Mormii Keeniyaa irratti yoo xiqqaate saddeet ajjeefamanii hedduun miidhaman

Poolisiin hiriira mormii sana bittimsuuf gaazii imimmaanessu fi bishaan fayyadamaa ture

Madda suuraa, Reuters

Mormii guyyaa kaleessaa Keeniyaatti mootummaa preezdaanti Wiliyaam Ruutoo mormuuf kumaatamni daandiitti bahan irratti walitti bu'iinsa hiriirtotaa fi poolisii gidduuutti uumameen, yoo xiqqaate namoonni saddeet yoo du'an, 400 kan ta'an ammoo madaa'aniiru.

Poolisiin magaalaa guddoo Naayiroobii fi magaalota biroo keessatti mormitoota waliin kan walitti bu'e, wayita waggaa tokkoffaa hiriira mormii mootummaa bara 2024 lubbuu namaa galaafate yaadachuuf hiriirri nagaa taasifamaa turetti.

Namoonni hiriira bahan hedduun dhaadannoo "Ruutoo aangoorraa bu'uu qaba" jedhu dhageessisuun, mallattoo mormii karaa nagaa bulchiinsa isaa agarsiisuufis baalaa mukaa qabatanii bahan.

Mootummaan mormii kana TV fi raadiyoon kallattiin akka hin tamsaane dhorkullee, dhorkaan kana garuu mana murtii olaanaa magaalaa guddoo Naayiroobii keessatti argamuun kuffiseera.

Pireezidaantiin Keeniyaa Wiliyaam Ruutoon mormitoonni yeroo mana jireenyaa isaatti dhiyaachaa deeman nagaa fi tasgabbii akka hin booressine dhaamaniiru.

Poolisiinis mormitoonni akka gara mana jireenyaa pirezidaantichaa hin dhiyaanne dhorkeera.

Pireezdaantichi "Moormiin nagaa Keeniyaa balleessuuf ta'uu hin qabu. Yoo dogoggorri tokko uumame biyya biraa itti baqannu hin qabnu. Nagaa biyya keenya eeguun itti gaafatamummaa keenyadha," jedhan.

Pireezidaantichi kana kan dubbatan sirna awwaalchaa kutaa qarqara galaanaa Kilifiitti gaggeeffamerratt-i wayita argamanitti ture.

Mormitootni kunneen, pirezidaantichi mana jireenyaa isaanii Naayiroobii keessa akka hin jirre wayita hubatanittis , gara masaraa mootummaa deemuuf yaalii taasisaniiru.

Poolisiin daandiiwwan gurguddoo keessumaa kanneen gara masaraa fi paarlaamaa geessu cufee ture.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Mootummaan mormii Roobii kaleessaa gaggeeffame kanaan lakkoofsi namoota ajjeefamanii meeqa akka ta'e hanga ammaatti ifatti hin ibsine.

Garuu Waldaan Hakiimota Keeniyaa, Waldaan Ogeeyyii Seeraa Keeniyaa fi Gareen Hojii Haaromsa ibsa waloo kennaniin yoo xiqqaate mormitoonni saddeet ajjeefamuu himaniiru.

Namoota 400 miidhaman keessaa 83 "wal'aansa addaa" kan barbaadan yoo ta'u, saddeet ammoo rasaasaan madaa'an.

Namoota madaa'an keessaa sadii poolisoota ta'uu ibsichi dabalee ibseera.

Gareen mirga namoomaa Amnestii Keniya ammoo lakkoofsi namoota du'anii 16 akka ta'e ibseera.

Mormituun tokko, kan BBC dubbise Amina Mude, jedhamtu "egeree ijoollee kootiif falmachuuf" hiriira mormii kanatti akka makamte himteetti.

''Akka biyyaatti kallattii sirrii irra akka hin deemne natti dhagahama, keessattuu barnootaa fi gama biraatiin. Biyyi fi hoggansi yeroon nu dhaggeeffatu akka ta'e natti dhaga'ama." jette

Akka viidiyoon mormii Naayiroobii agarsiiirraa mul'atuutti poolisootni gaazii imimmaanessu wayitaa hiriirtotatti darbaanii fi mormitoonnis qufa'aa ija isaanii haguuggachaa dawoo argachuuf fiigan mul'ata.

Giddugala magaalattii keessatti manneen daldalaa cufamanii fi daandii duwwaan ni mul'atu.

Shamarreen alaabaa Keeniyaa uffatte tokko poostara maqaa namoota humnoota tikaa mormii kana dhaamsuuf yaalaniin ajjeefamanii tarreessu qabattee turte.

Waggaa darbe labsii gibiraa mootummaan Keeniyaa baase irratti mormii taasifameen namootni hedduun ajjeefamuun kan yaadatamuudha. Mormiin amma taasifamaa jiru ammoo yaadannoo waggaa tokkoffaa namoota hiriira bara darbee irratti ajjeefamanii saniif kan karoorfame ta'uu himame.