Seenaa jireenya dubartii Ameerikaa beekamtuu turteefi hunda dhiistee monoksee taate

Monokseen ganna 92, jireenya callisaa, qofummaa fi hiyyummaa keessa jiraachuuf waadaa seente, gadaamii waggootii soddomman darbaniif jiraachaa turte keessatti lubbuun ishee darbeera. Ta’us garuu seenaan jireenya Sistar Meerii Jooseef wanta barameerraa baay'ee addadha.

Jireenya kadhannaa kanatti of kennuu isheen dura Aan Raseel Miiler jedhamuun beekamti turte. Haadha ijoollee kudhanii kan taate Aan dureettii beekamtuu sagantaa (paartii) gurguddaa qopheessitu fi sagantaa oppeeraa hedduu daawwattu turte.

Bara 1928tti kan dhalatte Aan, durumaan hawwii monoksee ta’uu qabdi turte, ta’us garuu jaalalli ishee qabate.

Ganna 20tti, hogganaa ittaanaa dhaabbata Gaasii fi elektirikii Paasifik kan ta’e Richaard Miilaritti heerumte.

''Umurii ganna 27tti ijoollee shan godhatte,” jechuun ilmi ishee inni quxisuu Maark Miiler Tiwiitara gubbaatti barreesseera. ''Ammas dabalataan ijoollee shan godhatte, dhiira shanii fi durba shan.”

“Hiriyoota hedduu qabdi turte. Hin xuuxxi, hin dhugdi, kaartaan [tirgaa] taphatti turte. Dubartii daakaa cillimsuu taasistu taate.”

“Yeroo konkolaachistu akka malee fi ariitiin waan tureef namootni konkolaataa ishee keessaa hollachaa ba’u ture. Guyyaama tokkotti tamboo xuuxuu, dhugaatii dhuguu fi buna guyyaa tokkotti dhaabdee, sababa kanaanis yakka kamuu hojjachuu irraa oolte.”

Aan ijoollee ishee mana guddaa kutaa ciisichaa sagal qabu keessatti guddifte, hiriyyoota ishee bakeewwan daawwannaa adda addaatti geessuun beekamti turte.

Yeroo tokkotti miseensa boordii dhaabbilee adda addaa 22 turte, akkasumas barattootaaf, harka qalleeyyii daandiirra jiraatanii fi Waldaa Roomaan Kaatoolikiif maallaqa hedduu walitti qabdeetti.

Abbaan warraashee bara 1984tti dhibee kaansariin yemmuu du’etti yeroos wiirtuulee monoksummaa ciccimoo addunyaa irra jiran seenuuf sirriitti yaaduu eegalte.

Waggaa shan booda wiirtuu Sisters of Our Lady of Mount Carmel kan kutaa biyyaa Illenooy Dees Pileeyins jiru seenuuf jecha qabeenya ishee hunda namaaf hirte.

Monoksoonni Karmileet, fedhii foonii hunda ganuun, gara caalu guutummaatti callisanii kan jiraatanidha. Wanta barbaachisu akka ogeessa fayyaa bira deemuuf yoo ta’e malee gadaamii isaanii keessaa hin ba’an. Monoksootni kun barbaachisaa yoo ta’e malee hin odeessani, yeroo isaanii kadhannaa fi of madaaluun dabarsu.

“Monoksee adda taate turte,” jedha Maark. “Sirriitti faarfachuu hin dandeessu, itti gaafatamummaa kennamuufitti ni barfatti turte akkasumas eeyyamamuu baatus saroota naannicha waliin ni taphatti ture.

“Erga isheen monoksee taatee waggaa 33 keessatti yeroo lama qofan ishee arge, yeroo ishee daawwachuuf deemtuus haammachuu ykn xuquunii hin dandeessu. Dallaa sibiilaan gargar baatee agartaani.”

Aan akkoo ijoollee 28 taatus, garii isaanii agartee hin beektu. Akaakilee hedduu qabaattus tokko isaanii iyyuu garkaan qabdee hin beektu.

Kutaa tokko keessa muka firaashii haphii qaburra rafti turte, guyyaa ammoo wayyaa daalachaa fi shabaxii uffatti turte, kun jireenyashee duraa uffata gatii qaalii uffattu irraa addadha.

Kabaja guyyaa dhalootaa 61ffaa ishee irratti keessummoota 800’f Hoteela Hiiltan, Saan Firaansiskoo jiru keessatti maatii fi hiriyyoota isheen nagaatti jechuuf sagantaa qopheessite.

Keessummoota isheef yeroo haasaa taasistu, waggootii 30 jireenya ishee ofiif kennite, waggootii 30n itti aanan ammoo ijoollee isheef keennitee waan turteef waggootiin jireenya ishee hafan ammoo Waqaaf akka kennuu barbaaddu dubbatte.

Guyyaa itti aanu gadaamii keessa jiraachuuf gara Chikaagootti imaluun Sister Mary Joseph jedhamtee maqaa haarayaa argatte.

“Hariiroon nuti qabnu walxaxaa ture,” jedha Maark. “Bara 1920’n keessa dhalattee bara 2020’n jaarraa itti aanuu keessa duute. Isheen Aan Raseel Miilar, monoksee Sister Mary Joseph, kan Trinity OCD turte.”

“Abbaakootti nagaa naaf dhaamti jedheen abdadha.”