Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
'Dhiironni bilbila haadha warraa keessanii hin tuttuqiinaa' - Pirezidantii Zaambiyaa
Pirezidantiin Zaambiyaa Haakayindee Hichilemaa dhiiroonni biyya isaanii bilbila haadha warraa isaanii sakkatta’u akka dhaabaniif gaafatan.
Dubbiin pirezidantichaa kuni kan dhagahame Zaambiyaa keessatti hammi namoota gaa'ila diigan dabaluu walqabatee yeroo dubbatanittidha.
Galmeewwan akka mul’isanitti bara darbe qofaa biyyattii keessatti gaa’illi 22,000 ol diigameera.
Kanas pirezidantichi taatee gaddisiisaa tahetti ibsan.
Sababiiwwan namoonni gaa’ilasaanii diiguuf mana murtiitti dhiyeessan kaasan keessaa sagaagalummaa, miidhaa saala bu’uureeffate, arrabsoo fi gara jabinni kanneen dursaan eeramanidha.
Itti dabaluunis pirezidantichi, ‘‘Jaalalaaf bultii ijaarranna, akka wal basaasnuuf bulti ijaarranna miti. Yookiinis deemnee akka quba walitti qabnuuf miti,’’ jechuu isaanii miidiyaaleen biyya keessaa gabaasaniiru.
Akkasumas, ‘‘Bilisummaa jechuun itti gaafatamummaa bilisummaa keenya ittiin daangessinu malee bilisummaa warra kaan kan ittiin sarbinu miti. Nama obsuufi hubataa ta’aa’’ jedhan.
Ragaa baatii 12n darban biyyattii akka mul’isuutti, gaa’illi baay’ee gabaabaan kan guyyoota 30’f ture yoo ta’u, inni dheeraan ammo kan waggoota 65 turedha.