Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Jifataan Arsenaal Gaabirel Maartineel waliigaltee haaraa mallatteesse
Jifataan Arsenaal dargaggeessi umrii waggaa 21 Gabireel Maartineeliin waliigaltee yeroo dheeraa kilabasaa Arsenaaliif mallatteesse.
Maartineel bara 2019 kilaba Biraaziil- Ituano jedhamurraa Arsenaal kan seene yoo ta'u, walumaagalatti hanga ammaatti taphoota 111 irratti hirmaateera.
Bara kana namni akkasaa tapha Pirimer Liigii irratti hirmaate hin jiru, gooliiwwan torbas lakkoofsiseera.
Kilabnisaa Arsenaal qabxii shaniin kan itti aanu caalee tokkoffaarra akka taa'uuf ga'ee olaanaa gumaache.
''Gaabireel ammallee umriin ijoolleedha. Kanaafuu ammallee waan guddaatu irraa eegama. Raawwii ajaayibaan as ba'uu danda'a,'' jedha leenjisaan isaa Mikeel Arteetaan.
''Deeggartoonni keenya guyyuu dandeettii ajaayibsiisaa isaa argaa oolu. Bakka leenjiittis ta'e bakka dorgommii maratti ejjennoo fi naamusi isaa sanuma, hin jijjiiramu.
''Yaada qajeelaa fi hojii bu'a qabeessa gareesaaf gumaachuun gita hin qabu,'' jedha leenjisaan kun.
Kanaaf nama abdii qabu akkasii waliin fuulduratti deemuuf murteessuu himan.
''Dandeettii ajaa'ibsiisaa inni agarsiisaa jiru kana irruma caalaa cimsuun Arsenaal waliin hojiiwwan gurguddaa hojjechuu akka itti fufuuf carraa argachuu keenyaaf baay'ee gammadneerra.''
Gaabireel Maartineeliin garee Biraaziil umrii waggaa 23 gadiin bara 2020 Olompikii Tookiyoo irratti waancaa nyaatan keessa ture.
Hanga bara 2022 tapha gameeyyiin irratti hirmaatan irratti argametti, garee Biraaziil umrii waggaa 23 gadii keessa ture.
Garee kana keessatti taphoota saddeet irratti hirmaateera.
Tapha Waancaa Addunyaa 2022 Qataar qopheessiteerratti yeroo lama taphateera.
Waancaaf eegamaa kan turan gareen Biraaziil nuusa xumuraaf darbanis milkaa'uu hin dandeenye.