Mootummaan waloo haaraa lammilee Itoophiyaa Afriikaa Kibbaa jiraataniif maal fidee dhufa?

Lammilee Afrikaa Kibbaa Paartii ANC deeggaran

Madda suuraa, Reuters

Kufaatiin sirna cunqursaa Appaartaayidii lammiileen Afriikaa Kibbaa beekkamtii namoomaasaanitiif qabsaa’aa turaniif kan abdiin ifaa itti eegalee ture.

Kunis injifannoo itti sirna sababii bifasaaniitiin kabaja isaan dhorkatee ture qabsaa’uun itti kufiisaniidha.

Filannoo jalqabaa abdiin gurraachotaa hedduun itti laliseen, qabsaa’aan bilisummaa Neelsan Maandellaa gara aangootti dhufan.

Isaanis aangoo Kongrasii Biyyaaleessa Afriikaa (ANC) kan fakkeenya bilisummaa lammilee biyyattii ta’ee qabatan.

Mootummaan sabdaneessi gurraachotaa hundeeffamu hordofuunis lammilee Afrikaa Kibbaa qofa osoo hin taane, lammilee Itoophiyaa dabalatee hedduun jireenya fooyya’aa barbaachaaf ijasaanii gara Afriikaa Kibbaatti kaasuu eegalan.

Lammileen Itoophiyaa baayyeenis daandii guddicha Johaansibarg dabalatee, naannoolee biraa keessatti jiddugalawwna daldalaa to’achuu danda’aniiru.

Haata’u malee, lammiileen biyyattii sirni abdii irra kaawwatanii turan waan waadaa seeneef raawwachuu dadhabeef, akkasumas hiyyummaa keessaa bahuu waan dadhabaniif, lammilee biyya biraa gara sana imalan hundaatti quba qabuu eegalan.

Yeroo garaa garaattis lammiilee Afriikaa biyya biraa irraa dhaqan irratti haleellaan raawwatameera.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Akkasumas, hololawwan jibba godaantotaa qaban duula filannoo dhiheenya gaggeeffamerratti dhagahamaa turan.

Filannoo Afriikaa Kibbaa seena-qabeessa jedhameen, ANCn sagalee caalu argachuu dhabuusaa hordofee, paartilee kaan waliin qindoomuun mootummaa hundeessuun dirqama itti ta’e.

Qindoominni kunis waldhabdeesaanii yoomiyyu kan furamu kan hin fakkaanne paartii irra jiraan adiiwwaniin deeggaramu Dimokiraasii Alliyaansiifi paartii warra gurraachaa aangeessuuf qabsaa’e ANC jidduutti osoo uumamee maaltu uumamaa laata?

Carraan egeree biyyattii gaaffii kan itti uumee lammilee biyyattii qofaatti osoo hin taane, lammileen biyya biraa biyyattii keessatti hojiiwwan damee garaa garaa irratti hirmaatan hundatis.

Jiraataan bakka Pirezidantiin duraanii Jaakoob Zumaan paartiisaanii haaraa MK’dhaan bulchiinsa sagalee olaanaa itti argatan Kiwaazulu Naataal, magaalaa Darbaan kan ta’e lammiin Itoophiyaa Koosmoos Gabsamiqaa’el, mootummaan qindoominaan hundeeffamu haleellaawwan lammileen biyyoota birarratti raawwataman irratti jijjirama hangasii ni fida jedhee akka hin amanne BBCtti hime.

Jibbi lammilee biyya biraa waggootaaf biyyattii keessa ture, ammas itti fufeera kan jedhu Kosmoos, hundeeffama mootummaa haaraatiin boodas haallii kun ni jijjirama jedhee akka hin yaadne dubbata.

Koosmoos caalaa xiyyeeffannaa kan kenneef, fooyya’insa wixinee seera Imigireshinii biyyattii wal falmisiisaafi Afriikaan Kibbaa akka waliigaltee konveenshinii baqattoota UN keessaa baatuuf karoorfateedha.

