Namni kobbee har'a itti fayyadamnu kalaqe eenyu?

Bara 1938 gaazeexeessaan lammii Haangarii Laasizloo Baayiroo jedhamu kobbee har’a itti fayyadamnu kalaqe.

Innis kobbee isa qalama coccobsutti fayyadamu nuffeetu kobbee amma itti fayyadamnu kalaquuf murteesse.

Akkatti maashiniin maxxansaa qalama fayyadamu arguun kaka’ee, yaada fiixee kobbee ykn peennaa irra ija geengoo tolchuu yaadni jedhu dhufeefi. Kunis qalamni akka hin coccobne godha.

Akka carraa pireezidantii Arjantiinaa yeroosii Ogstiin Hustoo argatee kalaqaan isaa Arjantiinaatti akka oomishamu tahe.

Isa booda kobbee fiixee geengoo qabdu kana homtuu dhaabuu hin dandeenye.

Yeroo ammaa kobbeen gosa kanaa guyyaatti miiliyoona 15 tahu gurgurama.

Saxaxi kobbee kanaa erga yeroosiitii badaa hin geeddaramne.

Gaazexeessituun Reechal Naayilar BBC Witness History mucaa kalaqaa kobbee kanaa dubbisteetti.

Intallisaa Maariyaanaan, "yeroo hunda keewwata akka barreessuuf yoo itti kennamu, qalami jalaa coccoba, dafee hin gogu hojii itti baay’isa ture.

"Sana booda akkatti maashiniin gaazexaa maxxansu wanti akka ujummoo fakkaatu naanna’aa qalamaan barreeffama maxxansu waraqaan ammoo halluu sana xuuxee akka hambisu arge. Kana maaliif kobbeedhaaf hin hojjennu jedhee yaade,’’ jetti intallisaa.

Garuu kobbeedhaaf waan akka ujummoo osoo hin taane, geengoo waan akka kubbaa tahuu akka qabu murteesse,’’ jetti.

Haala kanaan kobbeen amma namni barreessu hundi itti fayyadamu dhalate.

"Yeroo hundumaa waan garagaraa irratti hojjeta. Waan tokko gaafa argu hubannoodhaan ilaala.

Ganamaan ka'ee biqiltoota mooraa keessa jiran bira deemnee goondaa ilaalla nuun jedha ture,’’ jetti Maariyaanaan.

Maariyaanaan Laazloon abbaa akkamii akka ture yeroo gaafatamtu, "abbaa biraa hin qabu kanaaf isa dorgomsiisuu hin danda’u, abbaa obsaa tokko ture, isa dhaggeeffachuun namatti tola; sababiinsaas yeroo hunda waan addaa waan haasa’u qaba,’’ jetti.

Maariyaanaan abbaan ishee biyyoota garagaraa akka deeme dubbatti. Waan addaa gaafa hojjetus gara kutaasaa ishee waamee akka itti agarsiisu himti.

"Nama yeroo hunda ko’amatu ture, ani garuu abbaa guutummaan guutuutti gaachana naaf tahu akkan qabun beeka ture,’’ jetti.

Akkuma kalaqawwan kaanii kan kobbee kanaas yaaliifi dogoggora baayyee keessa darbeera.

''Yeroo jalqabaa akka barbaadamutti kobbeen kuni hojjechaa hin turre. Yeroo waraanaa gosa kobbee kanaa kan oomishaa ture warshaa Siwiidiin jiru qofa ture, kanaaf mudaa kan hin qabne hin turre,'' jetti Maariyaanaan.

Ergasii qalama kobbee keessatti gogu mannaa yeroo waraqaarra bu'u kan goguutti geeddarame.

Laasizloon kana furuuf obboleessa isaa keemistii Joorji jedhamu waliin waggaa ja'aaf erga yaalii geggeessaniin booda fiixa-bahumsa argatan.

Bara 1938tti waraqaan ragaa abbummaa isaaf kenname.

Kana booda kobbee isaa kana nama jaalatu barbaachatti ka'e. Biyya yeroos Yugoozlaaviyaa jedhamtu deemee namni argate tokko sunis hamma dhumaatti jireenyasaa jijjiire.

