Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Loltoonnishee ergama haaraa Somaaliyaan ala ta'us Itoophiyaan al-Shabaabiin loluu akka ittifuftu beeksifte
Ergama deeggarsa fi tasgabbii Gamtaa Afrikaa haaraa Somaaliyaatti bobbafamu keessatti kan hin hammatamne Itoophiyaan, hidhattoota al-Shabaab dadhabsiisuu ittin fufa jette.
Dubbi-himaan Ministeera Dhimma Alaa Itoophiyaa Ambaasaaddar Nabiyaat Geetaachoo, duulli Itoophiyaan garee hidhattoota al-Shabaab dadhabsiisuuf eegalte akka itti fufu Sadaasa 14, 2024 himan.
Ambaasaaddarichi, “al-Shabaab sadarkaa yaaddoo nageenya biyyaaf hin taanerra hanga ga’utti, garicha dadhabsiisuuf tarkaanfiin fudhatamu ittifufa,” jedhan.
Waggoota kudha torbaaf Gamtaa Afrikaa jalatti ergama nagaa eegumsaaf loltoota Somaaliyaatti kan bobbaste Itoophiyaan, ergama nagaa eegumsaa haaraa keessaa baafamuu Ministeerri Ittisa Somaaliyaa dhiheenya kana beeksisee ture.
Somaaliyaattii ergama nagaa haaraa keessatti waraanni Itoophiyaa akka hin hammatamne biyyattiin ifoomsiteetti.
Dubbi-himaan duraanii Ministeera Dhimma Alaa Itoophiyaa Obbo Nabiyyuu Tadilaa, nageenya Itoophiyaaf yaaddoon yoo mudate ‘’Itoophiyaan calliftee hin ilaaltu’’ jedhanii turan.
‘’Eeyyyama hin eeggannu nuti tarkaanfii ni fudhanna’’ jechuun BBCtti himanii turan.
Ambaasaaddar Nabiyaat Kamisa waa'ee gumaacha Itoophiyaan naannichaaf qabdu gaazexeessitootatti wayita himan, "yaaddoo shororkeessaan al-Shabaab naannichatti uume qolachuurratti Itoophiyaan gahee ijoo taphachaa jirtu hawaasni addunyaatu ni beeka," jedhan.
Torbee muraasa dura waraanni Itoophiyaa Somaaliyaatti bobbaafamuun sochii al-Shabaab akka dabalu taasise jechuun Ministeerri dhimma Alaa Somaaliyaa qeeqa dhiyeessee ture.
Ministeerri Dhimma Alaa Somaaliyaa, biyyoota shanan loltoota isaanii biyyattii keessatti bobbaasanirraa haala adda ta'een,’’ waraanni Itoophiyaa bobbaafamuun sochii Al-Shabaab dabaluuniifi jijjirama xiqqaa fide" jechuun qeequun ni yaadatama.
Waliigaltee wal-hubannoo ulaa galaanaa ilaallatu Somaalilaand waliin Itoophiyaan mallatteessuu hordofee, Somaaliyaan ergamni nagaa osoo hin xumuramin, loltoonni Itoophiyaa kumaatamaan lakkaa’aman biyyattii keessaa akka ba’an akeekkachisuun ni yaadatama.
Gorsaan dhimma nageenya biyyaa Somaaliyaa Huseen Alii kanaan dura Itoophiyaan waliigaltee Somaalilaand waliin mallatteesite yoo hin haqne, akkasuma miseensonni waraana Itoophiyaa hundi biyyattii keessaa akka baafaman akeekkachiisanii turan.
Itoophiyaan ATMIS jalatti loltoota gara kuma sadii, waliigaltee Somaaliyaa waliin qabduun ammoo 2000-7000 biyyattiitti bobbaastetti.
Dhaabbanni oduu mootummaa Somaaliyaa (SONA) fi AFP’n dhiheenya kana akka gabaasanitti, Ministirri Ittisa Somaaliyaa Abdukadir Mohaammad Nuur waraanni Itoophiyaa ergama nagaa eegumsaa marsaa ittaanutti akka hin hirmaannee mirkaneessan.
"Itoophiyaan walabummmaafi tokkummaa Somaaliyaa sarbite" jechuun murtee murteessuu ibsuun, tarreen biyyoota ergama deggarsaafi tasgabbii Gamtaa Afrikaa haaraa loltoota isaanii bobbaasan yeroo dhiyootti akka ifoomu ibsaniiru.
Masriin ergama nagaa eegsisu haaraa Somaaliyaa keessatti bobbaafamuuf loltoota erguuf yaada dhiheessite Gamtaan Afrikaa akka simatu beeksisuun ni yaadatama.
Itoophiyaan biyya walaba ta’uu kan labsatte garuu sadarkaa idil-addunyaatti beekamtii hin arganne Somaaliland waliin waliigaltee walhubannoo mallatteessitee Somaaliyaa dheekkamsiisuun naannichatti muuddama uumeera.
Itoophiyaan ulaa galaanaa argattutti buufata humna galaanaa hundeessituufi Somaalilaandiif beekamtii kenniti jedhamuu hordofuun Somaaliyaan dhimmicha gara Mana Maree Nageenyaa Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanitti geessitee himachuun ni yaadatama.