‘Yuuroo kuma jaha narraa fuudhee bade’- mudannoo namoota maallaqa ergan mudatu keessaa

Maallaqa Itoophiyaa- birrii

Madda suuraa, SOCIAL MEDIA

Naannoo Tigraay kan waggoota lamaan darbaniif waraanni keessatti gaggeeffamaa jirutti tajaajilliwwan bu’uuraa adda citusaatti jireenyi ummatatti cimaa ta’eera.

Hedduunis jireenyaafi hiriyummaa, barnootaafi hojii, hunda caalaa nagaa waraanaan dura qabaachaa turan sana hawwu.

Bakka yoo dhukkubsatan fiiganii wallaansa itti argataa turan amma gamoo qofatu hafe.

Akkasumas suuqiiwwan duraan waan barbaadan keessa bitataa turan amma duwwaa amuummataa oolu.

Daldaltoota waan qaban gatii qaaliidhaan gurguran irraa waa bituuf ammoo maallaqni eessaa haa dhufu.

Abbaa ijoollee lamaa kan ta‘an Obbo Abrihaa Yihidagoo, waajjira mootummaa tokko keessatti hojjataa mana galmee ta’uun hojjachaa turan.

Amma garuu maallaqni kanfalamu waan hin jirreefuu hojii akka dhaabe ibsa.

‘‘Waraanichi ni dhiphisa. Jireenya jiraataa jirru akkamiin akkan sitti himu hinbeeku. Ittuma caalaa adeema.

Ani maallaqa darbee darbee naaf ergamu eeggadheen ijoollee koo jiraachisuu yaalaa jira. Amma waan hundi waan dabaleef maallaqni faayidaa hin qabu. Omaas bitaa hin jiru,’’ jedhu.

Kanneen biyya biraatii fira qaban rakkoo keessa jiran himuun deeggarsa gaafatu.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Maallaqicha gara naannichaa galchuuf bu’aa bahiinsaa baayyee cimaadha.

Kanaaf Naannoo Tigraayiitti kan dhalatan Daareektarri Olaanaan Dhaabbata Fayyaa Addunyaa Dr Teediroos Adihaanoom osoo hin hafne maatii keenyaaf maallaqa erguuf rakkachuu kan dubbatan.

‘‘Tigraayii firoota baayyeen qaba. Maallaqa erguun barbaada. Garuu erguu hin dandeenye,’’ jedhanii ture ibsa tokkorratti.

Waraanichi baankii dabalatee tajaajillawwan hawaasummaa adda addaa akka adda citaniif sababa ta’uun, ummanni naannichaa miiliyoonaan lakkaa’amu tajaajila baankii hin argatu.

Tajaajilli faayinaaniisii adda citunsaa ammoo, maallaqa gara naannichaatti erguu rakkisaa gochuun baasii olaanaa kan gaafatu taasiseera.

Kanas hordofee maatiin tokko tokko, maallaqa argachuuf jecha qabeenyaawwanii fi waan qabna jedhan gurguraaniiru.

Kaan ammoo harka maatiifi hiriyoota biyya biraa jiraatan eeggatu.

Salaam Baalkanyi Yunivarsitii Maqaleetti, oggeessa sirna koroniyaa yoo taatuu, waraanichaan baatii muraasaan dura carraa barnootaa argachuun gara biyya Beeliyeem imaltee turte.

Amma garuu sababii waraanichaatiin gara naannichaatti deebii’uuf akka dadhabde dubbatti.

Namoonni akka Salaam biyya alaa taa’uun maallaqaan maatiifi hiriyoota saanii deeggaraa jiran, gara naannichaatti maallaqa erguun baayyee wal xaxaafi mala wabii hin qabnee fayyadamu.

‘‘Lubbuun turuuf imimmaan hudhaa maallaqa naaf ergi waan jedhaniifu, maallaqa erginu keessaa wallakkaan ol nu jalaa fudhatamaa karaa seeraan alaatiin erguuf dirqamna,’’ jetti Salaam.

Isheenis waggaa tokkoo oliif karaa adda addaatti fayyadamuun maallaqa ergaa turu dubbatti.