Ministira Dhimma Biyya keessaa Dr Aroon Motiso’aleedootiin kan dhiyaate wixiineen seeraa kun, seerri immigireeshinii biyyattii akka cimuufi adeemsa lammuummaa fi kolugaltummaa irra fooyya’insa qabateera.

‘‘Yoo mootummaan qindaa’e hundeeffames ministirri dhimma keessaa ammaa aangorra akka hin turen abdadha. Tokkoon tokkoo baqataas kana eeggataa jira’’ jedha.

Itti dabaluunis, ‘‘anaaf yaaddoo guddaan kana. Seerota baqattootaa kana amma jiru caalaa hamaa hin eegu’’ jechuun BBCtti dubbate.

Waggaa 17 dura gara Afrikaa Kibbaatti imaluudhaan yeroo ammaa hojii turjumaanaa hojjataa kan jiru Kosmoos, mootummaa waloo dhufaa jiru of eeggannoodhaan akka ilaalu dubbata.

Keessattuu paartiin Dimokraatik Alliyaanis fi Akshiin Saawuz Afriikaa jedhaman, ilaalchi isaan baqattoota irratti qaban ‘‘baayyee balaadha’’ jechuun ibsa.

Kosmoos qofaa osoo hin taanee dhaabbileen mirga namoomaaf falmanis, imaammata paartiiwwan kanneeniirratti mormii yoo dhageessisan dhagahamu.

Haata’u malee, paartiin Zumaa dhiheenya hundeeffame MK dabalatee, paartiiwwan ANC fi Dimokiraatik Alliyaans akka isa yaaddeessan kaasa Kosmoos.

‘‘Paartiiwwwa kunneen ilaalchi isaan baqattootarratti qaban ifaadha. Farra-baqattootaati,’’ jedha. Biyyattii keessatti haalaan dabalaa kan jiruu hojii dhabdummaan amma %32.6 irra qaqabuudhaan, addunyaarratti biyyoota hoji-dhabdoota hedduu qaban keessa dursarratti galmooftee jirti.

Kanaan walqabatees lammileen biyyoota biraa hojii barbaachaaf gara sanatti imalan, lammilee biyyattii jalaa carraawwan hojii, mana jireenyaafi kaan saamaa jiru jechuudhaan dheekkamsi cimee dhagahama.

Sababii kanaatinis lammilee biyyattiin haleellaan baqattootarratti yoo raawwatamu dhagahama.

Baqattoota Afrikaafi Jidduuggalli Hawaasaa bara 1994 irraa kaasee biyyattiin haleellaawwan jibbiinsaa (xenophobia) keessatti makamtee jirti.

Akka dhaabbatichaatti haleellaa hedduun kan galmaa’e bara 2008tti yoo ta’u, bara 2022tti haleellaawwan 110 galmaa’uu kaa’eera.

Bara 2023tti haleellaawwan jibbiinsa baqattootaa 61 kan raawwataman yoo ta’u, namoonni kuma tokkoo ol buqqaafamus gabaaseera.

Keessattuu yeroo duula filannootti kaadhimamtoonni sababii haasaa isaaniin jibbiinsi itti cimu umeera.

Lammii Itoophiyaa Afrikaa Kibbaa jiraatu, Kosmoos

Xiyyeeffannoo holoola duula filannoo

‘‘Haala nama gaddisisuun, hololli jibbiinsa baqattootaa dhufuunsaa sagalee akka argatan isaan dandeessiseera’’ kan jedhan ammoo jiraattuu Joohaansbargiifi xinxaltuu siyaasaa Maariisaa Loreensooti.

Sababii kanaatiin paartiiwwan hedduun haasaa jibbiinsa baqattootaa yoo dubbatan dhagahuun kan barame ta’eera jedhu.

Xinxaltuun siyaasaa kun akka jedhanitti, komiiwwan carraawwan hojii lammilee biyya biraatiin nu jalaa fudhatameera jedhan kunneenis akka kanaan duraa akka ol ka’an taasifamuu baatanilleen, filannoo baranaatiin dhimma ijoo paartiilee ta’ee mul’ateera.

