Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Mariin IMF aanga’oota Itophiyaa waliin taasise kan adeemsi gaariin irratti hubatamedha jedhame
Gareen oggeessoota Dhaabbata Maalaqa Addunyaa (IMF) deeggara fooyya’insa diinagdee biyya keessaaf taasisuu ilaalchisee, mariin aanga’oota Itoophiyaa waliin taasisan kan adeemsi gaariin irratti hubatame ta’u beeksiise.
Gareen oggeessoota dhaabbatichaa Bitooteessa 27, 2023 irraa kaasuun Finfinneetti turtii qorannoo teeknikaa guyyoota kudhiin taasisaa ture erga dowwannaasaa xumureen booda ibsa toora saa irratti Ebla 7, 2023 baaseen ture kan kan ibse.
‘‘Marii taasifneen aguuggii deeggarsa Dhaabbanni Maalaqa Addunyaa foyya’insa biyya keessaa irratti qabaatu ilaalchisee adeemsa gaarii agarree jira’’ jechuun ture Alvaaroo Piiriis kan gareen jila IMF hogganan dubbachuun kan eerame.
Mariiwwan walgahii baankiiwwan addunyaa IMF torban dhufaa keessa Waashingitan DC’tti gaggeeffamu irratti akkasumas isaan boodas akka itti fufuu ibsichi dabaluun himeera.
Sagantaa fooyya’insa diinagdee biyya keessaa Mootummaan Itoophiyaa rakkoolee diinagdee furtuudha jedhaman furuuf akkasumas humna qabeenyaa biyyatiitti fayyadamu jechuun wixiineessuun socho’aa jiruu kan boqannaa lammaffaaa sagantaa fooyya’insa diinagdee biyya keessaa haala gaariidhaan akka ilaalan IMF beeksiiseera.
Dhaabbanni kun baatii Bitooteessaa keessa sochii biyyattiin nagaa fi tasgabbii waliitti fufiinsaa bakka tureetti deebiisuuf jecha walitti bu’iinsa dhaabuuf waliigaltee mallatteessite akkasumas deeggarsa namoommaa fi tajaajiloota bu’uuraa Tigraayiitti adda cite ture bakka tureetti deebiisuuf hojii hojjatamaa jiru haala gaariidhaan kan fudhatu ta’u ibsusaa Rooyitaris gabaasee ture.
IMF sangataa deeggarsaa Itoophiyaaf taasisuu akkasumas biyyattiin dambii idaa haquufi fooyyeessa haala kanfaliin itti raawwatuu biyoota Garee 20 akka taasifamuuf gaaffii Itoophiyaan dhiyeessite kan ture sababii waraanaa waggaa lamaaf tureetiin ture.
Waraanni wal walii lubbuu namoota kumaatamaafi qabeenyaan doolaara biiliyoona hedduu baasuu akka batuu hordofsiiseen wal qabate Itoophiyaan deeggarsa diinagdee dhaabbilee fi biyyoota lixaa irraa argatturratti dhiibbaa olaanaa taasisee ture.
Bilumbargi akka jedheetti, Itoophiyaa badii waraaniichi irraan gahee deebiifte ijaaruufi hanqiina sharafa biyya alaa aguuggachuuf kanfaltii omishalee galii barbaachisoo ta’an raawwachuuf deeggarsi ishee barbaachisa.
Badii namoomaa fi qabeenyaa waraanichi hordofsiiseen alattis biyyoota Afriikaatti maallaqni invastimatii olaanaa keessatti baafamu keessaa tokko kan taatee Itoophiyaa irratti dhiibbaa taasisuu fi sarbamoota mirga namoomaa waraanaan wal qabtee raawwataman jedhamanitiin, baankiin Adduunyaafi IMF deeggarsa isaanii dhaabanii tursiisuu Bilumbargi gabaaseera.
Sababiiwwan waraanichaafi haala addunyaatiin Itoophiyaa hanqinni sharafa alaa olaanaan kan mudate yoo ta’u, waggoota darban lamaan keessa gatiin shaqaxaa olaanaan mul’achuun alattis hanqinnis mul’ate jira.
Waliigalteen nagaa Moorummaa Itoophiyaafi TPLF jidduutti dhuma Onkoololeessaatti Afriikaa KIbbaa- Piritoriyaatti taasifameen waraanni akka dhaabbatu taasisuun alatti, ergasiin booda kanneen miliyoonaan lakkaman gara jireenya idileetti deebii’uuf yaalii taasisaa jiru.
Badii waraanichaan qaqabee deebiisanii ijaaruuf doolaara biiliyoona 20 akka barbaachisu aanga’oonni mootummaan Itoophiyaa dhiheenya dubbataniiru.