Jifataa dandeettiinis nama ciniinuunis sodaatamu - Luwiiz Suwaareez

Luwiiz Suwaareez garee biyyaaleessaa keessaa soorama ba'uu ibse

Madda suuraa, BBC Sport

Ibsa waa'ee suuraa, Luwiiz Suwaareez garee biyyaaleessaa keessaa soorama ba'uu ibse

Fulbaana 03, 2024 guyyaan kibaxataa nama Uraaguwaay kanaaf guyyaa miiraan guutame ture.

Biyyasaaf waggaa 17 taphatee taphoota 142 irratti gooliiwwan 69 galchee kubbaa keessaa bahuu ibse.

Taphataan duraanii sarara fuulduraa Liivarpuul fi Baarseloonaa kun yeroo ammaa kilaba Ameerikaa Intar Miyaamii jedhamu keessa taphata.

Seenaa Uraaguwaay keessatti taphataa beekamaa kan ta'e Suwaareez, bara 2011 biyyisaa waancaa Koppaa Ameerikaa akka injifattu ga'ee olaanaa gumaache.

Liigiiwwan olaanoo keessatti waancaa ja'a, waancaa chaampiyoonsi liigii tokko fi waancaa Copa del Rey afur argateera.

Ga'umsa Luwiiz Suwaareez kan hin faarsine hin jiru, dandeettii kubbaa miillaa qalbii namaa hawwatuun beekama.

Garuu amala adda ta'ee fi yeroo garii hamaa ta'eenis maqaansaa ni ka'a.

Waancaa Addunyaa bara 2010 irratti wanti inni Gaanaa irratti raawwate hin dagatamu.

Tapha nuusa xumuraa irratti kubbaa goolii Uraaguwaayitti seenuuf turte sarara irraa harkaan deebisuun Gaanaa dorgommii keessaa baasuuf sababa ta'e, kun tokko.

Kan biraan isa inni nama ciniinu, yeroo kubbaa miillaa keessatti dabarse keessatti hanga ammaatti taphattoota faallaa isaa sadi ciniineera.

Akkasumas taphataan kun Paatris Evraa sanyummaan arrabsuun tapha saddeet kan inni adabame yoomuu maqaasaa waliin ka'a.

Suwaarez seenaa kubbaa miillaa isaa kan eegale seenaa jaalalaa irraati.

Yuraaguwaay irraa ka'ee akkamiin Awurooppaa keessatti jifataa akkaan sodaamu akka ta'ee fi waggoota 17 kubbaa miillaa keessa ture keessatti bu'aa ba'ii keessa darbe akkanaan qindeessine.

''Luwiiz Baarseloonaaf akka taphatu natti hime''

Suwaareez (gidduutti kan argamu) oladeemaa ta'ee kilaba Nacional jedhamu keessa taphataa ture

Madda suuraa, Mathias Cardacio

Ibsa waa'ee suuraa, Suwaareez (gidduutti kan argamu) oladeemaa ta'ee kilaba Nacional jedhamu keessa taphataa ture

Luwiiz Suwaareez magaalaa Yuraaguwaay keessatti baayyina uummataan lammaffaarratti argamtu Salto jedhamtu keessatti maatii harka qalleeyyii keessaa dhalate.

Miseensi maatiisaa hedduudha, garuu maallaqa hin qaban. Kanarraa kan ka'e kophee ittiin kubbaa taphatullee bituufii akka hin dandeenye haatisaa Saandiraan ibsitee turte.

Umriisaa waggaa torbatti Suwaareez maatiisaa waliin magaalaa guddoo Yuraaguwaay, Montevideo galan.

Jalqaba kilaba Urreta jedhamu keessatti kubbaa taphachuu eegale, isa booda umriisaan waggaa 14 wayita guutu kilaba Nacional jedhamu seene.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Taphasaa jalqabaa Copa Libertadores keessatti Junior Colombiyaa waliin Caamsaa 2005 taphachuu durayyuu oladeemtota keessaa dandeettiinsaa qalbii namoota hedduu hawwataa ture.

