TPLF caasaa hoggansa isaa jijjire oduun jedhu dhara jedhe

Oduun waliigaltee nagaa Sadaasa keessa TPLF fi mootummaa Itoophiyaa jidduutti taasifame hordofuun, caasaa anga'oota olaanoo miseensa koree giddugalaa isaa jidduutti jijjiramni taasifame jedhu dhara ta'uu Dubbi Himaan garichaa Obbo Getaachoo Reddaa beeksisan.

Obbo Geetaachoon kana kan jedhan, erga oduun waliigaltee nagaa waraana waggaa alamaaf gaggeeffamee dhuma itti gochuuf taasifameetiin, TPLF qondaaltoota isaa buleeyyii ta'an muraasaa aangoorraa kaasee jira jedhu miidiyaa hawaasaa irratti qoodamu hordofeeti.

Haata'u malee oduun kun soba ta'uu Obbo geetaachoon karaa toora tiwitaraatiin himan.

Dubbii Himaan TPLF Obbo Getaachoo Raddaa ergaa karaa miidiyaa hawaasaa isaatiin barreessaniin, ''nageenyaa fi jiraachuu ummata Tigraay haala hubannoo keessa galchuun jijjiirama taasisuuf wal hubannoon jira'' jedhan.

''Haata'u garuu, kaabineen haaraa hundaa'e ykn jijjiiramni taasifame tokkoyyuu hin jiru," jechuun gaafa Dilbataa Amajjii 22, 2023 fuula tiwiitaraa isaanii irratti barreessan.

Haaluma wal fakkaatunis, qondaalli naannichaa kan biraa, Pirofesar Kindiyaa Gabrahiwoot fuula Twitara isaanii irratti, oduun TPLF miseensoota koree jidduugalaa isaa olaanoo shan hojiirraa kaaseera jechuun miidiyaa ESAT jedhamun darbe dhara jechuun barreessan.

Itti dabaluunis "ESATtv yoomu madda oduu ammee amanamaa ta'e hin beeku, ammas miti" jedhan.

Namoota naannichatti dhaggeettii qaban dabalatee, qondaaltoonni TPLF guyyoota jahan darbaniif wal-gahii cufaa taa'aa akka jiran himama.

Haata'u malee, qondaaltoonni amma dhimma aangoorraa kaafamuu miseensoota TPLF muraasni dhara ta'u himan kunneen waa'ee walgahichaa irratti waan jedhan hin qaban.

Waraana kaaba biyyatiitti waggoota lamaaf gaggeeffamuun badii qabeenyaafi namoomaa olaanaa qaqabsiise karaa nagaatiin furuuf mootummaa federaalaafi TPLF gidduutti waliigaltee nagaa baatiiwwan lamaan dura mallattaa'un ni yaadatama.

Haaluma waliigaltee kanaatis, naannoo Tigraayitti mootummaan cehuumsaa hundaa'ee filannoon bifa haaran kan gaggeeffamu ta'a.