Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Yuukireen Kehersan Raashiyaa harkaa deebifachuuf duula jabaa jalqabde
Yuukireen naannoo humnoota Raashiyaan qabame ture Kehersan deebistee qabachuuf duula gaggeessaa jirtu ''saffisaa jira'' jedhan maddeen odeeffannoo tikaa biyyoota lixaa.
Riqichi murteessaan gra magaalaa Kehersanitti ceesisu amma rokkeettii Ameerikaan Yuukireeniif gumaachiteen barbadaa'eera.
Kana jechuun loltoonni Raashiyaa kumaatamni garee isanii kaan irraa carraan citan guddaadha jedhamee sodaatama.
Lixa laga Niiprootti kan argamtu magaalaan kun teessoo murteessituudha jedhamee amanama.
Humnootni Yuukireen rokkeettii Himaarsi jedhamu fayyadamuun riqicha Antooniviskii haleeluun akka inni tajaajila hin kennine godhaniiru jedhan maddeen odeeffannoo tikaa biyyoota Lixaa.
Mooskoon loltoota ishee Lixa laga Niiproo jiraniif waan barbaachisu dhiyeesuuf riiqcha kana fayyadamti.
Amma loltoota Raashiyaa lafa Yuukireen weeraranii jiran kaan irraa carraan cituu qaban guddaa akka tahe himame.
Maddeen odeeffannoo waraanaa ''Kehersan gara Rashiyaatti dhiyoo wana jirtuuf weerara Yuukireen irratti akka gonfootti kan ilaaltudha, bakka kana dhabuun weerara Raashiyaan milkaa'eera jettee amantu jalaa fashaleessa'' jedhan.
Moskoon amma loltoota lakkoofsa guddaa qaban gara kallattii Kehersanitti imalsiisaa jirti jedhan Barreessaan Mana Maree Nageenyaa Yuukireen Oliksii Daaniilov.
Baha Dooneski keessaa humnootni Raashiyaa madda aannisaa guddicha isa lammaffaa Yuukireen keessaa Vuhlehiriski jedhamu qabachuu himan.
Qondaalonni Raashiyaa riqichi Antooniviskii Yuukireeniin haleelamuu amananiiru.
Humnootni Yuukireen guyyootaaf riqichoota irratti xiyyeeffachuun haleellaa gaggeessaa akka turan himaniiru.
Haleellaan kun qaama Yuukireen deebistee naannicha qabachuuf gootuti.
Yuukireen yoo duula kanaan milkooftee Kehersan qabatte, naannich baay'ina uummataa guddaas waan qabuuf milkaa'ina guddaa taha.
Pirezidaanti Zeleniskiin Yuukireen dhuma irratti akkuma riqichoota kaanii Antoonivskiis deebistee ijaarti jedhan.
''Humnootni weerartuun carraa dhiyeessii akka hin arganneef waan dandeenyu hundaa gochaa jirra'' jedhan.