Ergasii garuu haalli salphaa hin turre. Bu'aa bayiin isa mudateera.

Ji'oota afuriif goolii tokkollee otoo hin galchin ture, carraa hedduus osoo itti hin fayyadamin tureera.

Kanaaf jaallattotasaa dabalatee deegartoonni kubbaa miillaa itti qoosaa turan.

Leenjisaan kilaba Nacional yeroo sanaa Martin Lasarte akkas jechuun BBC Sport'tti hime:

''Ji'oota hanga kana osoo goolii hin galchine turus haalaa fi amalli Luwiiz akkaan murteessaa ture. Nacional keessatti Suwareez taphataa cimaa ture..''

''Guyyaa tokko shaakala booda osoo waliin deemnuu tapha itti aanurratti akka hin seenne itti hime. Akkanni inni natti aare nan yaadadha. Inuma maraate. Garuu kun akka faayidaa isaaf ta'e hin hubanne ture. Mufachuu yookiin aariidhaan hamileen isa bu'uurra irra deebiin leenjii fudhatee deebi'uutti gammachuutu irra ture,'' jedhe.

''Guyyaa biraa ammoo fuulduratti Baarseloonaaf akka taphatu natti hime. Hanga kana milkeessutti akka harka hin lanne dubbate. Yeroo sana Baarseloonaan iddoo namuu seenuuf abjootu. Akkuma jedhe mul'atasaa milkeesse,'' jedhe leenjisaa isaa duraanii kun.

''Nama homtuu garaa isa hin geenye, bineensa nyaatee hin quufne''

Luwiiz Suwaareez bu'aa bayii hedduu keessa darbe

Madda suuraa, Mathias Cardacio

Leenjisaan isaa ganamaa Lasarte'n itti amanuunsaa fi Suwaareez mataansaa jabina qabaachuun akkanni kubbaa miillaa keessatti milkaa'uuf bu'uura ta'eef.

Waggaa jalqabaa kilaba Nacional keessatti taphoota 27 irratti goolii 10 galche, baruma inni gale kilabnisaa kun waancaa nyaate.

Duraan Suwaareez waliin Yuraaguwaay fi kilaba Nacional keessatti waliin taphachaa kan turan Sabaastiyaan Abriiwu ''Suwaarez gurbaa oladeemaa goota akka leencaa ture,'' jedhe.

''Luwiiz yeroo hunda yaadi isaa mo'achuudha. Tapha hundayyuu nan mo'adha jedhee cichoominaan seena. Kanaafis shaakala. Guyyaa tokko dhufee 'hundi keessanuu garee kana keessatti akka na dura jirtan nan beeka, garuu guyyaa tokko isin mo'adhee akkan isin bira darbu nan beeka' nuun jedhe.''

Hiriyaansaa duraanii kun akka jedhutti Suwaarez bu'aa bayii isa mudatu hunda akka carraatti fayyadamuun ittiin milkaa'a.

''Wanti isaaf hin danda'amne hin jiru, yeroo hamtu dabarse sana keessattillee harka hin laanne. Leenjii keessatti of mullisee hin beeku. Dhoksaatti cimsee shaakalaa ture. Osoo nuti hin beekin jechuudha. Kun akkanni Yuraaguwaau keessatti jifataa cimaa ta'ee ba'u isa taasise.''

Wayita oladeemtota turanitti Suwaateez waliin kilaba Nacional keessa kan turanii fi garee waliin dirree seenan akka turan kan himu Maatiyaas Caardaasiwoo, Luwiiz Suwaareez akkamiin akka shaakala hojjechaa ture akkanaan ibse.

''Wayita oladeemtota taanee kilaba Nacional keessa turre inni yeroo shaakalaa sa'atii tokko dursee argama. Dhokatee shaakala. Luwiiz yeroo mara kana godhaa ture. Hanga dandeettiisaa mirkaneeffatutti. Carraa kana of dabarsuu hin barbadu ture,'' jedhe.

