Pirezidaant Al-Siisiin dhimma Hidha Abbayyaarratti Itoophiyaa waliin waliigalteerra akka gahamuuf gaafatan

Dhimma Hidhaa Guddicha Laga Abbayyaarratti Itoophiyaan ijaaraa jirtu ilaalchisee marii sammuu qajeelaatiin waliigalteerra akka gahamuuf pirezidantiin Masirii [Ijjipt] Abdul Fattaah Al-Siisiin gaafatan.

Pirezidaatichi kana kan dubbatan Kora biyyoota Arabaa fi Chaayinaa kan Sa’ud Arabiyaa magaalaa Riyaad keessatti gaggeeffamaa jiru irratti wayita waan biyya isaaniifi biyyoota Arabaa ilaallatu haasaa taasisanidha.

Hidha Haaromsaa Guddicha Itoophiyaan Laga Abbayyaarratti ijaaraa jirtu amma gara xumuraatti dhiyaateera.

Waggoota sadan kana Itoophiyaan hidhichi akka bishaan qabatu taasiftee humna ibsaa maddisiisuu jalqabeera.

Biyyootni sadeen Itoophiyaa, Sudaan fi Ijjipt keessumaa waggoota shanan darban haala kuufama bishaanii fi oppireeshinii hidhichaa irratti marii taasisanillee waliigalteerra osoo hin ga’iin hafaniiru.

Ameerikaa, Gamtaa Awurooppaa fi Gamtaan Afrikaa biyyootni sadeen waliigaltee irra akka gahaniif mariisisaa turan.

Haa tahu malee, Ameerikaan Masiriif loogdi jechuun Itoophiyaan komataa turte.

Masiriin yeroo adda addaatti UNtti Manni Maree Nageenyaa UN dhimma kana giduu akka galuuf xalayaa barreessaa turte.

Ergasii biyyoota sadeen marisisaa kan ture Gamtaa Afrikaati.

 Masiriin hidhaan laga Abbayyaa kun hamma bishaanii Laggichaarraa argadhu ‘na jalaa hir’isa’ jechuun yaaddoo qabdi.

Al Sisiin haasawaa Pirezidant Shi Jiiping fi gaggeessitoonni biyyoota Arabaa irratti hirmaatan irratti taasisaniin, Hidha Haaromsaa ilaalchisuun Itoophiyaa, Ijiptii fi Sudaan gidduutti waliigalteen seera-qabeessa dirqisiisaa ta’e tokkorra akka gahamuuf gaafataniiru.

“Dhaloota ammaafi gara fuula duraatti mirga misoomuu kan mirkaneessuufi tasgabbii, akkasumas nageenya isaanii yaaddoorraa kan eegu marii onnee qajeelaatiin ta’e taasisuun waliigaltee tokkorra akka gahamuuf obbolaawwan koo Itoophiyaatiif irra deebiyee waamicha koo nan dhiyeessa,” jedhan Pirezidant AL Siisiin.

Oduu walqabateen waajirri pirezidantii Ijjipt akka beeksisetti, Pirezidant Al Siisiin kora biyyoota Arabaa-Chaayinaa gidduutti gaggeeffamu maddiitti koricha irratti hirmaachaa kan jiran pirezidantii Mana-maree Walabaa C’eumsaa Sudaan Janaraal Abdal Fattaah Al Burhaan waliinis mariyataniiru.

Gaggeessitoonni lamaan yeroo waliin mariyatanitti bishaan dhimma ijoo nageenya biyyaalessaa uumata isaanii akka ta’e eeraniiru.

Kanaafuu Hidha Haarosaa Itoophiyaa ilaalchisuun waliigaltee daangessaa ta’e tokkorra gahuun barbaachisaa akka ta’e kaasuun ejjennoo biyya isaanii Sudaan ta’uu Al Burhaanis dubbataniiru.

Waamicha Pirezidant Al Siisii kun kanaan dura ofii isaaniitiifi aanga’oonni olaanoo Ijjiptiin dhiyaataa kan ture ta’uu isaan alatti, dhimmi Hidha Laga Abbayyaa kun Mana-maree Nageenyaa Dhaabbata Mootummoota Gamtooniitti hanga dhiyaatutti deemeera.

Itoophiyaa, Ijjipt fi Sudaan dhimma Hidhaa Haaromsaa irratti waliigalteerra akka gahan gochuuf karaa mootummaa Ameerikaafi Gamtaa Afrikaatiin mariiwwan walitti aansanii gaggeeffamaa turanis, fedhiin gama Ijjiptiin waliigaltee seera-qabeessa ta’e tokkorra akka gahamu qabdu, mirga uumamaa bishaan Laga Abbayyaa fayyadamuurratti qabu dhiiba jechuun Itoophiyaan osoo hin fudhatiin hafteetti.

Hidhaa Haaromsa Itoophiyaa ijaarsi isaa waggoota kudhan fudhateefi baasii dolaara biliyoona afur lammileen Itoophiyaa irratti baasan kana guutuun osoo waliigalteerra hin ga’iin akka hin gaggeeffamne Ijjipt fi Sudaan mormanis waggoota sadan darban bishaan akka qabatu taasifameera.

Hidhaan Haaromsa Laga Abbayyaa irratti Itoophiyaan ijaaraa jirtu hidhaawwan Afrikaa keessatti humna ibsaa maddisiisuuf hojjetaman keessaa isa guddaa akka ta’e himamaaf.

Hidhaan Laga Abbayaa kun bara darbe irraa kaasee hanga tokko humna ibsaa maddisiisuu jalqabuun isa ani yaadatama.

Ta’us garuu, Ijjipt ammallee, hanga bishaanii Lagicharraa argattuu eegsifachuudhaaf kan dandeessisu adeemsa Hidhichaa waliigalaa irratti Itoophiyaa waliin waliigalteen akka taasifamu barbaaddi.

Al Siisiin Kora Arabootaafi Chaayinaa gidduutti taasifamaa jiru irratti haasaa taasisaniin dhimmi nageenya bishaanii biyya isaanii dabalatee biyyoota Arabaa biroos kan ilaallatu ta’uu eeraniiru.

Kanaaf, tumsa gara fuula duraatti Chaayinaafi biyyoota Arabaa gidduutti jiraatu keessatti biyyoonni Arabaa dhimma nageenya bishaanii dhimmoota dursa kennaniif keessaa angafa ta’uu akka qabu Al Siisiin dubbataniiru.

Korri biyyoota Arabaafi Chaayinaa gidduutti Sa’ud Arabiyaatti gaggeeffamaa jiru kan Pirezidan Al Siisiin irratti haasaa taasisan, duula Chaayinaan kutaalee addunyaa gara garaa waliin hariiroo dinagdeefi siyaasaa qabdu cimsachuudhaaf taasistu waliin walqabata.