Komishiniin mirgaa Keeniyaa oppireeshinii WBO irratti mirgi 'sarbamuu' balaaleffate

Madda suuraa, National Police Service
Komishiniin Biyyaalessaa Mirgoota Namoomaa Keeniyaa Guraandhala 3, 2025 irraa eegalee oppireeshinii poolisiin biyyattii bulchiinsota Marsaabiit fi Isiyooloo keessatti gaggeessaa jiru itti dhiheenyaan hordofaa akka ture ibseera.
Wayita oppireeshiniin kun gaggeeffamu dhiittaan mirga namoomaa raawwachuu fi gocha kana akka balaaleffatu ibsi komishiniin kun.
Poolisiin Keeniyaa jalqaba ji'a Guraandhalaa maqaa ''Operation Ondoa Jangili (Oppireeshinii Yakkamtoota Baasuu)'' jedhuun iddoo dahannoo WBO qulqulleessuuf duula eegaluu ibsee ture.
Rakkoo nageenyaa qaamolee ollaarraa as ce'aniin mudatu qolachuuf tarkaanfiin fudhatame gaarii ta'us, nageenya uummataa uummataa eegsisuuf oppireeshiniin gaggeeffamu mirga uummataa sarbuu hin qabu jedhe.
Akka gabaasa komishinii kanaatti poolisiin qaamolee gochaawwan seeraan alaa nageenya biyyaalessaa Keeniyaaf yaaddoo ta'an keessatti hirmaatan irratti duula gaggeessuu himus lubbuun nama nagaa kana keessa darbeera.
Qaamoleen nageenyaa nama ajjeesuu, ukkaamsuu, humnaan dhabamsiisuu fi dhiittaan mirga namaa hedduun raawwachuu eere gabaasi kun.
''Guraandhala 23, 2025 naannawa Belgesha jedhamutti poolisiin shufeera doqdoqqee fi nama doqdoqqee sanaan imalaa ture Galgalo Abkul Boru irratti dhukaase. Galgaloon haleellaa irratti raawwatameen yoo du'e shufeerichi mataa fi harkarra rukutamuun baayyee miidhame,'' jedha gabaasi komishinii mirga namoomaa Keeniyaa kun.
Gabaasi kun namoonni toba iddoowwan sadirraa butamuu fi humnaan dhabamsiifamuus ibseera.
Kanneen butamanii achi buuteensaanii dhabame keessaa tokko Idiriis Edwin ta'uu kan ibse komishiniin kun, poolisiin akka maatii nama kanaa waan irra ga'e hin dubbanne gochuu eere.
Poolisoonni hidhannoo guutuun gara Garbatulla fi Isiyoolaa bobbaafaman humnaan weeraruun namoota hidhuu, reebuu fi doorsisuu gabaase komishiniin kun.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Bulchaan Malkaa Dhakaa fi ogeessi fayyaa naannawa sanaa akkasumas jiraattonni biroo lama humnoota nageenyaa oppireeshinii gaggeessina jechuun ba'aniin haala suukanneessaan dararamaniiru jedhe komishinichi.
Bitootessa 3, 2025 naannawuma kanatti jiraattonni kudhan humnoota nageenyaan marfamuun haala suukanneessaan reebamaniiru jedha gabaasi kun.
Sababa oppireeshinii kanaan miidhamaa kan jiran namoota nagaa ta'uu jiraattonni kutaalee Marsaabiit irraa BBCtti himanii turan.
Jiraataan Mooyalee tokko doqdoqqee oofuun kan of jiraachisu yoo ta'u osoo homaa hin beekin tasuma karaarratti humnoota nageenyaa Keeniyaan qabamee ''guddoo reebamuu'' himeera.
Uummanni sodaa oppireeshinii qaamolee nageenyaan kanaan manaa ba'ee bakka bisaan fudhatullee deemaa hin jiru kan jedhu jiraataa biraan Mooyaaleerraa BBCtti dubbatanii turan, kanarraa ka'e uummanni dheebuudhaan miidhamaa jira jedhe.