Daddabarsa maallaqaa naannoo Tigraay

Maallaqa erguuf jalqaba namoota Finfinneetti argaman fayyadamuudha.

Isaanis namoota Maqaleetti argamaniifi maallaqa qaban waliin hidhata qabu.

Erga namoota Finfinneetti argamaniitti maallaqichi baankiin galchaniif booda, enyuutti akka ergamuufi maqaa nama erguu bilbilaan waliin haasa’u.

Isaanis abbootii qabeenyaa Maqaleetti argamaniitti bilibiluun maalaqni hangamii akka ergamee, fi yoom akka fudhatan itti himu. Isa keessaayis komishinii fudhatu.

Qaamni maallaqa erguufi kan fudhatu odeeffannoo waliif dabarsuu gahee mataasaaniiti.

Malli ittiin maallaqni dadabarfamu kan biraa ammo, karaa namoota daangaalee Affaariifi Amaaraa socha’aniifi maallaqa dadabarsuu irratti bobbaa’aniitiin. Mallik un ammo waliigalte tokko barbaada.

Jalqaba kan ergu haaluma waliigaltee namoota maallaqa dadabarsan waliin taasisuun komishiin %30-50 gaafatu. Erga waliigalte irra gahaniin booda maallaqni hafe nama ergameef qaqqaba.

Maallaqni karaa Affaariin ergamuuf kanfalamu baayyee gadaanaa yoo ta’u, maallaqni na ergameef bira hanga gahuutti ammoo hanga baatii sadii fudhachu akka danda’u fayyadamtoonni ni dubbatu.

Kun hundis amantaa qofaan raawwatama. Namoonni maallaqa dadabarsan tokko tokkoos erga maallaqicha qaqabsiisaniin booda sagalee ykn suuraa waraabuun nama maallaqa ergeef ergu.

Salaamis filmaatawwan kana hundaa fayyadamte jirti.

‘‘Yeroo tokkos obboleessikoo dhukkubsatee, dafaatii maallaqa ergaa waan jedhameef, birri kuma 67 ergeen kan maatiikoo bira gahee garuu kuma 30 qofaa ture. Kanaanis baayyeen aaree’’ jetti.

Kunis sababii sararri namoota maallaqa dadabarsanii Finfinnee kaasee hanga Tigraay kan diriiree ta’eef, maallaqni ergame hanga nama ergameef harka qaqabuutti namoota hedduutuu irraa bu’aa argata.

Namni hojii kanarratti bobba’eef kana dura BBC dubbise tokko, ‘‘komishiiniin fudhannu hundi kiisii keenya hin galu. Maallaqa tokko baankii wayita baafnuu namoota hedduutuu kan shaayiin irraa barbaada. Dabalataanis maallaqa baayyee qabatanii gara Tigraayi seenuun comaa fi danqaan kan itti baayyateedha. Kanaafuu maallaqaan keessa dabarra’’ jedhe ture.

‘Yuroo kuma jaha fudhate bade’

Sababii baankiin biyyaalessaa dameewwan baankii naannoo Tigraay hunda cufeen wal qabate, dameewwan baankii naannichatti argaman 616 cufamaniiru. Kanaanis maallaqa gara naannichaatti ergamees ta’e karaa ATM maallaqa baafachun hin danda’amu.

Sababii kanaatinis maallaqni karaa adda addaatiin jiraattoota naannichaatiif ergamu namoota harkatti dabee haalli itti fahu jiraachu dubbatu.

Baatii Caamsaa darbee bulchiinsii Magaala Qobboo maallaqa karaa magaalattiin darbaa ture birria miiliyoona sadii qaamoolee nagaatiin to’annoo jala oolchuu beeksiisee ture.

Namoonni maallaqa dadabarsan daandiirratti yoo sakkatta’insii jiraate akka jalaa fudhatamu dubbatu.

