Itoophiyaan ibsa Masriin waa'ee Abbayyaa baaste 'maal na dhibdee' jechuun balaaleffatte

Itoophiyaan ibsa Masriin waa’ee hidha laga Abbayyaa ijaaraa jirturratti baafte ‘’maal na dhibdee’’ jechuun cimsitee mormite.

Akka Ministeerri Dhimma Alaa Itoophiyaa ibsetti, Masriin waldhibdee hidha Abbayyaa furuuf ‘’filmaata hunda’’ akka hordofuu maltu ibsiteetti.

Itoophiyaan ibsa gaafa Kamisaa baasten, kuni adeemsi Masrii Labsii Qajeelfamoota biyyoonni sadan Sudaan dabalatee bara 2015 mallatteessan ‘’kan cabsudha’’ jette.

Hidhi Itoophiyaan laga Abbayyaa irratti waggaa kudhan dura eegalte biyyoota yaa’a gadii ta'an Masriifi booda kanammoo Sudaan waliin walitti ishee buuseera.

Biyyoonni lamaan osoo waliigalteen hin jiraatiin Itoophiyaan ijaarsa itti fufuu hin qabdu jechuun akeekkachiisu.

Biyyoonni kunneen ijaarsi Itoophiyaan humna maddisiisuuf ijaartu madda bishaanii isaanii ni xiqqeessa jechuun yaaddoo ibsu.

Itoophiyaan hidhi kuni diinagdeefi ummata dukkana keessa jiruuf tajaajila ibsaa kennuuf akka ishee barbaachisu ibsiti.

Humna ibsaa qofa waan maddisiisuf dhiheessii bishaanii isaaniis akka hin hubne himti.

Dhimmi waggootaaf biyyoota sadan wal dhabsiise kuni dubbii Ministirri Dhimma Alaa Masrii Saami Shukrii dubbatan jedhameen tibbana hammaateera.

Shukriin Itoophiyaan dhiheessiin biyyoota yaa’a gadii akka hin hubamne yoo hin mirkaneessine biyyi isaanii fedhii ishee akka kabajiistu dubbachuu isaaniitu dhagahame.

Biyyoonni sadan jaarsummaa Gamtaa Afrikaan waggootaaf marii gaggeessaniiru. Haa ta’u malee, waliigaluu hin dandeenye.

Itoophiyaan osoo waliigalteerra hin gahamin bara 2020 eegaltee hidha kana si’a sadii bishaan guutteetti.

Waggaa darbe eegalee immoo humna ibsaa maddisiisuu eegalteetti.

Torban darbe Liigiin Arabaa kan Masriin keessatti miseensa taate wixinee mirga biyyoota yaa’a gadi deeggaru baasuu isaan Itoophiyaan ‘’mufachuu’’ ishee ibsiteetti.

Itoophiyaan Liigiin Biyyoota Arabaa ‘’dubbii himaa mootummaa tokko taheera’’ jechuun qeeqxe.

Dhimmi hidha Abbayyaa marii biyyoota jidduutti gaggeeffamuun kan furamu ta’u ibsite.

Hidhi Abbayyaa laga dheeraa addunyaarratti Itoophiyaan eegalte gaafa xumurame pirojektii humna ibsaa Afrikaarraa isa guddicha ni ta'a.