Jiraattonni BBCtti dubbatan kunneen erga oppireeshiniin kun eegalee sodaa guddoo keessa jiraachuu fi socho'uufillee yaadda'uu himaniiru.
Kaan baqatee maatiin naasuudhaan gargar faffaca'ee akka jiru ibsan.
Hasan Umar Kaawuntii Marsaabiit keessatti damee nageenyaa keessa hojjeta.
Kanaan dura ''duulli kun jeequmsaa fi hookkara biraaf sababa akka hin taane sodaa qabu'' ibsee ture.
''Lafa Marsaabiit kana keessa nama gosa hedduutu jiraata. Dur waraanni gidduu galee walhadhaa turan. Waggoota sadan darban waraanni sun ya qabbanaa'e. Ammallee yoo hin laallatin waraanni sun namatti deebi'a,'' jedhe.
Mootummaan Keeniyaa kan Naayiroobiirraa gadi dhufu haala Marsaabiit keessa jiru hin hubatu kan jedhe hojjetaan nageenyaa kun ''Marsaabiit keessatti wanni xiqqoon tokkollee yoo mudate salphaatti uummata walitti buusa. Yoo namni sirriitti hin hubatin,'' jechuun of eeggannoon akka barbaachisu dubbate.
Humnoonni nageenyaa kunneen daa'ima waggaa shanii ''abbaa kee fidi'' jechuun dararuurraa eegalanii hanga jiraattota nagaa hedduu humnaan doorsisuutti dhiittaa mirga namoomaa raawwataniiru akka gabaasa kanaatti.
Gochi kun qe'ee jiraattotaa kaba dhorkuurra darbee hawaasa keessatti sodaa fi rakkoo tasgabbii uumeera jedhe komishinichi gabaasa isaa keessatti.

Madda suuraa, National Police Service
Maqaa oppireeshinii nageenyaan qabeenyi jiraattotaa- re'oota 150 fi doqdoqqeewwan hedduun, saamamuu kan ibse gabaasi kun, kun ammoo mirga qabeenya horachuu lammiilee kan sarbedha jedhe.
Tajaajilli Poolisii Biyyaalessaa Keeniyaa ibsa baaseen ''caasaalee WBO irratti oppireeshinii gaggeesinee dahoo isaanii mancaasuun namoota dhunfaa hidhata waliin qabanis to'annoo jala oolchineerra,'' jedheera.
''Meeshaalee waraanaa adda addaa 10, doolaara Ameerikaa sobaa fi Birrii Itoophiyaa, konkolaataa bishaan deddeebisuuf, doqdoqqee sagal, konkolaattota lama, kaanaabisii kg 200, soolaarii aannisaa kennu, jenereetaroota, hogbarruu Oromoo adda addaa fi barreeffamoota piroopaagaandaa garichi itti fayyadamaa ture to'anneerra,'' jedha ibsi poolisii Keeniyaa.
Komishiniin kun dhiittaa mirga namoomaa raawwataman itti fufee kan qoratu ta'uu fi kanneen miidhaman akka beenyaa argatan akkasumas kanneen namoota butuu fi dhabamsiisuu keessatti hirmaatan akka gaafataman gochuun dirqamasaa akka ba'u ibseera.
Jaarmiyaan Qorannoo Walabaa Poolisii- Independent Police Oversight Authority (IPOA) dhimma nama ajjeefamee, kanneen butamanii fi dararamanii irratti qorannoo walabaa fi bilisa ta'e akka gaggeessu gaafateera komishiniin kun.
Poolisoonni oppireeshinii kana keessatti hirmaatan hundi yakka lammiilee nagaarratti raawwatameef akka itti gaafatamanis gaafateera.
Mootummaanis haala kam keessattuu eegumsa mirga dhala namaaf kutannoo qabaachuu akka qabu akeekkachiise komishiniin kun.
Nageenyi fi eeggannoon mirga dhala namaa sarbuun argamuu akka hin qabnes akeekkachiiseera.












