo sanatti milishoota muraasa waliin qabamee hidhamuu dubbate.
Ergasii namni haqa miidhamtootaa gaafataa jiru hin jiru. Dhiiga namootaa dhangala'eef, lubbuu darbeef qaamni gaafatame hin jiru,'' jedha.
Jiraattonni Harargee Lixaa akka jedhanitti, qaamoleen nageenyaa araddaa hundarratti dargaggoota humna nageenyaatti makuu duula jedhu gaggeessaa jiru.
Jiraataan araddaa Haqamullis ''kaabinoota nama torba torba filanii araddaa hunda keessatti ramadanii jiru. Ijoollee tokkittii qaban maatii jalaa qabaa jiru. Barattoota boqonnaaf maatii bira jiranfaa qabaa jiru,'' jedha.
Ammoo dararaa isaa caalaa madda maallaqaa godhatan jedhan.
''Amma keessa darbanii daldala godhatan. Nama takka dirqamaan qabanii maatiin maallaqa kaffalanii akka deebifatan taasisaa jiran. Maatiin horii qaban gurguranii ijoolleesaanii baafataa jiru.''
Komishiniin Mirga Namoomaa Itoophiyaa qorannoo dhihoo gaggeesseen Oromiyaa kutaalee adda addaatti qaamoleen nageenyaa humna waraanaatti dabalamtu jechuun dargaggoota humnaan qabuu ibsee ture.
Bakka tokko tokkotti hoggantoonni raayyaa ittisaa calallii seeraan alaa ta'uu ibsu.
Namoonni humnoota nageenyaan haala kanaan qabaman iddoo itti tursiifaman keessaa akka gadi lakkifamanis hubachiiseera.
BBC Afaan Oromoo Chaanaalii WhatsApp akkasumas Facebook gubbaa hordofaa.
Oduuwwan BBC Afaan Oromoo biroo dubbisuuf as cuqaasaa.