Waggaa 75 keessatti ganda namni jalqabaa hojii mootummaa itti argate gammadaa jiru

Gandi Baha Indiyaa naannoo Bihaar jedhamtu tokko waggoota 75 keessatti jiraataan gandichaa hojii mootummaa argannaan gammachuu isaanii ibsataa jiru.

Namni Raakesh Kumaar jedhamu ganna 30 yoo tahu, barsiisaa mana barumsaa sadarkaa jalqabaa tokko tahe.

Jiraattonni gandichaa jiraataan ganda isaanii hojiima mootummaa kana argannaan karameellaa waliif bittinsuun gammachuu isaanii ibsataa jiru.

Oduu kana turban darbe dhagahan. Indiyaatti hojiin mootummaa akkaan barbaadama. Kunis faayidaa adda addaa fi wabii waan qabuufi.

Obbo Kumaaris mana barumsaa Barkurwaa achuma ganda isaa Sohaagpu jedhamtu keessatti argamu keessa barsiisa.

Gandicha keessa manni barumsaa mootummaa jiraatus, barsiisonni garuu naannoo biraa irraa ramadamuun ture kan barsiisan.

Bulchaan gandichaa Devendraa Chowhiharaa, erga bara 1947 as jiraattotni ganda isaanii hojii mindaa gaarii kaffalu barbaadaa turan jedhan.

Indiyaan yeroo sana kolonii jalaa walaba baate. Garuu kallattiitti abjuu isaanii kana dhugoomsan hin argamne jedhan.

 Barattootni hedduun barnootaaf jecha gara magaalota gurguddootti imalaa turan.

Haata'u malee, namni tokkoyyuu hojii mootummaa argachuu hin dandeenye jedhan.

Kumaaris barsiisaa tahuun abaarsa waggoota hedduuf ture akka cabsanitti lakkaa’u jiraattotni gandichaa.

Obbo Devendraa Chowhidraa, Kumaar hojii mootummaa argachuun ‘’duumessa dukkanaa fi carraa dhabumsa gandicha irraa akka kaasetti ilaalama, jedhan.

‘’Milkaa’ina isaa kanaan dhalootni haaraan kun ni onnata’’ jedhan.

Kumaar BBCtti akka himetti, ganda isaa akkasitti boonsuu isaan gammachuu guddaatu itti dhagahame.

Haa ta'u malee, imalli isaa kun salphaa akka hin taane hime.

Kumaar ilma abbaa qabeenyaa mana dhugaatii tokkoo yoo tahu, mana barumsaa sadarkaa lammaffaa hordofuuf gara maayilii 20 tahu gara magaalaa Muzaafuritti saayikiliidhaan imalaa ture.

Waan ittiin jireenyaas argachuuf yeroo bilisaa qabu irra dargaggoota barsiisaa ture.

Erga bara 2016 abbaan isaa boqatanii ammoo haalotni ittuu ni hammatan jedha.

‘’Abjuu abbaakoo dhugoomsuuf kutadheen hojjechaa ture. Akkan hakiima ykn barsiisaa tahu barbaada ture,’’ jedhe.

‘’Amma abjuu isaa dhugoomseera,’’ jedhe Kumaar.

Kumaar hojiin kun carraa jireenyaa biraa akka isaaf banu hima. Amma qormaata biyyaalessaa kan mootummaan kennu fudhachuun hojjetaa hawaasaa tahuuf karoorsuu hime.