Daa’imni biliyoona 8ffaa dhalateera, kan 5ffaa, 6ffa fi 7ffaa eenyu turan?

Namoota yeroo baayyinni uummanni bil. 5 fi bil 6 guutu dhalatan

Baayyinni ummata addunyaa kanaa biliyoona saddetii guutuu isaa Dhaabbanni Mootummoota Gamtoomanii (UN) beeksiseera.

Waggaa 11 dura ture baayyinni ummata addunyaa biliyoona torba kan guute.

Baayyinni ummata addunyaa jaarraa 20ffaa walakkaa lamaffaa baayyee saffisaan guddacha tureen booda, amma garuu suuta guddachuu eegaleera.

Baayyinni uummata addunyaa biliyoona sagal guutuudhaaf amma waggoota 15 itti fudhata.

UN baayyinni uummata addunyaa hanga bara 2080tti biliyoona 10 guuta jedhee hin eegu.

Addunyaa irratti uummata sirriitti lakkaa’uun rakkisaadha waan ta’eef kan UN baasu waggaatti ykn wagga lamatti malee bahuu hin danda'u.

Haata'u malee, Sadaasa 15 kan baayyinni ummata addunyaa biliyoona saddet itti darbe kana sirriitti kan tilmaamedha.

Waggoota darban keessa, UN daa'imman lakkoofsi ummata addunyaa biliyoona shan, ja'aafi torba guutuu agarsiisan filateera.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

UN daa'imman kunneen yeroo dhalatan baayyinni ummataa shan, ja'afi torba guutuu isaa ittiin agarsiiseera.

Kanaaf, seenaan daa'imman kanaa waa'ee lakkoofsi ummataa guddachuu maal nutti himuu danda'aa?

Maateej Gaaspar bara 1987 keessa dhalatee daqiiqaawwan muraasaan booda ifti kaameraa suura isa kaasu fuula isaarratti 'balac... balac' jedhaa gurmuun namoota siyaasaa ammoo haadha isaa ciniinsuun dadhabdeetti marsaniiru.

Aanga'oota deessuufi daa'imashee marsanii turan keessaa qondaalli UN Biriitish Aleks Maarshaal garee kutaa wallaansa haadhotii qarqara magaalaa Zaagreb keessa jirtu kana akka waa yaadatan ija dura buuse.

"Amma lakkoofsi uummata addunyaa bara 1987 keessa biliyoona shan darba jennee kaawwanneerra. Guyyaan kun ammoo Adoolessa 11 irra ture. Guyyattii kana addatti uummata addunyaa biliyoona shan guute kana moggaasuun ittiin yaadachuuf murteessan," jedha qondaalli UN Biritish irraa ta'e kun.

Yaada kana qabatee yeroo ogeessota dhimma uummataa UN irratti hojjetan bira deemetti isaan yaada kana ilaalchisuun guddoo dheekaman.

Namoonni hin baratiin maal akka hojjechaa jirru hin beekan jechuun nuuf ibsan. Daa'imman baayyee keessaa tokko qofa filachuun nurra hin jiru."

Waan fedhe ta'us garuu raawwataniiru. "Dhimmichi lakkoofsichaaf [lakkoofsa baayyina ummataaf] nama bakka bu'u filachuudhumadha," jedhe.

"Achumaan Barreessaan Olaanaa UN guyyaa sana akka ta'u gochuun achumarraa kaasee itti9 fufe."

Waggaa 35 booda daa'imni dhalachuun isaa baayyinni uummata addunyaa akka biliyoona shan guutu taasise kabaja guyyaa sana taasifame dagachaa dhufeera. Akka fuulli Facebook isaa agarsiisutti namni kun Zaagreb keessa jiraata. Gaa'ela ijaarratee ogummaa Keemikaal Injiiinaringiitiin hojjechaa gammachuun jiraachaa jira.

Haata'u malee, seenaa isaa kana ilaalchisuun gaaffiifi deebii BBCn gaafate hin fudhanne.

"Dhugaadha, ani isa hin komadhu. Cidha miidiyaa guyyaa dhaloota Metaaj jalqabaa sana nan yaadadha

Erga fuyyaa sanaatii, uummata addunyaa kanaarraatti namoonni biliyoona sadii dabalamaniiru.

Haata'u malee, waggootan 35 itti aanan garuu biliyoona lama qofa dabala. Kana jechuun baayyinni uummataa akka kanaan duraa dabaluun xiyya dagalee ol dabalaa deemu osoo hin taane dagalee ciisaa ta'e agarsiisa.

Magaalaa Dhaakaa, Baangilaadish keessatti Saadiyaa Sultaanaa Oyishee irbaataaf ddinicha qoncisuun gargaaraa yoo jirtu mullatti.

Mucaan kun amma umuriin ishee waggaa 11 guuteera. Umurii ishee kanaan alai ijoollee waliin burraaqxee yeroo itti taphattu ture garuu haati ishee ko'eeyyii waan ta'aniif isaan gargaaruun dirqama itti ta'eera.

Maatii mucayyoo kanaa weerara koronaavaayirasii hordofee hojiin daldalaa isaanii qaaccaa gurguruu waan jalaa qabbanaa'eef gara amma jiran kanatti godaanuuf dirqamaniiru.

Bakka amma jiran kanatti jireenyi foyyee waan qabuuf maatiin ijoollee durbaa isaanii sadan barsiifachuu ni danda'u.

