Masriin waliigaltee waraanaa booda Somaaliyaaf meeshaa waraanaa ergite

Waliigaltee waraanaa booda Masriin meeshaa waraanaa Somaaliyaaf ergite

Madda suuraa, @TheVillaSomalia

Masriin Somaaliyaa waliin waliigaltee waranaa tibbana erga mallatteessitee waggoota 40 booda yeroo duraaf meeshaa waraanaa Moqadiishoof erguun gabaafame.

Maddeen dippiloomaatotaa sadiifi kan mootummaa Somaaliyaa meeshaan waraanaa Masriirraa ergame Somaaliyaa qaqqabuu mirkaneessuu isaanii Rooyitarsi gabaaseera.

Waliigaltee ulaa galaanaa Somaalilaand waliin mallatteessuu booda Moqaadishoo wlaiinmuuddama keessa kan galte Finfinneen sochii waraanaa Masriin naannichatti gochaa jirtuun daranuu hammaachuu mala yaaddoo jedhu uumeera.

Pirezidantiin Somaaliyaa Hasan Sheek Mohaammud Roobii Hagayya 14/ 2024 magaalaa guddoo Maasrii Kaayeroo, masaraa biyyaalessaa Al-Itihaadiyaatti gita isaanii Abdal Fattaah El-Siisii waliin erga mariyatanii booda waliigalteen waraanaa kun mallateeffame.

Masaraan biyyaalessaa Somaaliyaa yeroo san ibsa baase keessatti waliigalteen ittisa irratti hundaa'e kun ''wal tumsuu biyyoota lameenii kan cimsuu'' jedheera.

Masiriin nagaa kabachiisuuf jecha humna waraanaa ishee gara biyya ollaa Itoophiyaa taate Somaaliyaatti erguuf gaafatteetti.

Gamtaan Afrikaas Masiriin humna waraanaa ishee nagaa kabachiisuuf gara Somaaliyaatti nan erga jechuu ishee akka simates gabaafameera.

Gamtaan Afrikaa bifa haaraan humna bahuuf jedhu kana humna haaraa biraa ijaaramuu fi maqaa 'African Union Support and Stabilization Mission in Somalia' jedhuun bakka buusuuf jira.

Manni Maree nageenyaa fi tasgabbii Gamtaa Afrikaa wal gahii tibbana taa'e irratti Masirii fi Jibuutiin humna waraanaa isaanii ergama haaraa kana jalatti gara Somaaliyaatti erguun akka nagaa kabachiisan gochuuf gaaffii dhiyeessuu isaanii ibse.

Gama kaaniin Somaaliyaan waliigaltee ulaa galaanaa falmisiisaa kan Itoophiyaan Somaalilaandiif beekamtii biyyummaa akka kennitu hiree uuma jedhamee booda waraanni Itoophiyaa qaama nagaa kabachiisaa ta'ee akka itti fufu akka hin eeyyamne ibsiteetti.

Mootummaan Somaaliyaas ta'e Masriin gosa arjoomaa dhiyaate fiodeeffannoo dabalataa ammatti hin kennine.