'Kubbaa miilaa fi jaalallee keessan keessaa tokko filadhaa jedhamne' - Taphattoota

Taphattoonni Awustiraaliyaa kuni maatiifi kubbaa keessaa akka filatan itti himamu himan

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Kilabiin Haawton Haawukis liigii Awustiraaliyaa si'a 13 kan kaase yoo ta'u kanneen milkaa'oo jedhaman keessaati

Erga taphattoonni saboota durii (aborjinaalii) kilaba beekamaa Awustiraaliyaa keessatti leenjisaan haleellaan irratti raawwatamuun himamee booda Liigiin Kubbaa Miilaa Awustiraaliyaa qorannoo eegale.

Akka gabaasa ABC’tti taphattoonni maatii irraa akka adda bahan, jaalallee isaanii irraas akka adda bahan akkasumas yeroo tokkommoo haati warraa taphataa tokko ulfa akka adda kuttu itti himameera.

Kibaliin Haawton Haawukis dhimmicha '‘gaddisiisaadha’’ jechuun ibsee akka qoratu waadaa seeneera.

Kun kan barame akkaataa qabiinsa taphattoota saboota durii (aborjinaalota) irratti yeroo gamagamni taasifamedha.

Taphattoonni kun kubbaafi maatii isaanii keessaa tokko akka filatan itti himamuu miidiyichatti himaniiru.

Taphataan biraa immoo leenjisaan isaa '‘daa’ima kiyya hin dhalanne akka baastu[haadha warraa] akkasumas jaalallee kiyya akkan dhiisu na gaafateera,’’ jedhe.

'‘Sababa kanaan siimii kiyya mobaayila kiyya keessaa baasee gatuun maatii kiyya waliin hariiroo adda kuteera. Halkan gaafasii eegalee lenjisaa biraa waliin akka jiraadhu natti himame,’’ jechuun dubbate.

Haati warraa isaa mucaa jalqabaa erga deesse booda lammata ulfooftus rakkoon biraa akka isaan hin qunnamne sodaattee ulfa ishee akka baasu qabdu yaadaa akka turte ABC’tti himte.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Taphataan biraas ABC’f akka dubbatetti jaalalleen isaa ulfaa’u ishee kilabichi yeroo bare deebii walfakkaataa itti kennu dubbate.

Boodarras ishee waliin adda bahuu dirqamuu hime. Isheenis boodarra ulfa baafte.

Taphataan sadaffaa bulchiinsa biraarraa dhufe gama isaan maatiin isaa isa waliin Meelbarn dhufanii jiraachuuf yaadanis kilabichi akka dhorke hime.

Cimdiiwwan sadanuu sababa kanaan rakkoo jabaa keessa darbuu himan.

Taatullee jaalalleen isaa ulfa akka hin baafneefi baatilee muraasa booda jaalallee isaa walin araara buusuu hime.

Gaafa Roobii miidiyaatti kan dubbatan hoogganaan Liigii Awustiraaliyaa Gillon McLachlan gabaasa miidiyaa ABC, ''kan nama jeequ’’ jechuun ibsan.

Himannaa kan kanarra jabaa ta‘e argachuun ni rakkisa jedhan.

Eegasii gareen qorattoota walabaa ogeessa seeraan durfamuufi qorannoo gaggeessu akka hundaa’u himan.

Dubbii Himaan kilabichaa gamaaggamni ‘’himannaa kana dura ture’’ kaase jechuun haalli amma kilabicha keessa jiru ’nagaa’ qaba jedhan. '‘Fayyaan namoota kanaa waan dursa kenninufiidha,’’ jechuun deeggarsi akka isaaniif taasifamu himan.

Booda kana gareewwan liigii Awustiraaliyaa daawwattoota biraa arrabsoon sanyummaa akka isaan dhaqqabuufi deeggarsi qondaaltota kilabootaa xiqqoo ta’uu komatu.

Taphataan beekamaa saboota durii Adam Goodes himannaan morkattootaa waggootaaf ture '‘laphee isa cabsee’’ bara 2015 akka kubbaa dhaabuuf sababa ta’e kana dura ibseera.

Gamaaggamni kana dura kilaba Collingwood jedhamuurratti taasifame '‘sanyummaan’’ raawwatu bira gahe.