''Nan yaadadha wayita Nacional bakka buunee Huracan waliin taphanne goolii 18 fi 0 dhaan moone. Gooliin 11 kan Suwaareez ture. Namni isa qabu dhibe. Innis goolii quufuu dadhabe. Ammas ammas daddabalee galchuu fedha. Bineensa nyaatee hin quufne.''

Dorgommii hunda mo'achuu barbaada kan jedhu hiriyaansaa kun, ''ijoollummaasaarraa eegalee dorgommii jaallata, mo'achuu fedha,'' jedhe.

''Yeroo mara waa'ee Soofiyaa yaada''

Suwaareez umriisaa waggaa 13 irraa eegalee Soofiyaa waliin jira

Madda suuraa, Mathias Cardacio

Ibsa waa'ee suuraa, Suwaareez umriisaa waggaa 13 irraa eegalee Soofiyaa waliin jira

Dandeettiin Suwaarez ijoollummaasaatti agarsiise, dandeettiin goolii lakkoofsisuu isaa fi fuuldura irratti sodaachisaa ta'uunsaa gara Daach deemee akka milkaa'u isa taasise.

Bara 2006 kilaba Griningen seenee bara jalqabaa taphoota 29 irratti hirmaachuun goolii 10 galche.

Isa booda Yuuroo miiliyoona 6.75n Ajax seene.

Achitti taphoota 159 irratti hirmaachuun goolii 11 galche. Ergasii bara 2011 paawondii miiliyoona 22.7n Liivarpuul seene.

Booda gara Baarseloonaa, achiis Atileetikoo seene.

Biyya Suwaareez, Yuraaguwaay, kan ta'ee fi Groningen keessa kan waliin taphataa turan Bruno Silva, Suwaareez akka gara Awurooppaa deemuuf sababa kan ta'e seenaa jaalalaati.

Tapha kubbaa miillaan fooyya'uu caalaayyuu waa'ee jaalalleesaatu oofee achiin isa ga'e.

Hiriyaansaa Soofiyaa jedhamtu kan umriisaa waggaa 13 irraa waliin turanii fi amma haadha manaasaa taate, umriishee waggaa 15tti dhimma maatiif gara Baarseloonaa imaltee turte.

Suwaareez yeroo dheeraaf ishee waliin erga hariiroo cimsatee booda jaalalaan waliin jiraachuuf itti siqe.

Silvan akkas jedhe: ''Gara Awurooppaa deemuuf kan murteesseef yeroo hunda ishee waliin ta'uu waan barbaaduufi. Yeroo sana haati warraan isaa ammaa, Soofiyaan Baarseloonaa turte. Kutataa ilmaa ture. Hatattamaan fiixee dandeettii kubbaa miillaarra ga'uuf cichoominaan waan taphatu fakkaata.''

Bara 2010 tapha Waancaa Addunyaarratti badhaasa kophee worqee kan argate Diyeegoo Foorlaan ''Waancaa Addunyaa 2010 fi Waancaa Koppaa Ameerikaa 2011 nuti injifanne irratti Suwaareez dandeettii ajaayibaa agarsiise. Shaakala hundarratti akka mo'achuu barbaadu himaa ture, taphataa cimaa ta'uu barbaada,'' jedhe.

''Yeroo hunda yoo kufaatiin Suwaareez mudatu, kan hamileesaa suphitee lafaa kaastu- Soofiyaa of cinaa qaba. Kaka'umsa kana waan qabuuf maatiisaas hin mufachiisu,'' jedhe Foorlaan.

''Taateewwan gaddisiisoon Suwaareez mudatan- arrabsoo sanyummaa Evraa irratti raawwateen taphoota adabamuu, taphattoota faallaasaa cininuu yookiin miidhaan yoo isarra ga'ullee yoggayyuu Soofiyaa of cinaa qaba. Kun jireenyasaa akkaan utubeera.''