Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Uffanni salbaajii morkattoota pireezidantummaa Keeniyaa falmiitti galche
Filannoo pireezidantummaa Keeniyaa ji'a Hagayyaa keessa gaggeeffamuuf morkattoota deeggarsa guddoo qaban Wiiliyaam Ruutoo fi Raayilaa Odiingaa dhimma huccuu salbaajii alaa galu irratti wal-falman.
Tokkummaa Azimio la Umoja jedhamu kan hoogganan Raayilaa Odiingaa 'uffata namoota du'aniin uffatamaa ture gurguruurra'' ofii omishinnee isa akka gurguran goonaa jechuun sagantaa tokkummaa isaanii yeroo ibsan dubbatan.
Odiingan yoo pireezidantii ta'anii filataman dhaabbilee huccuu omishan akka jajjeebeessan waadaa galan.
''Hojii omishaatti gallee namoonni salbaajii (mitumba) biyya alaatii galchan, omisha gaarii gurguran asumaa akka qabaatan goona'' jedhan duula filannoo Wiixata ture irratti.
Odiingaan guyyaa itti aanu karoorri gama kanaan qaban jirbiifi galteewwan omisha huccuu dhiyeessuu qofa osoo hin taane huccuu dhiiraafi dubaraa omishee gabaaf dhiyeessuu akka dabalatu dubbatan.
Morkataan Raayilaa Odiingaa kan amma pireezidantii itti aanaa biyyattii ta'uun tajaajilaa jiran Wiiliyaam Ruutoo, yaada kanaan kan hiyyeessi kallattiin irraa hin fayyadamnee jechuun qeeqan.
Ruutoon yaada Odiingaa yeroo morman gama kanaan karoorri qaban adeemsa gajjalaa irraa asii olee namoota fayyadaa adeemu damee teeknikaa fi oogummaan deeggaruu akka ta'e dubbatan.
Adeemsi ''irraa gadee adeemuu hamaadha'' jedhan.
Miidiyaa Naayiroobii Niiws jedhamutti yoo dubbatan Raayilaan ''uummatni keenya uffata biyyoota alaatti namoota du'aniin uffatamaa ture malee hin uffatanii'' jedhan.
Itti dabaluun kaniin jechaa jiru warra huccuu kana alaa galchan daldala kana keessaa baafna osoo hin taane uffata haaraa biyya keessatti omishaman akka gurguran carraa jalqaba argatuudha jedhan.
Dameen daldalaa kun sababa weerara Covid'n akkaan miidhamee erga turee booda xiyyeeffannoo pireezidant Uhuuruu Keeniyaattaa argatee omishaaleen galan kun sadarkaa isaanii kan eeggatan akka ta'u fichisiistota waliin waliigalaniiru.
Fichisiistotni huccuu salbaajii(jalaa baatee) hunduu dhaabbata sadarkaalee Keeniyaan akka galmaahanii seera qabeessa ta'anii akka hojjetan ta'eera.
Keeniyaan biyyoota Sahaaraa gadii keessaa biyyoota huccuu jalaa baatee hedduu biyya alaatii galchan keessaa adda dureedha.
Bara 2019 keessa huccuu akka kanaa toonii 185,000 konteenaroota 8,000 ta'uun biyyatti galchuu qorannoon ni agarsiisa.
Biyyattiin biyyoota kaan buufata galaanaa hin qabne akka Itoophiyaa fa'attis dabarsitee dhiyeessiti.
Bara 2019 qofa mootummaan biyyattii damee kanarraa qaraxa shilingii biiliyoona 12 sassaabeeras jedhama.