Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Humni waraanaa Sudaan bulchiinsi sivilii akka deebi’uuf waliigaltee mallatteessuuf
Gartuun bulchiinsa Sivilii duraanii fi humni waraanaa Sudaan, bulchiisi sivilii dimokiraatawaa ta’e akka biyyattiitti deebi’uuf wixinee waliigaltee akka mallatteessanitu eegama.
Waliigalteen kun muddama siyaasa fonqolcha mootummaa Sudaan Onkoloolessa bara 2021tti mudate goolaba jedhamee akka abdatamu miidiyaaleen biyyattii bal’inaan gabaasaniiru.
Humnoonni Walabummaafi Jijjiramaa-Koreen Giddugaleessaa Sudaan akka himanitti, waliigalteen kun foqolcha mootummaa kan goolabuu fi heera haaraa waliigaltee isa xumuraa kan yeroo ce’umsaa Sudaaniif haala mijeessa.
Humnoonni Walabummaafi Jijjiramaa Sudaani fi Koreen Giddugaleessaa (FFC-CC ) ofiin jedhan ibsa Dilbata darbe baasaniin, xiyyeeffannoon gurmuu keenyaa "jalqaba dhimmaa haqaa, caasaa bulchiinsaa mootummaa duraanii diiguu, fandii maallaqa hawaasaa deebisuu, jijjirama gama nageenyaa, humnoota gurmeessu fi caasessuu, ergama isaan bulchiinsa dimokiraatawaa keessatti qaban ibsuu fi nageenya waaraa buusuudha,’’ jedhe.
Waliigaltee mallattaa’uuf jiru kana gartuun mormituu dimokiraasi leellisu kan Koree Diddaa Sudaniin hoogganamu mormeera.
Koreen Diddaa Sudaan kun humnoonni Walabummaafi Jijjiramaa Sudaan FFC-CC waliigatee kana fudhachuun yeroo hoggantoonni waraanaa aangoo dhuunfatan akka hin himatamne madinummaa laataaf jedhani morman.
Koree Diddaa Sudaan kun humnoonni Walabummaafi Jijjiramaa fi Koreen Giddugaleessaa Sudaan FFC-CC himannaa irratti dhiyaate haale.
Rogeeyyiin muraasni Wixata hiriira mormii guddaa waamuun waliigalticha fudhatama dhabsiisuuf waamicha dhiyeessan.
Waliigaltichi mallatteeffamuu dursa qondaaltonni Sudaan nama siyaasa beekamaa hidha ture Wajdi Saalihi hidhaarraa hiikan.
Wajdi Saalihi, hoogganaa Koree Farra-malaammaltummaa Sudaan yoo ta’u, bulchiinsa Pirezedant Omar al-Bashiir akka diiguuf diqamni itti kennamee ture.