Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Badhaasni MM Abiy argatan sarbama yeroo waraanaaf iddoo hin kennine - HRW
Dhaabbata Biyyoota Gamtoomaniitti dameen Nyaataa fi Qonnaa (FAO)'n badhaasni olaanaa MM Abiy Ahimadiif kenne sarbama yeroo waraanaa tureef iddoo hin kennine jedhe jaarmiyaan mirga namoomaaf falmu Hiyuumaan Raayitis Wooch.
FAO'n badhaasa olaanaa Agricola Medal Ministira Mummee Abiy Ahimadiif kan kenne ''gumaacha isaan misooma diingadee baadiyyaa irratti taasisaniifidha.''
Hiyuumaan Raayitis wooch, Itoophiyaan rakkoo namoomaa wal-xaxaafi hanqinaa nyaataa guddaa keessa yeroo jirtutti badhaasni kuni kennamuunsaa kan hin eegamnedha jedhe.
Kanaafis gabaasa akeekkachisa Koomishinii To'annoo Yeroo Balaafi Kilaastara Nyaataa Itoophiyaa eeruun, yeroo ammaa namoonni miiliyoona afuritti siqan naannolee Tigraay, Affaar, Amhaaraa akkasumas iddoowwan Oromiyaafi naannolee kibbaa keessatti dhiyeessiin nyaataa atattamaa isaan barbaachisa jedhe.
Akka gabaasa Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanitti, Qindeessaa Deeggarsa Namoomaatti yoo tahe Itoophiyaa keessaa walumaagalatti namootni miliyoona 28 tahan deeggarsa midhaan nyaataa barbaadu.
Kaaba Itoophiyatti bara 2020 irraa kaasee yeroo waraanni turetti biyyoota balaa beelaarra jiran jedhe jaha keessaas Itoophiyaan tokko turte.
Hiyuumaan Raayitis Wooch, ''balaan beelaa kun bu'aa waraanichaa qofa hin turre, inumaayyuu bu'aa mala humnooti mootummaa Abiy tahe jedhanii fayyadamaniitii,'' jedhe.
Dabaluunis dhaabbatichi, ''humnooti mootummaafi deeggartoonni isaanii sirna nyaataa haleelaafi nyaata saamaa turan, bara 2021tti Tigraayiin dhiyeessiiwwa bu'uuraa irraa adda kutanii turan,'' jedhe.
Akkasumas, Fulbaana 2022tti gareen walabaa UN qorannoo taasiseen mootummaan Itoophiyaa, ''uummata Tigraay tajaajiloota jireenyaaf bu'uura tahan dhorkuun, beela akka meeshaa waraanaatti fayyadamuun dabalataan yakka namoomaa irratti raawwateera,'' jedhe.
Dhaabbati mirga namoomaaf falmu kun, UN dabalatee dhaaboti idil-addunyaa, geggeessitoonniifi hawaasni idil-addunyaa yeroo waraanichi adeemaa turetti gocha mootummaan raawwachaa ture balaaleffachuun waan isaanirraa eegamu hin gumaachine jedhe.
Erga mootummaan waliigaltee dhukaasa dhaabuu bara 2022 taasisuun dhorkaan salphateen boodallee,''aangawooti mootummaa deeggarsa nyaataa namoota saamuu isaaniin, Sagantaan Nyaataa Addunyaallee Waxabajjii 2023tti deeggarsa nyaataa kennu dhaabee ture,'' jedhe.
Hanqinni nyaataa Naannoo Tigraay, Affaar, Amhaaraafi iddoowwan humnooti mootummaafi hidhattoonni socho'anitti itti fufee jira jedhe.
Dhaabbati kuni, lammiileen Itoophiyaa naannolee lolli keessa jiru hundatti, ''fedhii bu'uuraa isaanii guutachuuf rakkachaa jiru, hogganooti addunyaas balaa namoomaa fi gochaa mootummaa tahe jedhee taasifamuufi kan gidiraa lammiileef gumaachu kanaaf beekamtii kennuu qabu, ' jedhe.
Ministirri mummee Abiy yeroo badhaasa kana Roomitti gaafa Amajjii 20, 2024 fudhatan, Daariktera Waliigalaa FAO kan tahan Kiyyuu Doongiyoon,''misooma baadiyaa fi ashaaraa magariisaa hojii isaan addatti milkeessan jechuun jajaniiru.
Badhaasichaan boodas FAO'n ibsa baaseen daarikterri Waliigalaa dhaabbatichaa waggoota shanan darban qaxanichi haala ulfaataa naannicha mudatee fi idil adunyaa keessa galee osoo jiruu muumichi ministeraa hoggansa bu'a qabeessa, itti gaafatama qabuu fi tasgabbaa'e'' kennuu isaaniin guddina Itoophiyaan galmeesite argineerra jedhan.