Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Miseensi duraanii paarlaamaa komishinara Komishinii Mirgoota Namoomaa ta'uun muudaman
Manni Maree Bakka Bu'oota Uummataa Itoophiyaa Obbo Birhaanuu Adeeloo Komishinara Komishinii Mirgoota Namoomaa gochuun muude.
Duraan miseensa mana marechaa kan turan Obbo Birhaanuu Adeeloo erga muudamni isaanii ragga'ee booda paarlaamaa Itoophiyaa duratti waadaa seenaniiru.
Obbo Birhaanuun waajjiraalee mootummaa garaagaraa keessatti itti gaafatamummaa adda addaan tajaajilaniiru.
Komishinara Komishinii Mirgoota Namoomaa Itoophiyaa ta'uu dura Waajjira Mirga Abbummaa kalaqaa Itoophiyaatti daarektara ta'uun tajaajilaa turan.
Manni maree bakka bu'oota uummataa kora har'a gaggeesseen Obbo Birhaanuu raggaasisuun iddoo komishinara duraanii Dr Daani'eel Baqqalaa buuseera.
Dr Daani'eel Waxabajjii bara darbee ture yeroon aangoosaanii erga xumuramee booda kan aangoorraa ka'an.
Amma komishinara kan ta'an Obbo Birhaanuu Adeeloo sadarkaa adda addaatti waajjiraalee mootummaa keessa kan tajaajilan yoo ta'u, aangoorraa kan kaafamaniifis ''komii irratti ka'een ta'uu,'' gaazexaan Ripportar gabaasee ture.
Hojjettootaa fi maamiloota irraa komiin bal'inaan irratti ka'aa turuu kan gabaase gaazexaan kun, kan aangoorraa kaafamanis Ministira Muummee duraanii Obbo Haayilamaaram Dassaalanyiin ta'uu ibse.
Obbo Birhaanuun Daarektara Waajjira Mirga Abbummaa kalaqaa ta'uun muudamuu dura Ministira Dhimmoota Kaabinee ta'uun bara 1996 hanga 2002 tajaajilaniiru.
Komiin irratti heddummaannaan akka hojiirraa ari'aman kan gabaase Reporter ''jiraattonni bakka dhaloota Obbo Birhaanu kan ta'e Godina Kafaa magaalaa Boongaa irraa hanga Finfinneetti imaluun komii irratti dhiyeessan,'' jedhe.
Kana hordofee ''koreen sakatta'iinsa gaggeessu kan Ministira Muummee duraaniin hundaa'e gabaasa dhiheesse bu'uureffachuun Ministira Dhimmoota Kaabineerraa kaafaman, Koree Hoji-raawwachiistuu ADWUI keessaas baafaman'' jedha gabaasi Reporter.
Obbo Birhaanuun eenyu?
Obbo Birhaanu itti gaafatamummaa dhaabbilee mootummaa keessatti qabaniin alattis filannoo ALI bara 1997 gaggeeffamenis filatamuun miseensa mana maree ta'anii jiru.
Yunivarsitii Siivil Sarviis irraa seeraan digriisaanii jalqabaa kan argatan Obbo Birhaanuun, seeroota mirga namoomaatiin biyya Indiyaa irraa digrii lammaffaasaanis argataniiru.
Waraqaa qorannoo maastarsii isaaniif hojjatanis kan mata dure Hojiirra oolmaa Minga Namoomaa: Gahee Komishiniiwwan mirga namoomaa'' kan jedhuun Komishinii Mirga Namoomaa irratti hojjatanii ture.
Obbo Birhaanuun qajeelcha faayinaanisii godinaatti gorsaa seeraa ta'un kan tajaajilan yoo ta'u, Yunivarsitii Siivil Sarviisittis wagga sadiif barsiisaniiru.
Obbo Birhaanuun Naannoo Ummattoota Kibbaa duraanii keessatti itti gaafatamaa biiroo haqaa ta'un kan tajaajilan yoo ta'u, isaan booda ammo gara ministira dhimmoota kaabinee fi Waajjira mirga Abbeentaa Itoophiyaa keessa hojjataniiru.
Waggoota kurnan darbaniif ammo hojii abukaatummaafi gorsaa seeraa irratti boba'anii akka turan muxannoon hojii paarlaamaarratti dhiyaate ni mul'isa.
Haala labsii hundeessa Komishinii Mirga Namoomaa Itoophiyaatti Obbo Birhaanuun akka Komishinara Olaanaatti ''dhimmoota sarbama mirga namoomaa yeroo kamiittu raawwatame'' qulqulleessuudhaaf ittigaafatamummaa qabaatu.
Kana malees, dhimmoota sarbana mirga namoomaa irra dedeebiin raawwataman irratti mana mareetiif yaada kennu.
''Gabaasaalee mootummaan federaalaa sarbama mirgaa ilaalchisuun qopheessu irrattis yaada kennuuf'' itti gaafatamummaa qabu.
Akkasumas ''seeroota mirga namoomaa ilaalatan qopheessuudhaan mana marichaatiif dhiyeessuu, kan qaamoolee biraatiin qophaa'anirratti yaada kennu, fi adeemsa hojii dhimmoota mirga namoommaa ilaalchisuun mana marichaatiif gabaasa dhiyeessuu'' akka irraa eegamu labsiichaan kaa'ameera.
BBC Afaan Oromoo Chaanaalii WhatsApp akkasumas Facebook irratti hordofaa.
Oduuwwan BBC Afaan Oromoo biroo dubbisuuf as cuqaasaa.