Salaamis baatii jahaan dura sarara karaa naannoo Affaariin jiruutti fayyadamuun yuuroon kuma jahaa gara Tigraayiitti ergite turte, nama ishee harkaa fudhe biratti osoo bakka yaadamee hin qaqabiin hafu dubbatti. Taateen akkasii kunis namoota baayyee irra qaqqabeera.

‘‘Barsiisaa Yunivarsitii Samaraati. Hiriyaan keenya tokko yuuroo kuma tokkoo karaasaa ergee guyyaa sadii keessatti Maqalee qaqabe. Komishiiniin kanfalchiisuu %22 waan tureef, kan nuuf hir’ita argachuutti baayyee gammadne. Yoo baayyee natti kennitan kan kanfaltan isiniif ni hir’ata, anis hin deeddeebii’u waan naan jedheef, namoota garaa garaa gaafadheen yuuroo kuma jaha erge’’ jetti.

Maallaqa ergite keessaa yuroonni kumni sadii kan ishee yoo ta’u, kan hafee hiriyoota irraa kan fute ture. Maallaqichis jijjirraa yeroo sanaatti gara birri kuma 327 ni ta’a ture.

‘‘Osoo baankoonni saaqamanii rakkoo akkasiif hin saaxilamnu turre. Garuu ammo maatiin keenya lubbuun akka turaniif waan barbaadnuuf filmaatawwan dhiphinaa akka fudhannuuf dirqamne’’ jetti.

‘Namni hundi maallaqaa fi qoricha gaafata’

Naannoo Tigraayiitti tajaajilli bilbilaa waan adda citeef malli jiruu bilbila saataalaayitii dhaabbilee deeggarsaa qofaaadha. Waldaan Fannoo Diimaa Idil-addunyaa bilbilawwan saataalaayitii kanneeniin jiraattoonni maatiiwwan isaanii fi hiriyoota naannichaan alatti argamaniin akka wal qunnamaniif hojjataa turan.

Hanga yoonaattis walidichi ‘‘namoota waraanaafi walitti bu’insaan adda bahan kuma 115tti siqan’’ ergaafi bilbilaa akka taasisan ibsa.

Konkolaachisaan nageenyasaatiif jecha maqaasaa hin eerreefi deeggarsa gara naannichaatti fe’u tokkoo, yeroo garaa garaatti naannichatti deeggarsa fe’ee geessuu hima.

‘‘Daandiirra waa hedduutuu jira. Badiin sababii waraanaatiin qaqabee daandiiwwan irratti ni mul’ata. Konkolaataawwan gubatan, maneen barbadaa’an hedduudha. Waraanichi kan daandiirratti mul’atu fakkaata’’ jedha.

Naannichatti eddoowwan imaleetti badiin qaqabee hedduu ta’u kan dubbatu, konkolaachisaan kun, konkolaachistoonni tokko tokkoos Finfinnee wayita ka’an namoota maallaqa naaf qaqqabsiisaa jechuun akka ergan ibsa.

‘‘Tigraayiitti rakkoo baayyeetu jira. Daandiirratti maaloo maallaqa ykn qoricha naaf fide jedanii kan gaafatan baayyeedha, keessattuu dhukkubsattoonni kaansarii. Acumaa bitachuuf maallaqa hin qaban. Namni hunduu maallaqa si gaafata.’’

Dhaabbanni Mootummoota Gamtoomanii, deeggarsa gara naannoo Tigraay geessuu akka dhaabe Adooleessaa darbe beeksiisee ture. Yeroo sanattis namoonni miiliyoona 5.2 ol deeggarsa yeroo atattamaa akka isaan barbaachisu Sagantaan Nyaata Addunyaa ibseera.

‘‘Waraanni akkasii ni jiraata jedhee yaadee hin beeku. Bara kana keessa haatii kee osoo lubbuun jirtuu guyyaa tokkolleen osoo bilbilaan sagaleshee hin dhagahiin turuun cimaadha. Guyyaa guyyaan namoonni du’an, haleellaan qilleensaa raawwatame, daa’imman beelaan du’aa jiru oduu jedhu dhagahuun na dhiphisa’’ kan jettu Salaam, waraanichi akka dhaabbatuuf awwiti.