Iraan gaa'ela jajjabeessuuf appii jaalalaaf itti wal beellaman midhaassite ifa goote

Rippabliki Islaamaa Iraan walhiikuun baay'atee hangi dubartootaas waan hir'isaa dhufeef, appii gaa'ela jajjabeessu ifatti beeksiste.

Appiin Hamdan ykn Afaan Parshiyaatiin 'Miiltoo'' akka jechuu oggaa tahu, qaama dhaabbata 'Islamic Propaganda Organisation' jedhamuun midhaaffame.

Jaalallee argachuuf AI ykn hubannoo nam-tolchee akka fayyadamu kan himu appilikeeshiniin kun, ''namoota gaa'ela waarawaa fedhaniifi haadha warraa tokko qofaaf'' hojiirra oola jedhameera.

Appiiwwan itti wal beellaman ykn kaadhimmatan (dating apps) Iraanitti bal'inaan kan itti fayyadaman yoo tahu, amma booda garuu Hamdan qofatu seera-qabeessa taha.

Kana malees seerri Iraan qunnamtii saalaa gaa'elaan alatti taasifamu, yoo jarri waliigalanis, ni dhorka.

Akka marsariitiin Hamdan jedhutti, namoonni appicha fayyadamuun jaalallee barbaaduun dura eenyummaasaanii mirkaneessuu qabu. Dabalataanis qormaata xiinsammuullee ni fudhatu jedha.

Wayita namni walsimu (match) argamu appichi ''maatii kana bakka gorsitoonni jiranitti walbarsiisa.'' Lamee kanas gaa'elaan booda waggaa afuriif ''waliin turanii hordofu'' jedha.

Gaggeessaan dhaabbata appicha midhaassee Institiyuutii Aadaa Tebyan waan jedhan, appiin kun yeroo ammaa duudhaan maatii yaaddoo ''seexanaa'' fi nyaapha Iraaniin jala jiru kanatti, maatii fayya-qabeessa uumuuf gargaara.

Ragaaleen akka mul'isanitti, Iraanitti Bitootessa hanga Muddee 2020tti gaa'elli 307,300 fi wal hiikuun 99,600 galmaa'eera. 2008tti ammoo namoota bultii ijaarratan saddeet keessaa tokko ni diigama ture.

Gama kaaniin guddinni waggaa waggaa lakkoofsa ummataa biyyattii 2020 keessa %1.29n gadi bu'eera.

Ummata Iraan keessaa walakkaa ol kan tahu umurii 35n gadi.

Haatahu malee mootummaan biyyattii, tarkaanfiin yoo fudhatamuu baate, barkurnee sadi dhufu keessa biyya namoota umuriin jaaran hedduu qabdu taati jechuun akeekkachiise.

Bitootessa keessa Paarlaamaan Iraan, gaa'elaafi lamee (couple) ijoollee lamaa ol godhataniif mootummaan deeggarsa maallaqaa akka taasisuuf seera dabarseera. Haga ammaa garuu Mana Maree 'Guardian' jedhamuun hin raggaasifamne.

Bara dabre keessa aanga'oonni mootummaa, tajaajiloota karoora maatii hospitaalota mootummaa keessa kennaman daangeessuu eegalaniiru.

Karoorri maatii dhiirootaa (vasectomy) amma booda kan hin kennamne oggaa tahu, yaaliin dhala to'achuu dubartootaas, kanneen fayyaan isaanii balaarra jiru jedhaman callaaf kennama.