Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Badhaasni MM Abiy Ahimed fudhatan 'Agricola Medal' maali?
Ministirri Muummee Itoophiyaa, Abiy Ahimed mul’ataa fi gaggeessummaa wabii nyaata mirkaneessuuf qabaniif badhaasa Mootummoota Gamtoomanitti, Dhaabbanni Nyaataafi Qonnaa (FAO) kennu 'Agricola Medal' jedhamu argatan.
Badhaasichi Xaaliyaanii magaalaa Roomitti kan gaggeeffame yoo tahu, badhaasni kun FAO Agricola Medal jedhamuun waamama.
Haala ariitiin jijjiiramaa jiru kana keessatti qamadii oomishuun of gahuufi alaa galchuu dhaabuuf kalaqa isaan itti fayyadamanii fi cichoomina agarsiisaniif badhaasichi akka kennameef ibsameera.
MM Abiy hoggansa kalaqaawaa wabii nyaataa, dhiyeessii nyaata madaalawaafi omisha qamadiitiin of danda’uu irratti kennaniin bu’aa yeroo gabaabaa keesatti argameef, Mootummoota Gamtoomanitti, Dhaabbanni Nyaataafi Qonnaa (FAO) badhaasa 'Agricola Medal' jedhamu kenneef.
MM Abiy badhaasicha bakka gaggeesitootni biyyoota adda addaa, bakka buutonni dhaabbilee idil-adunyaa fi hawwaasni dippilomaatii jirutti fudhatan.
Waggoota shanan darbaniif Itoophiyaan jallisii fi yeroo gannaan qamadii oomishuun qonna irratti jijjiirama guddaa akka fidde himaa turte.
Itoophiyaan qamadii alaa galchaa turte dhaabuun biyyarra darbuun gara biyyoota ollaattis erguuf akka jettu himteetti.
Daariktera Waliigalaa FAO kan tahan Kiyyuu Doongiyoon badhaasicha kennanii MM Abiy Ahimediin baga gammaddan jedhaniiru.
Itti dabaluun misooma baadiyaa fi ashaaraa mafariisaa hojii ministirri Muummee kun addatti milkeessan jechuun jajaniiru.
Badhaasichaan boodas FAO'n ibsa baaseen daarikterri Waliigalaa dhaabbatichaa waggoota shanan darban qaxanichi haala ulfaataa naannicha mudatee fi idil adunyaa keessa galee osoo jiruu muumichi ministeraa hoggansa bu'a qabeessa, itti gaafatama qabuu fi tasgabbaa'e'' kennuu isaaniin guddina Itoophiyaan galmeesite argineerra jedhan.
MM Abiy waggoota shanan darban lafti qonnaa %50 aka dabalu taasisuun oomisha qamadii fi ruuziin akka haguugamu taasisuu isaanii FAO'n gabaaseera.
MM Abiy Ahimed akkuma gara aangootti dhufaniin wal dhabdee Itoophiyaa fi Eertiraa waggoota kurnan lamaa ol lakkoofsise hiikuun Badhaasa Noobelii nagaa bara 2019 argataniiru.
Muummichi ministeeraa nagaa fi tasgabbiin biyyaa keessaa dhibuu, waraana Tigiraayii fi raafama siyaasaa biyyattii mudateen qeeqamanis gaggeessummaa kennaa jiraaniin garuu badhaasa adda addaa argataniiru.
Kun kanaan osoo jiruu MM Abiy badhaasicha erga fudhatanii sagaleen mormiis dhagahamaa ture.
Namootni siyaasaa paartii mormituu fi kaan biyya miliyoonotni deeggarsa midhaan nyaataa barbaadan keessatti gaggeessaan ishee badhaasa kana fudhachuun hin maluuf jedhan.
Akka gabaasa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanitti, Qindeessaa Deeggarsa Namoomaatti yoo tahe Itoophiyaa keessaa namootni miliyoona 28 tahan deeggarsa midhaan nyaataa barbaadu.
Sababa jijjiirama qilleensaa, walitti bu'insaa, dhukkubaa fi gatiin meeshaalee qaala'uu irraa kan ka'e lammiileen Itoophiyaa miliyoonaan lakkaa'aman deeggarsa midhaan nyaataa barbaadu jedha gabaasichi.
Namni yaada kenne tokko ammoo FAO'n badhaasa kana MM Abiyyiif kennuun lammiilee beelaaf saaxilamanitti dugda gatuu isaa agarsiisa jedhe.
Badhaasa 'Agricola' eenyu fudhatee beeka?
Badhaasa Agricola jedhamu kana kana dura gaggeesitootni adunyaa adda addaa fi namootni dhiibbaa uumuun beekaman argataniiru.
Daarikterri FAO Kiyuu Doongiyoon, bara 2019 erga gara aangootti dhufanii as MM Abiy nama jalqabaa badhaasicha argatanidha.
Kana dura namoota badhaasicha fudhatan keessaa tokko Mootii duraanii Taayilaandi BahumibolaaAduleyaadej, Pirezidaantii duraanii faransaay, Jaakes Chiraak, pirezidaantii duraanii Chaayinaa, Jiyaangi Zeminii, Pirezidaanyii duraanii Masirii Hosinii Mubaarek fa’aa maqaa kaasuun danda’ama.
MM Abiy wal gahii gaggeesitoota Afrikaa- Xaaliyaaniif Roomitti argamu.
Wal gahii Roomitti gaggeefamuun cinatti pirezidaantii Somaaliyaa Hasan Sheek Mohaammad waliin fuulaa fuulatti mari'achuu danda'u gabaasonni jedhanis bahaniiru.
Wal gahii Xaaliyaanii-Afrikaa jedhamuun gaggeesitootni hedduu irratti hirmaatan hariiroo Xaaliyaaniin biyyoota Afrikaa waliin qabdu kan itti cimsituu fi imaammata ishee itti beeksiftu ta'uutu himama.
MM Xaaliyaanii Joorjiyaa Meelanii itti fayyadama aannisaa irraa eegaluun hanga godaansa seeraan alaatti imaammata biyyashee gaggeesitoota Afrikaaf ni ifoomsiti jedhamee eegama.
Wal gahiin kun har'a Amajji 28 jalqabee hanga Amajji 29,2024tti guyyoota lamaaf gaggeeffama.
Ameerikaa, Raashiyaa fi biyyoota Arabaa dabalatee biyyootni Awurooppaas michummaa biyyoota Afrikaa waliin qaban cimsachuuf xiyyeeffannoon hojjechaa jiru.
Torban xumurame kana Ministirri Dhimma Alaa Ameerikaa Antoonii Biliinken waliigaltee fi hariiroon Ameerikaa jalqabde akkamiin akka hojiira oolaa jiru ilaaluuf biyyoota Afrikaa afur, Ayivoori Kosti, Naayijeeriyaa, Keeppi Verdee fi Angoolaa daawwataniiru.
Raashiyaan bara 2023 keessa gaggeesitoota Afrikaa Mooskootti afeerteetti. Ameerikaanis akkasuma. Chaayinaan biyyoota Afrikaa hedduuf liqaa kennuu fi hojii misoomaan walitti hidhata cimaa qabdi.
Barbadamummaan Afrikaa siyaasaa fi dinagdee adunyaa keessatti qabdu haalaan dabalaa jiru.