Icciitii Antoonii Gireezmaan daqiiqaa 30 qofa taphatu beektuu?

Madda suuraa, Getty Images
Leenjisaan Atileetiikoo Maadirid Diyeegoo Simoonee gareen isaanii gaafa Gireezmaan dirree galu gahumsa gaariin akka taphatu himan.
Garuu tapha darbii torbee darbe Riyaal Maadirid waliin godhaniin ala Gireezmaan bara kana jijjiiramee galuun yoo baay’ate daqiiqaa 30 qofa taphataa ture.
Xiqqaatus waan guddaa dalage. Taphataan internaashinaalaa faransaay kun yeroo xiqqoo taphatus galchii sadii lakkoofsisuun kilaba isaa keessaa jalqaba irra kann jiru Alvaaroo Moraataan wali qixxaateera.
Waan yaadachuu qabnu bara 2019 Gireezmaan umurii ganna 28 tahee paawondii miliyoona 108’n Baarselonaaf mallatteesuu isaati.
Waggaa sadiin boodallee taphataa qaalii adunyaa kanaa jahaffaa tahee galmaa’ee jira.
Jalqabumaa eegalee garuu jijjiirraa taphatichaa irra rakkoon jira ture.
Erguma Gireezmaan Baarseloonaa gahee iyyuu atakaaroon waa’ee gatii jijjiirraa isaan wal qabatee ture.
Waxabajji 1 bara 2019 gatiin taphatichi itti gurguramuu ykn kilabni biraa bitachuu danda’u paawondii miliyoona 200 irraa gara miliyoona 120tti gadi bu’e. Guyyoota 12 booda ammoo taphatichi jijjiirraa isaa gara Baarseloonaatti taasise xumurate.
Atileetiikoo Maadirid garuu Baarseloonaa fi taphatichi osoo gatiin isaa gara paawondii miliyoona 120tti hin bu’iin wlaiigalanii ture waan taheef gatii kana caalun argachuu qaba jedhe.
Kun mormii guddaa kileboota lamaan gidduutti kaaseera.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Taphattootni akka Jeeraardi Piikee, Joordi Albaa fi Suwaarez fa’aa Atileetii irraa maallaqa hanga Kanaan Gireezmaan fiduu irra Neeymaariin PSG irraa deebisuu wayya jedhan.
Pirezidaantiin Baarseloonaa yeroo Sanaa garuu yaada kana hin fudhanne. Gireezmaan wlaiin waliigalleerra jedhan.
Taphattootni Baarseloonaa amala Gireezmaanii fi yeroo galchii lakkoofsisu akkaataatti gammachuu isaa ibsati kan daa’imaa fakkaatu sana hin jaalatan.
Baarseloonaan baajata isaa sirreessuuf jecha taphattoota gurguruun dirqama yoo itti tahu Gireezmaan jalqaba irra jira. Taphatichis Baarsaa keessatti gahumsa isaa agarsiisuu hin dandeenye.
Kanumaan ergisaa waggaa lamaan gara kilaba isaa duraanii Atileetiikootti deebi’e.
Waliigalteen kileboota lamaan giduu jiru akkasi.
Gireezmaan waggoota lamaan Atileetiikoo turu keessatti taphoota %50 ol tahan yoo daqiiqaa 45 ol taphate Atileetiikoon tapahataa kanaaf paawondii miliyoona 40 kaffaluun bitachuuf dirqama qaba.
Waliigaltee Girezzmaan Baarseloonaa waliin qabu ammoo hamma Waxabajji 30 bara 2024tti tura.
Bara darbe taphoota hundaayyuu daqiiqaa taphachuu qabu keessaa %80 irratti hiriiree taphateera.
Amma Atileetiikoon yeroo taphatichi hiriiree taphatu akka %50 gadi tahuuf carraan qaban yoo baay’ate daqiiqaa 30 jijjiiranii galchuun taphachiisuudha.
Kun ammo gahumsa taphataa kanaa irrattis rakkoo fiduu danda’a. Gireezmaan biyya isaa Faransaay waliin bara 2018 Waancaa Adunyaa mo’ateera. Bara kanas Waancaa Adunyaa Qataritti gaggeeffamuuf qophiitti jira.
Shirri Atileetiikoo kun garuu Baarseloonaa mufachiiseera. Gireezmaan akka taphachuu qabus gaafatanii ture. Haala Kanaan yoo itti fufan dhumarratti Atileetiikoon taphataa kana gatii xiqqaan bitachuu danda’a. Waggaa lama darban ammoo gatii jijjiirraa malee bilisaan itti fayyadaman jechuudha.












