Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
'Mootummaan Itoophiyaa garee mirga namoomaa biyya keessaa haacuucaa jira'
Mootummaan Itoophiyaa gartuulee mirga namoomaa biyya keessa jiran irratti haacuucaa raawwata jira jechuun atattamaan akka dhaabu jaarmiyaaleen mirga namoomaa idil-addunyaa gaafatan.
Ibsa waloo dhaabbileen kunnneen Kibxata baasaniin humnoonni nageenyaafi tikaa manaafi waajjira gartuulee mirgaa irra adeemuun doorsisuufi hojii akka dhaaban sodaachisaa jiru jechuun ibsaniiru.
Himannaa dhaabbileen mirgaa mootummaarratti dhiheessanirratti gama mootummaa wanti jedhame hin jiru.
Dhaabbileen ibsa waloo baasan keessa Aminastii Intarnaashinaal, Humaan Raayitis Waach, fa’I keessatti argamu.
Akka ibsa waloo bahetti, mootummaan qaamaafi jechaan doorsisuun ala qorattoota mirga namoomaa gama dijitaalaanis faana bu’a jechuun himataniiru.
Erga baatii Guraandhalaa eegalee dhaabbileen tikaafi nageenyaa mootummaa hojjettoota mirga namoomaa faana bu’uun, doorsisuu, sodaachisuufi qoccoluun booda kana hammaate jedheere ibsi bahe.
Akka fakkenyaattis Caamsaa keessa hojjettoota Yaa’ii Mirga Namoomaa Itoophiyaa waajjira isaanii Finfinnee argamu dhaquun odeeffannoo akka barbaadan himuun, hojjettoota lama doorsisaniiru jedheera.
Baatii Ebla keessa ammoo humnoonni nageenyaa uffata dambii malee socho’an qorannoo mirga namoomaa isaanii akka dhaaban kanaan achi rakkoon akka isaan qunnamu gaafataniiru jedheera.
Yaa’iin Mirga Namoomaa jaarmiyaa gameessa Itoophiyaa keessa dhimma sarbama mirgaa qoratudha.
Taateen wal fakkaataa hojjettoota Komishinii Mirga Namoomaa Itoophiyaas akka qunname himeera ibsi bahe.
Gaazexeessitoota hidhuufi sochii dhaabbilee sivilii danquu dabalatee gaazexeessitoonni danuu alatti baqachuu kan eere ibsi bahe kun, kunimmoo sarbama mirgaa mootummaan raawwatu akka hin saaxille taasisa jedhe.
Komishiniin Mirga Namoomaa UN gabaasa dhihoo baasen sarbama mirga namoomaa Itoophiyaa keessa raawwatu keessaa 70% humnoota mootummaan raawwata jedhee ture.
Komishiniin Mirga Namoomaa Itoophiyaa kana dura ajjeechaa Obbo Battee Urgeessaa qorachuuf miseensota isaa bobbaase qaamoleen mootummaa faana bu’uufi danquu ibsee ture.
Dhaabbileen mirga namoomaa ibsa baasan michuuwwan Itoophiyaa, Itoophiyaan mirga gaazexeessitootaa, rogeeyyii, namoota siyaasaafi kaan akka kabajju dhiibbaa akka uuman gaafataniiru.