Paarkiin Gaarreen Baalee hambaa uumamaa UNESCOtti galmaa'e

Madda suuraa, UNESCO
Paarkiin Biyyaalessaa Gaarreen Baalee hambaa addunyaa ta'un dhaabbata Barnoota, Saayinsiifi Aadaa Biyyoota Gamtoomanii (UNESCO)'tti galmaa’e.
Kunis, Paarkii Gaarreen Kaaba Itoophiyaatti argamu, Sameenitti aansuun hambaa addunyaa uumamaa lammaffaa ta’un Itoophiyaarraa galmaa'edha.
Murteen kuni Yaa’ii 45ffaa Hambaa Addunyaa Sa’udi Arabiyaa, Riyaaditti adeemsifamaa jiruurratti labsame.
Guyyaa Dilbata kaleessaa Teessumni Lafaa Gede'oo UNESCO jalatti galmaa’un isaa ifa taasifamee ture.
Komishinarri Komishinii Turizimii Oromiyaa murtee kanaan gammaduu isaanii miidiyaa hawaasummaarratti ibsaniiru.
UNESCO'n paarkicha bara 2023 keessa akka hambaa uumamaatti galmeessuu isaa marsariitii isaarratti beeksiseera.
Itti dabaluunis, eddoon paarkiichaa dhaabbata UN kanaan galmaa’e kan bal’ina lafa heektaara 215,000 haguuguufi zoonii eegumsaa (Buffer zone) hektaara 235,121 qabu ta’u eere.

Madda suuraa, Getty Images
Paarkii Gaarreen Baalee keessa maaltu jira?
Paarkiin Biyyaalessaa gaarren Baalee kan hundaa'e bara 1962tti.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Bal'inni lafaa paarkichi irratti argamu ammoo hektaara kuma 200 fi kuma 15 ta'a jedhama.
Paarkichi aanaalee jaha keessatti, gandoota 29 kan waldaangessu yoo ta'u, akka lakkoofsa faranjootaa bara 2009tti galmee yeroo UNESCO irratti galmaa'e.
Akka hoji-gaggeessaan Paarkichaa Obbo Shaamil Kadir bara 2022 keessa BBCtti himaniitti, hojiileen hal-dureen barbaachisoo tahan hojjetamaa waaan jiraniif hojiichi xumuramuun galmee dhaabbata UNESCO irratti akka galmaa’u eggataa jiraachuu kaasanii ture.
Amma kun wantoonni barbaachisan guutamuun, tarree dhaabbata idil-addunyaa kana keessatti akka hambaa umammaa isa lammaffaa Itoophiyaa ta’udhaan galamaa’unsaa ibsameera.
Paarkii Biyyaaleessaa Baalee kunis lafa olka'aa Itoophiyaa keessaa sadarkaa lammaffaa qabu (meetira 4377), bineensota akka Jeedala Diimtuu kan Itoophiyaa keessatti qofa argamtu, gosa biqiltootaa fi bineensotaa hedduu, Pilaatoo Saannatee kan bal'ina walakkaa Paarkichaa qabu ofkeessaa qaba.
Laggeen 40 tahanis maddi isaanii Paarkii kana keessaayi.
Paarkiin Biyyaalessa Gaarren Baalee kun iddoo hawwata turizimii ijoo Oromiyaa keessatti turistoota hedduudhaan daawwaatamu keessaayi isa tokko.