Haasaan jibbiinsa baqattootaa paartilee siyaasaatiin taasifaman kunneenis kan gurraachoota Afriikaa irratti xiyyeeffate yoo ta’u, miseensoota hawaasa biyyoota Eshiyaa kibba-bahaa irrattilleen dhiibbaa akka qabaatu kaasu.

Waggoota afuriif erga Johaansibarg keessa jiraateen booda bara 2018tti hojiidhaan gara bulchiinsa Kiwaazuluu Naataal kan imalee lammiin Gaanaa Imaanu’el Baaniin hojii daldalaa hojjata. Akkasumas, waldaa hojjattoota lammilee Gaanaa naannichaas ni dursa.

Afriikaa Kibbaatti rakkoo ijoon baqattoota baayyee mudatu mana jireenyaafi hayyama hojii argachuun kan wal qabatu ta’uu kaasa. Birookiraasii biiroo dhimma biyya keessaa jiruun walqabatee waraqaa argachuun salphaa akka hin taane dubbatu.

Muddamni cimaan carraawwan hojii haaraadhaan kan walqabatu ta’uu kaasa. Imaanu’eel deeggarsa hojii mataasaa hawaasa naannichaatiin hundeeffamee waan hojjatuuf rakkoon omaa isa hin mudanne. Siriiyyuu hawaasa Zuuluu naannichatti argaman irraa ‘deeggarsa’ akka argatu dubbata.

Haata’u malee, dhaabbileen lammilee Afrikaa Kibbaa caalaa carraan lammiileen biyya biraa itti mindeeffaman tokko tokkorratti mudamni akka uumamu kaasa.

Waggoota muraasaan dura kan dhaqe barataan digrii sadaffaa lammiin Naayijeeriyaa, Toomaas, biyyattii keessatti jibbinsi lammilee biyya biraa irratti xiyyeeffate jiraachuu ifa ta’ulleen, kan kan caalaa itti hammatu baqattoota sanada hin qabnerratti ta’uu dubbata.

Haata’u malee, haalli siyaasa jibbiinsa baqattoota biyyattii keessatti babal’ate, lakkoofsa barattoota barnootaaf gara Afrikaa Kibbaa dhaqanii hir’iseera jedhee amana.

‘‘Ani akka dhunfaakootti qaamni kamuu aangoo qabatu waanan seera qabeessa ta’eef kan na tuqu hin jiraatu. Wanti na yaadeessuus hin jiru’’ jedha.

Yeroo ammaatti Keeptaawonitti barsiisaa kan ta’an lammiin Ruwaandaafi hayyuun saayinsii naannoo, Albart Mopazaayaaboo, biyya wagga 27f keessa jiraatanitti, wantoota filannoorratti ka’aa turan hodrofuu kaasu.

Baqattoonni, koolugaltoonniifi hojjattoonni biyya biraa osoo garaagarummaa omaa hin godhiin haala walitti qabeen, qaamooleen imaammata baasan kan ittiin miliqan ta’eera jedhan.

Rakkoolee diinagdeefi hawasuummaa damee hedduu Afrikaa Kibbaa Appaartaayidiin booda mudateef hojjattoota lammiilee biraa sababa gochuun agarsiisuuf yaaluun ‘‘haqa- kan hin taanedha’’ jedhan.

Lammileen Afrikaa Kibbaa

Paartiilee hundaafuu waamicha taasisuu kan beeksiise ANCn, ‘‘bu’aaleen filannoo lammileen Afrikaa Kibbaa paartiileen hundi akka wal ta’an barbaadu’’ jechuun ture dubbi-himaan ANC, Maahileengii Biheenguu Mootisiirii kan dubbatan.

Xinxalaan Chaatan Hawuus, Kiriistoofar Veendoom, olaantummaan ANC dhumee, bulchiinsii paartii sab-daneessaa dhufuunsaa akka fooyya’insa gaariitti ilaalamuu danda’a jedhan.

Haata’u malee, paartiilee siyaasaa qindooman Afrikaa Kibbaatti seenaa gaariifi dadhabaa jedhame akka qaban kaasuudhaan, barrii shanan ittaanan, ‘‘yeroo wantonni hin eegamne itti mudatan ta’uu dana’a’’ jechuun yaada kennan.