Lammiileen Masrii miila lukkuu akka nyaatan gorfamuun mufii uume

Masirii keessatti qaala'iinsi jireenyaa guddoo dabale, diinagdeen biyyattii akkaan raafamuurraa kan ka'e maatiin waan ijoolleesaanii sooran dhabanii dhiphatu.

''Yaa Waaq! Waan nyaannu dhabnee hanga luka handaaqqoo nyaachuutti nu hin gahiin,'' jedhe namichi naannawa gabaa foon handaanqoo Giizaa jedhamu keessa deemuun kadhatee jiraatu.

Tibbana ogeeyyiin sirna nyaataa namoonni luka handaanqoo, kan duraan saree fi adurreef kennamaa ture, bilcheessanii akka nyaatan gorsaniiru.

Gorsi kun hawaasa keessatti mufii guddaa kaase, mootummaanis kanaan baayyee qeeqameera.

Masiriin erga ji'a Bitootessaa kanaan qaala'iinsa jireenyaa dhibbeentaa 30 caaleen raafamaa jirti.

Namoonni hedduun soorata duraan guyyuu bitatanii itti fayyadaman- kanneen akka zayita nyaataa fi areera bitachuu dadhabaniiru.

Meeshaalee gariin gatiinsaanii ji'a tokko keessatti dachaadhaan yookiin dachaa sadiin dabale.

Masiriin irra-jireessaan midhaan biyya alaatii galchituun lammiileeshee miiliyoona 100 caalan soorti.

Qonni bal'aan uummatashee sooru biyya keessa waan hin jirreef midhaan alaa galchuuf dirqamti.

Nyaata lukkuu illee biyya alaatii galchiti.

Ji'oota 12 darban keessatti gatiin paawundii Masirii doolaara Ameerikaan yoo walbira qabamu dachaadhaan hir'ateera.

Kun ammoo biyyattiin maallaqa guddaadhaan akka midhaan nyaataa alaa galchituuf ishee saaxileera.

Pireezidantiin biyyattii Abdul Fattaa al-Siisii goolama diinagdee biyyasaanii mudateef warraaqsa uummataa bara 2011 fi dabaluu baayyina uummataa akka sababaatti eeru.

Sababa waraana Raashiyaa fi Yukireen wayita hanqinni qamadii addunyaa mudatu Masiriin biyyoota akkaan miidhaman keessaati.

Masiriin biyyoota lameen irraa qamadii gara biyyashee galchuun addunyaarraa dursa qabattee jirti.

Ammoo daawwattoonni hedduun Raashiyaa fi Yukireen irraa baayyinaan gara Masirii imaluun daawwataa turan, amma sun waan hanqateef damee tuurizimii biyyattii kufaatiin mudateera.

Dameen tuurizimii galii waliigalaa biyyattii keessaa harka 5 qabatu sababa weerara koronaavaayirasiitiinis akkaan miidhameera.

Xiinxaltoonni akka jedhanitti mootummaan tarkaanfii fudhachuurrati rincicuun rakkoo daranuu hammeesse.

Xiinxalaa imaammata biyyoota Baha Gidduu-galeessaa kan ta'e Timootii Kaldaas, erga Pireezidanti al-Siisiin aangoo qabatee as caasaan mootummaa, humni waraanaa, humni basaasaa fi tikaa aangoo olaantummaan dhuunfatanii dhiibbaa guddaa gochaa jiru jedhe.

Dhaabbilee gurguddoon harka mootummaa aangoorraa jiruu jira, olaantummaan humna waraanaatu hooggana jedha xiinxalaan kun.

Kanarraa ka'uun dameen investimantii dhuunfaa akkaan dadhabeera, kunimmoo biyyattii qaala'iinsa jireenya amma mudate kanaaf saaxile jedhe.

Biyyoonni Galoo galaanaa kanneen akka UAE fi Sa'uudii Arabiyaa kubbaaniyyaawwan mootummaa hedduu bituun irratti hojjetanii biyyattii bayyanachiisuuf yaalaa jiru, garuu akka garaasaaniitti harka bal'ifatanii hojii investimantii hojjechuu hin dandeenye.

Biyyoonni lixaa fi biyyoonni Galoo Galaanaa biyyi Baha Giddugaleessaa keessatti uummata hedduu qabaachuun beekamtu kun diinagdeedhaan kufuu isheetti yaadda'uu ibsaa jiru.

Duraanis biyyattii keessatti madda hookkaraa ta'ee Pireezidanti Hosnii Mubaarak aangoorraa kan buuse goolama diinagdeeti.

Ammas qaala'iinsi jireenyaa uummata mufachiise gara sanatti geessuuf mallattooleen tokko tokko mul'achaa jiru.