Dhiibbaa rakkoon nageenyaa sochii turizimii Oromiyaarratti uume

Madda suuraa, Getty Images
Rakkoon nageenyaa Oromiyaa keessa jiru galii gama turizimiin argamuu maluu haalaan xiqqeessuu Komishiniin Turizimii naannichaa hime.
Waggoota sadii dura kan hundaa'e Komishiniin Tuurizimii Oromiyaa hojiilee gurguddaa galii argamsiisaniifi carra hojii uuman hojjechuu beeksiseera.
Naannoo guddicha Itoophiyaa kan keessatti waggoota darban sochii hidhannoon walqabatee walitti bu'iinsi ummata kuma dhibbaan lakkaa'amu qe'eerraa buqqiseera.
Hooggantuun komishinichaa Adde Lalisee Dhugaa rakkoo nageenyaa jiruun guddaa gadduu dubbatan.
“Osoo nageenyi jiraatee tuurizimiin hanga ammaa kan deemnee ol qofa osoo hintaane dachaa lama yookiin sadii ol deemuu dandeenya ture,” jedhan.
ALI bara 2013 - 2015'tti damee tuurizimiirraa galiin birrii biliyoona 15 argamuu dhaabbatichatti Komishinarri Itti Aanaa kan ta'an Naggaa Wadaajoo himaniiru.
“Galiin kun hoteelotaan, manneen nyaataa, tajaajiloota adda addaafi imalawwan biyya keessaafi alaatti gaggeeffamaniin,'' kan argame ta'u ibsan.
Waggoota sadeen darbanitti sochiin tuuristoota biyya keessaa miliyoona 9.5 gahuu kan himan angawaan kun, tuuristootni biyya alaa kuma 235 naannicha daawwachuu himaniiru.
“Carraa hojiin walqabatee leenjiiwwan ogummaa kennamaniiru. Carraan hojii kallattii namoota 30,000'f uumamee jira,” jedhan.
Dabalataan carraawwan hojii al kallattii 200,000 ol waggoota sadan keessatti uumamuunsaas dubbatan.
Biraandii 'Visit Oromia'
'Visit Oromia' - jechuunis Oromiyaa daawwadhaa ergaan jedhu waggoota sadan darbanitti keessattuu miidiyaalee hawaasummaarratti bal’inaan dhaabbatichi beeksisedha.
''Visit Oromia biraandii cimaa miidiyaalee hawaasaarratti naannoo keenya addunyaaf akka gaariitii beeksisedha. Hojiin kanarratti hojjenne hojii guddaa akka ta’e ni beekama” jedhan qondaalli kuni.
Biraandiin kun naannolee biraatifis fakkeenyafi muuxxannoo akka ta’e kaasan.
Dabalataan, hojjettootni waajjirichaa namoota beekamoo biroo waliin ta’uun gara iddoowwan hawwataalee tuurizimii garagaraatti imaluun duulawwan beeksisaa hojjechaa turuus himan.
“Oromiyaan nagaa miti, rakkoon jira, namni deemuu hin danda’u’ jechuun dhiibbaan adda addaa iddoo garagaraarraa ni dhufa.
''Kun immoo sirrii akka hintaane ofii keenyaaf deemnee Oromiyaan bakka daawwatamu dandeessu ta’uusheefi ilaalcha kana cabsuu keessattis hojii guddaa hojjenneerra,” jedhan.
Hojiin ijoon komishinichi waggoota sadan darbanitti hojjete keessaa inni tokko misooma hawwataalee tuurizimii haaraa ta’uun isaas himameera.
Bakkeewwan hawwata tuurizimii haaraa misooman kunis Shaalloo, Habaas (bishaan Gurraacha) fi Haroo Dambaliifi magaala Baatuu akka ta’an ibsame.
Sochii bakkeewwan hawwata turizimii misoomsuu walqabatees hoteelotaafi rizoortiiwwan dabalatee hundaa'uu gabaafameera.
Fayyadamummaa hawaasaan walqabatees “turistootaaf mijuuwwan adda addaa qopheessuun walqabatee hawaasaaf iddoowwan garagaraatti leenjiiwwan kennamaniiru,” jedhan.
Kana malees hojiin buufataalee daawwattootni ala buluun muuxxannoo addaa itti argatan (Camp sites) hundeessuu ibsameera.
Isaan keessaa Subbaa, Erer, odolawwan Hara Dambal muraasa yemmuu ta’an buufataaleen kun paarkiiwwan garagaraa keessattis akka hundeeffaman dubbataniiru.
Qormaatawwan
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Dhibeen Covid-19 fi rakkoon nageenyaa naannoo Oromiyaafi kutaalee biyyattii garagaraatti mudatan hojiilee waggoota sadan darban keessatti qormaata akka ta’an himameera.
Rakkoon biraa ka'e rakkoo nageenyaati.
“Naannoo keenya keessatti iddoowwan walitti bu’iinsi itti jiru ni jiru. Akka biyyaattis gara Kaabaatti walitti bu’iinsa dabarsineerra.
''Kunis imaltoota idil addunyaarratti kallattiin dhiibbaa qaqqabsiisera,” jedhan Komishinar Lalisee Dhugaa.
Kana malees “ammallee gorsawwan imalaa imbaasiiwwan irratti kutaaleen biyya keenyaa harki caalmaan sadarkaa halluu keelloofi diimaa gidduu jiru,” jedhan.
Aadde Laliseen Ministeera Dhimma Alaa Itoophiyaafi hawaasa diplomaatikii dabalatee qaamoleen dhimmichi ilaallatu hundi wanti kun akka jijjiiramuuf tumsuu akka qaban dhaamaniiru.
Haata’u malee, naannoo Oromiyaatti walitti bu’iinsi jiraatullee tamsa’inni odeeffannoo sobaafi dogongoraa akkasumas ilaalchi sirrii hintaane jiraachuu himaniiru.

Waa’ee Komishinii Tuurizimii Oromiyaa
Komishiniin Tuurizimii Oromiyaa misooma, beeksisafi bulchiinsa Qabeenya tuurizimii naannoo Oromiyaa irratti hojjechuuf waggoota sadi dura hundeeffamee hojii eegale.
Yeroo ammaattis komishinichi misooma hawwata tuurizimii, gabaafi dhaadhessa tuurizimii babal’isuu, dijitaalaayizeeshinii, michoominafi sassaabbii leecalloofi gahumsa dhaabbilee tuurizimii irratti xiyyeeffachuun hojjeta.
Riifoormii diinagdee biyya keessaa maddeekan kan mootummaan Mummee Ministiraa Abiy Ahimadin durfamu hojiirra oolachaa jiru keessatti tuurizimiin dameelee diinagdee shanan xiyyeeffannoo olaanaa itti kenname keessaa isa tokkodha.












