Paarkiin Gaarreen Baalee UNESCOtti galmaa'un maal fidee dhufa?

Paarkii Gaarreen Baalee keessa bineensa uumamaa bal'aa qabu irra deddeebii balaan ibiddaa isa qunnamaa ture

Madda suuraa, Oriol Alamany/Alamy

Ibsa waa'ee suuraa, Paarkii Gaarreen Baalee keessa bineensa uumamaa bal'aa qabu irra deddeebii balaan ibiddaa isa qunnamaa ture

Paarkiin Biyyaalessaa Gaarreen Baalee hambaa addunyaa ta'un dhaabbata Barnoota, Saayinsiifi Aadaa Biyyoota Gamtoomanii (UNESCO)tti galmaa’eera.

Kana dura Itoophiyaarraa paarkiin beekkamtii idil-addunyaa akkanaa argate Paarkii Gaarreen Kaaba Itoophiyaa, Sameen, jedhamanidha. Kanaaf Paarkiin Baalee lammaffaa ta’a jechuudha.

Yaa’ii Hambaa Addunyaa 45ffaa irratti Teessumni Lafaa Gede'oos UNESCO jalatti akka galmaa’u ta’eera.

Akka aangawaan Itoophiyaa BBC’n dubbise jedhanitti, turtii waggoota 16 boodadha Paarkiin Gaarreen Baalee Naannoo Oromiyaa keessatti argamu hambaa addunyaa ta’un kan galmaa’e.

Murteen kuni maal jechuudha? Paarkii Biyyaalessaa kanaaf maal fidee dhufa?

'Faayidaa qaba'

Obbo Naggaa Wadaajoon, Komishinara Itt-aanaa Komishinii Turizimii Oromiyaati. Dhaabbati isaanii kuni Naannoo Oromiyaa walitti bu’iinsi keessatti cime wiirtuu turizimii gochuuf sosso’aa jira.

‘’Gammachuu adda ta’etu nutti dhagahame,’’ jedhu Finfinneerraa sagantaa Yaa’ii 45ffaa Hambaa Addunyaa Sa’udi Arabiyaa, Riyaaditti adeemsifamaa ture yeroo hordofaa turanitti.

‘’Baaleen miidhagina dilbii qaba,’’ jechuun miidhagina Gaarreen Baalee ibsuuf akka isaan rakkisu himu.

Paarkii Gaarreen Baalee keessa loojii yookiin bakka tuuristoonni buufatan keessaa tokko

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Paarkii Gaarreen Baalee keessa loojii yookiin bakka tuuristoonni buufatan keessaa tokko

"Teessuma lafaa adda ta’e, haala qilleensaa ajaa’iba ta’e,’’ jechuun paarkiin ibsan kuni Itoophiyaa keessa waggoota dheeraa dura paarkii biyyaaleessaa ta’e galmaa’e.

Haa ta’u malee, hambaa uumamaa sadarkaa idil-addunyaatti beekamaa ta’e akka galmaa’uf garuu ‘’Waggaa 16 ol eegamaa tureera,’’ jechuun dubbatu.

Sababa ‘’hordoffii, xiyyeeffannoo dhabuudhaan’’ yeroo hanganaa akka fudhate ibsu.

Paarkiin Biyyaalessaa Gaarreen Baalee galmaa’uu isaatti ‘’Beekamtii idil-addunyaa akka qabaatu ni taasisa,’’ jechuun bu’aa fidu dubbatu.

‘’Beekkamtiin Baalee sadarkaa idil-addunyaatti akka beekamu godha, turistoonni baay’ee akka isaan dhufan godha.’’

Kunimmoo biyyaafi naannoof akka gumaatu amantaa qabu. ‘’Faayidaa dinagdeefi hawaasummaa keessummattuu hawaasa naannoo sana jiraatuuf,’’ ni fida jechuun BBC’tti himan.

Kanneen amma galmaa’un isaanii ibsameen alatti kanneen galmaa’uf karaarra jiraniis jiru jedhameera.

Namni Paarkii Baalee dhaqe maal arga?

‘’Tokko akkaataa taa’umsa dachee sanaati. Akka Itoophiyaatti sadarkaa lammaffaarra jira [ol ka’iinsa lafaan]. Kan biraa tulluu gubbaarratti pilaatoo yookiin lafa diriiraa qaba,’’ jedhu Obbo Naggaan.

Lafi diriiraa kuni Saannatee jedhama. Biqiloota baddaa keessa biqilan qaba. Saanatee kanarratti bineensonni kanneen akka Jeedala Diimtuu argamu.

Akka ogeessa kanaatti lafi diriiraa kuni ol ka’iinsa 4,000m ol irratti argama.

‘’Kan akkasii addunyaarri yaraa [baay’ee miti], bakka hundumaatti hin argattu,’’ jechuun BBC’tti himan.

Jaldeessa Paarkii Gaarreen Baalee keessatti konkolaataa keessa ilaalu

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Jaldeessa Paarkii Gaarreen Baalee keessatti konkolaataa keessa ilaalu

Inni lammataa bineensota bosonaafi simbirroota achi qofa argamaniitu jiru jechuun himu. ‘’Bosonni kan achi keessa jiru baay’ee kan nama haawwatudha.’’

Turistoonni Gaarreen Baalee dhaqanii daawwatan waa’ee simannaa hawaasa naannoo paarkii jiraatus ni dubbatu

‘’Jiruufi jireenya hawaasa sanaa arguunis waan biraadha. Nyaanni isaas, aadaan isaas adda,’’ jechuun himu Obbo Naggaan.

Daandiin Qilleensa Itoophiyaa guyyuu gara Roobee balalii eegaluu isaa himuun namoonni akka dhaqanii daawwatan waamicha taasisu.

Baalee - Dahoo Jeedala diimtuu

Paarkiin Biyyaalessaa Gaarreen Baalee kan hundaa'e bara 1962tti. Bal'inni lafaa paarkichi irratti argamu ammoo hektaara kuma 200 fi kuma 15 ta'a jedhama.

Paarkichi aanaalee jaha keessatti gandoota 29 akka waldaangessu ibsama.

Ta'us, akka lakkoofsa faranjootaa bara 2009tti galmee yeroo UNESCO irratti galmaa'e.

Itoophiyaa keessatti lafti ol ka'umsaan sadarkaa lammaffaa qabu (meetira 4377) paarkii kana keessatti argama.

Bineensota akka Jeedala Diimtuu kan Itoophiyaa keessatti qofa argamtu fa'i keessatti argama.

Laggeen 40 tahanis maddi isaanii Paarkii kana keessaayi.

Paarkiin Biyyaalessa Gaarren Baalee kun iddoo hawwata turizimii ijoo Oromiyaa keessatti turistoota hedduudhaan daawwaatamu keessaa tokko.