''Qarqara galaanaa taa'ee kobbee kalaqe kanaan otoo barreessuu namni tokko dhufee, ''maal barreessaa jirta?'' jechuun gaafate,'' jetti intallisaa.

Innis akkas jechuun deeebise, ''kuni waan ani kalaqedha akka hojjetuufi hin hojjenne yaalii gochaan jira,'' jedhe.

Achiin namichi waraqaa teessoo fi hojii ibsu itti kennee biraa deeme.

Waraqaan suni pireezidant jedha innis pireezidantii warshaa wayii itti fakkaatee ture.

Maqaan garuu Ogstiin Hustoo ture innis Pireezidantii Arjantiinaa jedha. Bara 1940tti Laasizloo Baayiroon gara Arjantiinaa deeme. Maatiin isaa bara 1941tti isa hordofan.

Maariyaanaan, ''gara Arjantiina deemuun salphaa hin turre, ani ashaanguliitii ittiin taphadhu 35 qaban ture, achi deemuuf garuu tokko filachuun qaba ture. Lamaan sadan isaanii baaburaan maatiin dhufan akka fidanin godhe,'' jetti.

Takka magaalaa guddoo Arjantiinaa Boonaasaayris geenyaan Maariyaanaan yeroos daa'ima ganna sagalii turte, daldala maatii keessa ishee galchee kobbee kana akka yaaltu godhe.

''Fakkeenyaaf kobbee 50 naa kennee tokkoon tokkoo isaanii yaaluun fiixeen geengoo sun akka hojjetu nan mirkaneessan ture. Innis sa'aatiitti saantima shantama naa kaffala ture, yeroos maallaqni kuni guddaa ture,'' jetti.

Galata yaalii Maariyaanaa haa tahuutii kobbeen kuni 1940moota keessa Arjantiinaafi alatti fudhatama argachuu jalqabe.

Maariyaanaan, ''yeroos Niiw Yoork fa'i keessatti gaafa gurguramu akka kennaatti ture addatti namoonni kan walii kennan,'' jetti.

Baay'ee mi'aa akka tureefi namni hundi akka hin binnees dubbatti Maariyaanaan.

Kobbeen kuni yeroos doolaara 2.50'n gurguramaa ture, qarshii ammaa doolaara 210 jechuudha.

Achi oomishaan BIC jedhamu bara1945'tti Firaansitti fudhate, achiin Ispeen kobbee kana oomishuun biyya ijoo taate.

Boodarra baruma 1945 dhaabbanni xiyyaara waraanaa Ingiliiz Maayils Maartiin jedhamu mirga oomishuu bitatee kobbee 30,000 oomishe.

Olka'insa irratti kobbeen qalamnisaa otoo hin coccobiin kan barreessu isa qofaa ture.

Laasizloo Biroo kalaqasaa itti fufe hamma bara 1985 lubbuunsaa darbutti maqaa isaatiin kalaqa 300 olitu jira ture.

Maashina wayyaa miiccu, meeshaa saffisa konkolaataa takkaatti geeddaruufi kaan kalaqeera.

Maariyaanaan, ''abbaan koo kalaqa kee keessaa kam jaalatta yeroo jedhamu 'isan itti aansee kalaqu' jedha ture,'' jette.

Intallisaa Maariyaanan yeroo ammaa Boonaasaayiris keessatti barsiistuu yoo taatu, waa kalaquu barattootashee ni barsiisti. Akkas jechuunis itti himti, ''jireenyi yeroo hunda milkii hin qabdu, kanaaf irra deebi'ii yaali.''

Ergasii kobbeen ''Baayiroo' akkaan beekame, bara 2006, kobbeen biiliyoona 100 ol gurgurameera.

Maariyaanaan, ''kobbeen kuni waan Hangaariitti kalaqameef, Arjantiinaa keessatti qixaa'ee oomishameef, paaspoortii Arjantiinaa qaba,'' jetti.

Kalaqaansaa harka nama hundaa akka gahu ture yaadnisaa, ''kanas ijaan argee darbuusaan baayyee gammada,'' jetti.