Tiwiitarri namoota akkawuntii mirkaneessuu fedhaniif ji’aan dolaara 8 akka kaffalchiisu hime

Akkaawuntii Elon Mask

Madda suuraa, Reuters

Tiwiitariin mallattoo akkaawuntii mirkaneessu- blue tick jedhamu kennuuf ji'aan dolaara 8 kaffaltii akka gaafatu abbaan qabeenyaa haaraa dhaabbatichaa beeksisan.

Elon Mask dhihoo doolaara biiliyoona 44n dhaabbata Tiwiitara bitun ibsameera.

Murtii kuni ergaawwan dogoggorsaa irra aanuuf gargaara jedhan.

Mallattoon maqaa bira ka’amtu (blue tick) yeroo ammaa bilisaan namoota maqaa guddaa qabaniif kennama.

Qeeqxonni adeemsi dureessa kanaa maddeen amanamoo adda baasuu rakkisaa taasisuu danda’a jedhu.

Dureessi addunyaa kanaa namoonni kanfalan deebii kennuu (replies) fi barbaacha (search) irratti dursi akka kennamuufi ibsan.

Adeemsa kana dura mallattoon kuni itti kennamu ‘sirna gabbaariin’ fakkeessan.

Aab Maask akkuma tiwiitarii harkaan ga'ataniin, akkaawuntii mirkaneessuurratti seerri kanaan dura ture akka jijjiiramus ibsaniiru.

Dhaabbati Tiwiitarii galii argachuuf hamma beeksisarratti hirkate xiqqeessuuf yaada kana akka fidanis ibsaniiru.

Dhaabbileen erga Elon Maask tiwiitara bitee booda dhaabbaticha irratti beeksisa dabarsuu dhiisaniis jiru.

Yaaddoo hojjattoota hir'isuu

Elon Maask baasii hir'isuudhaaf ji'a itti aanuu kaasee hojjattoota tiwitaraa hir'isuuf jira jedhee gabaasni bahus dureessi kuni garuu ni haalan.

Dubbiin yaaddoo hojjattoota hir'isuu kan dhagahame Elon Maask torbee darbe dhaabbata Tiwiitaraa bituu hordofee gaggessaa olaanaa, dura taa'a fi hoji gaggeessaa faayinaansii dabalatee gaggeessitoonni dhaabbatichaa olaanoon aangoo gadi lakkisuu isaanii hordofeeti.

Elon Maask hojjattoota dhaabbatichaa heddu hir'isuuf ajaja dabarsuu isaanii Niwu Yoorki Taayims gabaasee ture.

Elon Maask garuu 'kuni soba' jechuun fuula tiwiitara irratti kataban. Erga Elon Maask tiwiitara bitanii as maaltu jijjiirama kan jedhu fayyadamtoota toora midiyaa hawaasaa kaan biratti gaaffii guddaadha.

Namoonni haasaa fi ilaalcha jibbiinsaa hordofuu isaanitiin tiwiitara akka hin fayyadamne godhaman deebi'anii akka fayyadaman eeyyamamuufii mala sodaa jedhu kan qabanis jiru.