Hiriira mormii Keeniyaatti gaggeeffameen 11ajjeeffamanii 567 to'atamuu poolisiin hime

Madda suuraa, AFP via Getty Images
Keeniyaatti mormii farra mootummaa Wiixata kaleessaa geggeeffameen yoo xiqqaate namoonni 11 ajjeefamanii kaan 567 to'annoo jala ooluu poolisiin biyyattii beeksiseera.
Poolisiin hiriirtota irratti dhukaasa kan bane yoo ta'u, Dr Aroon Sikuku, ogeessi fayyaa mana kunuunsa 'Eagle' kan qarqara magaalaa Nairobiitti argamu BBC'tti akka himanitti, reeffi namoota lamaa kanneen haleellaa qawweetiin du'anii gara dhaabbatichatti geeffamaniiru.
Mormitoonni dhibbaan lakkaa'aman hospitaala isaaniitiin alatti walitti qabamanii reeffi namoota ajjeeffamanii akka kennamuuf gaafataa turan jedhaniiru.
Hiriirri kaleessa gaggeeffame kunis waggaa 35ffaa mormii seena qabeessa 'Saba Saba' jechuunis "torba-torba" jedhamuu, kan Adeooleessa 7 bara 1990tti, lammiileen Keeniyaan paartii dimokiraasii sabdaneessaa ta'ef dhiibbaa itti jalqaban yaaddachuuf ture.
Ganama barii irraa eegalee humnoonni nageenyaa mormii kana dura dhaabbachuuf jecha daandii gurguddoo gara giddugala Naayiroobii seensiisu hunda cufaniiru.
Giddu-galli magaalattii keessatti ammoo manneen daldalaa cufamanii, poolisiin baay'een daandii irratti kan mul'atan yoo ta'u akka duriitti sochiin heddu hin mul'atu.
Namoonnni Naayiroobii keessatti ijaan argan akka jedhaniitti, bakka namoonni hiriiraafa bahan ibidda qabsiisuu fi danqaawwan poolisii cabsuuf yaalaniitti walitti bu'iinsi uumameera. Qondaaltonni poolisiis gaazii imimmaanessu fi qawwee bishaanii dhukaasuun deebii kennaniiru.
Poolisiin daandii Thikaa akkasumas Kireenelaa magaalaa qarqara magaalaa guddoo biyyattiitti argamtuutti namoota bittimsuuf gaazii imimmaanessu dhukaasaniiru.
Kamukunji, kan naannoo bakka mormiin jalqaba itti gaggeeffameetti, poolisiin garee mormitoota daandii irratti ibidda qabsiisan waliin walitti bu'eera.
Haata'u malee kutaan biyyattii hafetti walitti bu'iinsi muraasni mudachuun gabaafamulleen, baay'inaan callisee ooleera.
Gara ganamaa ammoo, imaltoonni ganama barii fi halkan keessa imalaa turan dhibbaan lakkaa'aman buufataalee sakatta'iinsaa irratti kan qabaman yoo ta'u, kaan isaanii giddugala magaalattii irraa km10 ol fagaatanii turu fi konkolaattonni muraasni qofti akka darban hayyamamamaa ture.

Madda suuraa, Anthony Irungu / BBC
Maaltu ture?
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Humnoonni nageenyaa Keeniyaa mormii guutuu biyyattiitti gaggeeffamuuf karoorfame dursee, daandiiwwan gurguddoo gara giddugala Naayiroobii seenan hunda cufan.
Giddu-galli magaalattii harki guddaan namni keessaa mul'ataa kan hin jirre yoo ta'u, manneen daldalaa cufamanii mul'atu.
Daandiirra ammo humnoonni nageenyaa baay'atanii argamu. Manneen barnootaa tokko tokkos barattoonni mana turuu akka qaban gorsaniiru.
Namoonni ganama barii bakka gara garaatti imalaniifi halkan keessa ka'anii gara dhimma isaanii deemaa turanis bakka gara garaatti sakatta'insa jiruun kan danqaman yoo ta'u, ta'u, konkolaattonni muraasni qofti akka darban hayyamameera.
Kun ammoo keessumaa warra giddugala magaalattiirraa km 10 fi isaa ol fagaatanii deddeebiyan baayyee danqeera.
Magaalattii keessatti daandiiwwan gara waajjiraalee mootummaa ijoo ta'an geessan - mana jireenyaa hojjettoota waajjira pirezidantichaa, Isteet Hawusiifi paarlaamaa Keeniyaa geessan dabalatee shiboo sibiilli cufamanii jiru.