Oyisheen ijoollee maatii kanaatiif ishee quxisuudha. Bara 2011 keessa dhalachuun daa'imman addunyaa biliyoona torbaffaa keessaa tokko jedhateetti.

Haati Oyishee maaltu ta'uuf akka ture waan beektu hin qabdu ture. Guyyaa sana akka da'uuf jirtullee quba hin qabdu ture.

Oyisheen halkan waariitti daqiiqaa tokko yeroo darbu dhalatte. Yeroo dhalatte sana garee hojjetoota TV fi aanga'oota naannichaan marfamtee gara addunyaa kanaa dhufte. Maatiin waan ta'e kanan waan dubbatanitu jalaa bade garuu hedduu gammadaniiru.

Abbaan Oyishee dhiira argachuuf hawwaa ture amma garuu intala qaruufi cimtuu sadaffaa argate kanatti guddaa gammada.

Intalli isaa angafti amma barattuu yunivarsiitii. Oyisheen ammoo doktora ta'uudhaaf hawwii qabdi.

"Amma xiqqoo miilli keenya wal hin qixxaanne. Weerarri koronaavaayirasii jiruu xiqqoo rakkisaa taasiseera. Haata'u malee, hawwiin ishee akka dhugoomuuf waanan danda'u hunda nan godha."

Erga Oyisheen dhalattee as qofa uummata Baangilaadish qofatti miliyoona 17 kan ta'utu dabalame.

Kun uummanni addunyaa kanaa garamitti akka deemaa jiru hubachuudhaaf murteessaadha.

Baangilaadish biyya lakkoofsi ummataa saffisaan dabalu keessaa turte. Yeroo dhiyoo as garuu Baangilaadish dabalatee biyyoonni lakkoofsi ummataa baayyinaan keessatti dabalan hanga tokko hir'ataa dhufeera.

Erga Oyisheen bara 2011 dhalatteen as addunyaa irratti wantonni hedduun jijjiiramaniiru. Jijjiiramni kun ammoo ogeessota dhimma ummataa irratti hojjetan ajaa'ibsisuu itti fufeera.

Amma da'umsi gadi bu'aa jira.

Daa'imni biliyoona 6ffaa ta'uun dhalate Adnaan Melviich biyya waggaa 50 keessatti walakkaan hir'atu keessa jiraata.

Ogeeyyonni dhimma ummataa lakkoofsi daa'imman dubartiin Kooriyaa Kibbaa argattu tokko giddu-galeessaan 0.81tti gadi bu'uun guddoo isaan rifachiiseera. "Hanga kamitti gadi bu'uuf deemaa? Kun nuuf gaaffii guddaadha."

Kun gaaffii biyyoonni caalaa itti rakkachaa jiran ta'aa jira.

Namoota biliyoona tokko dhalatan walakkaa ta'an biyyoota addunyaa saddet keessaa kan dhufan yoo ta'u, hedduun isaanii Afrikaarraati. Biyyoota hedduu keessatti lakkoofsi daa'ima argachuu dubartii tokkotti giddu-galeessaan daa'ima 2.1tti gadi bu'a. Lakkoofsi kun kan akka baayyinni ummataa itti fufu kan taasisudha.

Namoota miliyoona jahaaffaatti dhalatan keessaa

Biyya Bosiiiniyaa kan baayyinni ummataa akka malee gadi bu'aa jiru keessaa namni umuriin isaa wggaa 23 ta'e Adnaan Meviich waa'ee kanaa hedduu yaada.

"Namni qe'eetti hafii warra soorama bahan gargaaru dhibuuf deema. Dargaggeessi biyya gadhiisaa jira."

Ikonoomiksiin Maastersii kan qabu Adnaan, yeroo ammaa hojii barbaadaa jira. Hojii hin argatu taanaan garuu gara biyyoota Gamtaa Awurooppaa (EU)tti deemuun isaa hin oolu.

Akkuma biyyoota Awurooppaa bahaa kaan biyyi isaa hanqina daa'ima dahuufi godaansaan miidhamteetti.

Adnaan haadha isaa Faaxumaa waliin Saarjevoo keessa jiraata. Haati isaa kun yeroo inni dhalatu yaadannoo adda ta'e qabdi.

"Yeroo sanatti wanti hin baramne tokko ta'uuf akka jiru hubadheen ture. Doktoroonniifi narsoonni na marsan, maalti ta'uuf akka ture garuu kanan himu hin qabu," jetti Faaxumaan.

Yeroo Adnaan dhalatetti Barreessaan Olaanaa UN Kofii Aanaan daa'ima kana biliyoona sa'affaa godhee cuubuuf (moggaasuuf) achitti argameera.

"Ani baayyee dadhabeen ture. Maaltu akka natti dhaga'ame hin beeku," jechuun kokkolfaa waan yaadattu dubbattu.

Adnaan daa'ima biliyoona ja'affaa ta'ee dhalachuun isaa guyyaa dhaloota isaa akka hiriyyoota isaa keekii qopheeffatee hiriyyootaan marfamee osoo hin taane aanga'oota UN suufii uffataniin marfamee akka ta'u isa godheera.

Kana malees, yeroo umuriin isaa waggaa 11 carraan kun taphataa kubbaa miilaa jaallatu Kiristaanoo Ronaaldoo Riyaal Maadiriid deemee arguu danda'eera.

Waggaa 23 keessatti uummanni biliyoona lamaan guddachuun isa ajaa'ibeera.

"Kana jechuun salphaa miti. Dacheen keenya miidhaduun kun garamitti akka deemtu hin beeku," jedha.