Pirezidaantii ittaanaan Maalaawii balaa xayyaaraan du'uun mirkanaa'e

Saawulos Chiliimaa

Madda suuraa, Reuters

Pirezidaantii ittaanaan Maalaawwii balaa xayyaaran du'uu pirezidaantin biyyattii Lazaares Chakweeraa beeksisan.

Caccabaa xayyaaraa bosona keessatti argame keessatti namni lubbuun hafe akka hin jirre dubbatan pirezidaantichi.

Pirezidaantii ittaanaa kan ta'an Saawulos Chiliimaafi namoonni biroo isaan waliin turan sagal xayyaaraan osoo balali'aa jiranii Waxabajjii 11 achi buutensaanii dhabame.

Xayaarri waraanaa isaan ittiin imalaa turan haala qilleensaa rakkisaa ta'e keessa balali'aa ture jedhame.

Halkan guutuu humni waraana biyyattii bosona xayyaarichi keessatti kufuu hin oolle jedhame barbaadaa erga bulanii booda har'a caccabaan xayyaarichaa argame.

Pirezidaantiin biyyattii har'a miidiyaaf ibsa kennaniin caccabaan xayyaaraa argamuufi duulli barbaacha taasisuu xumuramuu ajajaa humna waraana biyyattiirra ergaan akka isaan qaqqabe dubbatan.

Gadda guddaa keessa ta'anii du'a pirezidaantii ittaanaa biyyattii lammiilee Maalawwiitti akka himanis dubbatan.

Gareen lubbuu baraaruu bobba'es xayyaarri guutummaan hojiin ala ta'ee akka argan ibsan Pirezidaant Lazaares Chakweeraan.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Pirezidaantiin ittaanan balaa xayyaaran du'aniifi pirezidaantin Maalaawii paartii garaa garaa irraa walitti dhufuun filannoo bara 2020 gaggeeffameen mootummaa waloo hundeessan.

Saawulos Chiliimaa "nama gaarii" fi "of-kennee hojjatu" akka of biraa dhaban ibsan pirezidaantin biyyattii.

"Jireenya koo keessatti isa akka pirezidaantii ittaanafi gorsaatti of biraa qabaachutti akka nama carroomettan ilaala ture," jechuun gadda itti dhagame ibsan.

Saawulos Chiliimaa (Dr.) sirna awwaalcha qondaala duraanii mootummaa irratti hirmaachuf osoo xayyaaran imalaa jiraniiti achi buutensaanii dhabamee kan ture.

Giiftii Dureen duraanii Shaanil Dzimbiirii namoota pirezidaantii itaanaa wajjin balaa xayyaarichaan du'an keessaa tokkoodha.

Xayyaarri caccabe kun buufata xayyaaraa biyyattii, magaala Mizuuzuutti argamutti qubachuuf kan ture ta'us sababa haalli qilleensaa rakkisaa ta'eef duubatti deebi'uuf dirqamee ture.

Saawulos Chiliimaa erga bara 2014 kaasee pirezidaantii ittaanaa ta'uun osoo tajajilanuu balaa xayyaaraa kaleessa mudateen du'an.

Keessumaa dargaggoota Maalaawwii biratti baay'ee akka jaalatamantu himama.