Poolisiin ibsa Wiixata galgala baaseen, qabeenya ummataafi lubbuu eeguun dirqama heera mootummaa isaanii ta'uu himuun, nagaafi tasgabbiin akka hin dhabamne hojjenna jedhan.
Mormiin Wixata har'aa gaggeeffamu kun maqaan 'Saba Saba' (Afaan Siwaahiliin Adoolessa 7) jedhamee moggaafamuun, qabsoo bara 1990moota keessa dimokiraasii paartilee hedduu Keeniyaa keessatti akka jiraatan geggeeffame yaadata.
Hiriirri kun adda durummaan dargaggootaan kan qindaa'e yoo ta'u, gaaffiin bulchiinsa gaarii deebii akka argatu, itti gaafatamummaan akka jiraatuuf, akkasumas namoota gara jabummaa poolisiitiin miidhaan irra gahe haqa akka argatan gaafata.
Hiriirri kun mormii farra mootummaa bara darbe eegale keessaa kun kan yeroo dhiyooti.
Waxabajji 25, gaafa mormiin guutuu biyyattiitti namoota bara darbe mormii farra gibiraatiin ajjeefaman yaadachuuf gaggeeffamaa tureen yoo xiqqaate namoonni 19 ajjeefamanii manneen daldalaa kumaatamaan lakkaa'aman saamamuufi barbadaa'aniiru.
Hiriirri dhiheenya kana gaggeeffame gara jeequmsaatti kan jijjiirame yoo ta'u, "gareen saamtotaa [goons]" kanneen mormitootatti makamanii saamichaa fi haleellaa raawwachuun himataman jiraachuun isaanii gabaafameera.
Jaarmiyaaleen hawaasa siivikii garee mormiif bahaniifi poolisii gidduutti walitti bu'iinsi dhalachuu uumamuu dubbatu, poolisiin garuu himannaa kana cimsee haaleera.

Madda suuraa, Anadolu via Getty Images
Dilbata darbe gareen hidhate waajjira muummee dhaabbata miti-mootummaa mirga namoomaa Naayiroobii jiru haleelee ture.
Komishiniin Mirga Namoomaa Keeniyaa mormii Wixata gaggeeffame dursee jeequmsi akka dhaabbatu dubartoonni qopheessaniin gaafachuu ibsa gaazexeessitootaaf kennaa ture.
Mormiin kun mormii jalqabaa Saba Sabaa waggaa 35ffaa gaggeeffames yaadachaadha.
Yeroon sun yeroo murteessaa waggootaaf bulchiinsa paartii tokkoo booda Keeniyaa keessatti dimokiraasii paartilee hedduu fiduuf gargaare.
Yeroo sana deebiin mootummaan yeroo sanaa Pirezidaantii Daani'eel Arap Mooyi jalatti kenname gara jabummaan ture.
Mormitoonni hedduun - nama siyaasaa durii Raayilaa Odingaa dabalatee, kan amma mootummaa waliin hojjechaa jiru, hidhamanii dararamaa kan turan yoo ta'u, yoo xiqqaate namoonni 20 ajjeefamaniiru jedhame.
Ergasii Saba Sabaa diddaa lammummaa fi qabsoo bilisummaa dimokiraasii Keeniyaa keessatti taasifamu fakkeessuuf amma isa yaadachuun mormiin gaggeeffama.












